Waaqeffannaa

Wikipedia irraa

Waaqeffannaan sirna amantii Waaqa tokkichatti amanuu fi lubbu qabeessi hundi isaan uumamuu fudhachuu dha. Waaqeffannaan amantii sanyii Kuush hundaati, Oromoos dabalatee. Oromoonni waggaa kuma hedduudhaf waaqeffannaatti bulaa turan.

Ayyaana[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Akka Waaqeffannaatti, uumama hundaaf, Waaqni Ayyaana kenneeraf. Ayyaanni Waaqa fi uumama gidduutti akka riqichaatti ilaalama, akkasumas fedhii Waaqaa akka isaanitti agarsiisutti fudhatama. Ayyaantuun nama Ayyaana wajjin dubbachuu danda'uu fi amantoonni seera, duudhaa fi qabeenya Waaqaa akka eeganiif geggeessummaa kennaniidha. Waaqni uumamuu fi jiraachuu Ayyaana, lubbu-qabeessa fi lubbu-dhabeessa, wantootaa fi al-wantoota hunda too'ata, akkasumas madaallii Waaqaa fi lafaa sirreessa.

Waaqeffannaa keessatti, Waaqayyo namoota waliin kan walqunnamu karaa ayyaanaati. Dureewwan amantii akka bakka bu’oota Waaqaatti ilaalamu. Akka Waaqeffannaatti, Waaqayyo ayyaanota kana laggeen, tulluuwwanii fi mukkeen gurguddoo keessa kaa’era. Kanaaf bakkeewwan ayyaanonni jiraatan lafa eebbifamoo fi kabajamoo jedhamanii amanamu. Bakkeewwan eebbifamoon kunneen bakkatti namoonni amantii itti gaggeeffatan, wareeggatanii fi Waaqa itti kadhataniidha.

Jila[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ayyaaneffata Oromoo keessatti, ayyaanota amantii baay'eetu jira.

Ammachiisa/Moggaasa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Barruu Guddaa Moggaasaa

Ammachiisa guyyaa itti daa'ima reefu dhalatte maqaa moggaasanii fi eebbisani. Kunis maqaa moggaasaa jedhama.

Booranticha[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Boorantichi (Nabi/Booranticha) Ayyaana warri abbootii (ayyaana dhiira warra mana bahee) waggaa keessatti yeroo tokko akka amantiitti maatiin ykn balballi tokko qe’ee angafaatti walgahee kabajuudha. Guyyaa kabaja ayyaana kanaa mijuu fi dhangaan qophaahu gosa adda addaatu jira. Yeroo fi akkaataan itti kabajamu naannoo naannootti xiqqoo addummaa qabaatus jifuu fi duudhaan guutamuu qabu tokkuma.

Ateetee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Barruu Guddaa Ateetee

Ateeteen ayyaana haadhaati. Ayyaana dubartii fi hormaataati. Oromoon kan dhugeeffatu, Ateeteen ayyaana sanyii fi hormaataa kan dubartiin facaafattu. Dubartiin ayyaana kana kan facaafattu ayyaanni haadha ishee, isheefis tolee akka dhala ishee qajeeluuf uumamaan Waaqa kadhatti. Ateeteen  Saddeetatti kabajamti. “Saddeettan Ateetee jedhama”. Kana jechuun  waggaa lamatti al tokko kabajamti. Birraa keessa ykn yeroo midhaan (jarmiin) alaa walitti qabamee galu, ykn Arfaasaa yeroo roobni roobee margi dagaagee loon quubse, ykn yeroo sanyiin faca’uu jalqabu ta’a. Ateeteen Loon mataa ishii qabdi. Loon Ateetee jedhamu. Dhadhaa finnan loon sanaatiin  sirna Ateetee bulfatu. “Waan hundi Faanshoo Ateeteeti” jedhu’ Ateeten ayyaana hormaataa haa taatu malee, irra jireessi Ishii bal’inaan aadaa calaqqisiisa.

Wadaajo/Wadaaja

Wadaaja jechuun firummaa, aantummaa, wal mararfachuu, walii yaaduu, walii birmachuu jechaadha. Kanas warra ykn maatii tokkotu bulfata. Guyyaa kana ayyaantuu warra dhahaa fi faaruu ayyaana kanaa beekan afeeruun Waaqa isaanii kadhachaa, faarfachaa, galateeffachaa bulu. Ayyaanni kun bakka tokko tokkotti ayyaana ” jaalaa” ni jedhama. Ji’a ji’aan ta’uu danda’a, Waggaatti ala lama ykn tokkos ta’uu ni danda’a.

Ayyaana Irreecha Malkaa fi Tulluu

Irreechi sirna aadaa Oromoo gamtaadhaan tulluu fi malkaa irratti ba’anii waaqa kadhatanii, faarfatanii fi galateeffatan. Karaa biraatiin Irreecha yemmuu jennu hiika (yaada) birootis niqaba. Kunis marga ykn coqorsa sirna ayyaaneffannaa tokkoof ykn araaraaf yoo deemamu harkatti qabatamus ni ibsa. Akkasumas hiikoo gara warra waa beeku bira deemanii namaaf himamu tokkoof kaffaluu (galchuu) ta’uu danda’a. Akkasumas Irreessa jechuun aangessuu jechuus nita’a. Ayyaanni Irreechaa waggaatti yeroo lama Birraa fi Arfaasaa kabajama.

Taaboree/Ukee

Ayyaanni kun ayyaana ijoollee dhiiraa kan ganni isaanii waggaa 16 gadii ta’an waggaatti altokko kabajani. Guyyaa ayyaana kanaa mijuu fi cunqoo qophaa’eef erga soorratanii eebbifatanii booda dirreetti waliin bahuun Qaccee dhukaasu ykn wallaansoo taphatu. Yeroo fi akkaataan ayyaanni kun bakka adda addaatti kabajamu gargari ta’uu nimala. Kanaaf qorannoo barbaachisa.

Ingiccaa/Qunnii darbaa

Ayyaani kun ayyaana ijoollee dubraati. Waggaatti yeroo tokko walitti dhufanii ayyaaneffatani. Guyyaa jala bultii ayyaana kanaa dubri ollaa waliin miidhagdee  gara lagaa ykn dirreetti bahuun gosa margaa Qunnii jedhamu buqqifatu. Yeroo dhaqaa fi galaa sirboota ykn wallee wallisan niqaban. Galgala isaa Qunnii buqqifatanii manatti galan sana battee dhahu. Inni dhahame kun Ingiccaa jedhama. Ganama isaa ingiccaa kana akkuma duraa gurmuun waliin ollaarra deemuun Ingiccaa utubaa ykn gorroo manaatti hidhu. Yeroo kana dhangaa adda addaa afeeramuun dhadhaas muudamanii eebba fudhatu. Xumurarra Galma Ayyaanaa ykn waltajjii tokkotti walgahanii gamtaan sirna ayyaana kanaa sirbaa fi wallee gara garaan kabajanii oolu.

Gannii/Qillee

Ayyaanni kun ayyaana looniin beekama. Bakka tokko tokkotti ammoo akkuma ayyaana biraatti fudhatama. Gara Maccaatti akkitti beekamuu fi Tuulama keessatti akkasumas naannoo gara kibbaa fi bahaatti adda adda ta’uu danda’a. Guyyaa ayyaana kanaa mooraa looniitti marqaa marquun itti facaafatanii hormaata isaaniif eebbisu. Akkitti waanti kun raawwatu hedduu fi bal’aadha. Guyyaa kana Qillee  fi Gugsii fardaa taphachuunis ni beekama.

Kana malees ayyaanotii guyyaa lafaa (ayyaana dachii), guyyaa sanyii (jaarii) fi kkf hedduun kan maqaa hin dhahiin godinoota Oromiyaa garaagaraa keessatti yeroo adda addaatti kan kabajaman nijiran.

Eebbifachuu[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kanas ilaali: Eebba Waaqeffannaa

Oromoo Waaqeffattoonni gaafa ayyaanota adda addaa kabaju Waaqa galateeffachuu fi waaqeffachuuf ni eebbisu. Kunis waqtiilee adda addaatti geggeeffama. Eebbifannaanii fi Waaqeffachuun hojii Waaqeffannaa keessaa tokko.

Eebbifannaa muraasa:

  • Akka ijoollee keenyaa eebbisuuf abba keenya gaafanna.
  • Yaa Waaq kan dubbatee nu dubbachiisu fi kan hamaa nutti yaadu nurraa qabi.
  • Yaa Waaq mirga nu oolchi; hamaa nurraa qabi.
  • Yaa Rabbii, ilmi ga’e haa fuudhu, dubarri geesse haa heerumtu.
  • Yaa Waaq, ani galee, kan galee hin rafne narraa qabi; ani rafee kan rafee hin bulle narra qabi.
  • Yaa Waaq tolaa nutti qabi, hamaa irraa nu eegi

Ayyaanota Eebba[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Oromoon ayyaana eebbaa baayyee qaba. Oromoon waan jireenya isaa wajjin walqabatu hundumaa ni eebbisa. Fakkeenyaaf:

  • Ukee/taaboree - eebbaa fi ayyaana ijoollee
  • Ingiccaa - ayyaana ijoollee durbaa
  • Ayyaana abbaa - dhaala gaarii isaanirraa waan arganneef abbootii galateeffachuu
  • Ateetee - dubartoota eebbisuuf
  • Borantichaa - namoota gurguddaa eebbisuuf
  • Jaarii looni - loon eebbisuf
  • Jaarii qe’e ykn jaarii kosii - naannoo jireenya ykn qe'ee eebbisuuf
  • Jaarii midhaani - midhaan eebbisuuf
  • Garanfasa mucucoo - dhufaatii gannaa fi rooba ayyaaneffachuu
  • Gubaa fi irreechaa - ganni darbee birraan dhufuu ayyaaneffachuu

Cubbuu[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  • Cubbuun ni qabdi (sin has got consequence)
  • Cubbuun ni sirriqxi (the consequence of sin can be inherited)
  • Cubbuu abbaatu eeggata or cubbuu irraa abbaatu of eega (everyone should keep him-/herself from committing sin and everybody is responsible for the consequences of the sin he/she commit)”

Gatiin cubbuu asuma jireenya isa ammaarratti nama ga'a, jireenya isa du'a boodderratti odoo hin taane. Waaqayyo namoota cubbuu hojjatan adabuuf sihoolin inni qopheesse hin jiru.

Oromoonni waaqeffattoonni hammeenyi fi rakkinni lafa kanarratti namarra ga'u sababa hojii yaraa namoonni hojjatanii fi murtii dogoggoraa isaan murteessanirraa kan ka'e dhufa jedhanii amanu, kana jechuun bu'aa cubbuu namoonni hojjataniiti jechuu dha.

Gimbii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Maqaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  • Galma
  • Gimbii Diloo
  • Maaram
  • Abbaa Jamaa
  • Hiike
  • Faxe

Fayyadama[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hojiiwwan gimbii keessatti hojjataman keessaa:

  • dalaguu ykn jeekkaruu (dancing or spiritual songs),
  • irreessa kennuu (green leaf the symbol of fertility as a gift),
  • wareeguu (offerings),
  • hammachiisaa (blessing babies),
  • gashaa ykn galchaa (delicious food brought to gimbi), etc.

Seemaa (divine law)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

The Seemaa provides guidance not only on ‘religious matters,’ but addresses every aspect of life, including issues of social justice, politics, trade, international relations, family life, domestic and wild animals’ rights, ecosystem.

Seema prohibits lying, stealing, cheating, betraying, dishonesty to one’s parents and to one’s fellow human beings, drugs, alcoholism, gambling and exhibition of unethical and immoral behaviours against the prescribe social norms among others.

Kanas ilaali[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Liinkii alaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]


Amantii
Budizimii | Hinduuyizimii | Judaayizimii | Waaqeffannaa | Islaamaa | Kiristaanummaa


Aadaa Oromoo

Aartii - Afaan
Nyaata - Waaddii | Ancootee | Baaduu | Marqaa | Caccabsaa | Qoocco | Ittoo | Cuucoo | Cororsaa | Qorii | Irra diba | Qorsoddoma
Ogbarruu - Fixeensa | Mudaammuddii | Namummaa
Qoricha
Sirna Gadaa
Tiyaatira - Tiyaatira
Waaqeffannaa - Waaqa‎ | Gumii Waaqeffattoota Addunyaa | Irreecha | Ateetee
Wallee Oromoo - Dibbee Qaallu | Shaggooyyee | Geelloo | Tirrii | Dhiichisa | Ragada
Hawwisoo Oromoo - Afran Qalloo