Irreecha

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Ayyaana Irreechaa kan 2014

Irreechi amantaalee aadaa Oromoo keessatti mul’dhatan keessa isa tokkoo fi adda-dureedha. Irreecha jechuun sirna kadhaa fi galata waaqaf godhamuudha. Kadhaa fi galanni godhamu kunis iddoo fi yeroon kan murtaa’eedha. Kunis amantii keessatti gochaadhan kan ifa ta’udha. Sirna irreechaa kan hoogganu jaarmayaa Qaalluutti.

Gosa Irreechaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Irreechi iddoo adda addaatti yoo gaggeeffamellee inni guguddaan bakka lamatti raawwatama, isaanis Irreecha Tullu fi kan Irreecha Malkaatti.

A. Irreecha Tulluu (Irreecha Arfaasaa)

Irreechi Arfaasaa (Irreecha Tulluus ni jedhama) kun kan gaggeeffamu Tulluurratti yoo ta’u, yeroon isaas bonnii darbee roobni Afraasaa yeroo itti eegamuudha. Baatileen dursan turan roobni dhabamee hongeen namnii fi horiin kan itti miidhamaa tureedha. Kanaaf giddugala ji’a Bittooteessa maatiin marti gara lafa qabbana fi jiidha qabutti bahanii rooba arfaasa argachuuf waaqa kan itti kadhatanii. Tulluutti bahanii kadhachuun kun kan amantii waaqeeffannaa Kuushoota dur durin walqabateedha jedhama. Tulluun Cuqqaalaa araddaa irreecha isa guddichadha.

B. Irreecha Malkaa (Irreecha Birraa)

Irreechi Birraa (Irreecha Malkaas ni jedhama) kan raawwatu yeroo ganni xumuuramee seena baatii birraa ykn giddugala ji’a Fulbaana (22-25) keessatti. Guyyaan Irreechaa “Ayyaana Birraa ykn Xaddacha Saaquu” jedhamuunis ni beekama. Iddoon irreechaa, malkaa fi hora guguddoo irratti. Tibba darbe namoonni guutama galaanaatiin addaan citanii turan walarguuf jecha guyyaa kana akka guyyaa gammachuutti fudhatu. Kanaaf Oromoonni malkaa gamaa fi gamanaa walitti bahanii "Mareewoo!... Mareewoo..!” jechaa Waaqa kadhachaa, faarfachaa, galateefachaa gara Malkaa deemu.

Eebba Abbaa Malkaa fi hangafootaan godhamu booda marga jidhaa fi abaaboo birraa qabatanii bishaaniin tuqani waaqa galateeffachaa irreeffatuu. Araraa fi wagii gaafatuu. Kaayyoon kadhaa kunis Waaqayyoo akka rooba, nagaa fi dhala ykn sanyii isaanii baayyisuu fi firii argataniidha. Yeroo baayyee Oromoonni bakka qubatanii gara horaatti loon isaanii wajjin itti godaanu. Kunis akka jalqabaa fi seena hojii bara haaratti fudhatamaa.

Horri Arsadii iddoo Oromoonni Tuulamaa jaarraa dheeraa dura itti hirreeffachaa turaniidha. Arsadii maqaa namaa yoo ta’u gosa Liiban keessaa Abbaa Malkaa nama tureedha. Arsadi Abbaa Malkaa ta’uu kan danda’e balaa lubbuu isaa irrra ga’e jalaa of baraarsuu erga danda’ee booda, guyyoota saddeetif, soomana cimaa godhee, muka birbirsaa jalatti lubbuun kan mul’dhate waan ta’eefii. Birbirsi kan inni itti dhibaafatamuufis yaadannoo fi raajeeffannaa kanaaf akka ta’ee ni himamaa. Kana booda Horii Harsadii akka Malkaa irreessaatti ulfaa ta’ee Oromoota Tuulamaatiin akka kabajamu murtaa’e. Yeroo booda Oromoonni marti Hora Arsadii akka wiirtuu Irreeffannaa godhanii itti hirreeffachaa turan. Yeroo ammaa kana waggaa keessatti ala tokko Hora Arsadii irratti ni hirreefatu.

Hora Arsadii

Ayyaanni Irreecha kun Oromoon falaasamaa fi ilaalcha addunyaa keessatti jiruufi waaqaa akkasumas raajii isaa, dhalootaa fi iccitii jireenyaan walitti fiduun kan ibsuudha. Sanyiin namaa horee kan baayyatu, kan faca’e du’aa ka’e ija godhatu, atoomsaa fi gargaarsa humna waaqatiin jedhu. Nuti Oromoon waaqa nu uume kadhanna. “Uummamaan uumaa kadhata” jechuun uummamaan waaqa isaa ni galateeffata, ni faarfata, yeroo ammaa kanas Hora Arsadii irratti kan raawwatamu sirnuma kana.

Kanas Ilaali[edit | Lakkaddaa gulaali]

Eebba Oromoo

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]


Aadaa Oromoo

Aartii - Afaan
Nyaata - Waaddii | Ancootee | Baaduu | Marqaa | Caccabsaa | Qoocco | Ittoo | Cuucoo | Cororsaa | Qorii | Irra diba | Qorsoddoma
Ogbarruu - Fixeensa | Mudaammuddii | Namummaa
Qoricha
Sirna Gadaa
Tiyaatira - Tiyaatira
Waaqeffannaa - Waaqa‎ | Gumii Waaqeffattoota Addunyaa | Irreecha | Ateetee
Wallee Oromoo - Dibbee Qaallu | Shaggooyyee | Geelloo | Tirrii | Dhiichisa | Ragada
Hawwisoo Oromoo - Afran Qalloo