Shaggooyyee

From Wikipedia
Jump to navigation Jump to search

Gaara Mul’ataa

Dubbadhu mee Dabbaal !!

~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

Kutaa 1ffaa (barreeffama dheeraa waan taheef adda qoodne Obsaan dubbisaa share godhaa)

Gaarri Mul’ataa Gaarreen gurguddoo Oromiyaa keessa jiran keessaa Gaara sadarkaa keessatti argamuudha.Akkuma gaarreen birootti olka’insaa fi dheerina lafarraa kan qabuu dha.haa tahuu malee gaarri  kun kan ittiin beekkamu dheerinaa fi olka’insa isaa caalaa iddoo seena qabeeysummaa isaatiinii.Burqaa Qabsoo Oromoo jalqabaa tahuudhaan qaanqee qabsoo Oromoo qabsiisaa kan ture akkasumas hayyoota bebbeekamoo Qabsoo Oromootiif aarsaa kafalan kan gumaacheedha.Gaara Mul’ataa yoommuu dubbatan namoota seenaa fi Eenyummaa Oromoo beekan biratti mataa keessa kan dhufu Gaara Dabbaal kan Hurree uffate San osoo hin tahin gadameeysa Qabsoo fi Qe’ee Goototaa tahuutu nama keessa dhufa.Ummanni naannoo Gaara Mul’ataa durii kaasee hanga ammaatti gumaata ofii oromummaaf taasiisuun ala galatni ykn gumaatni Ummata Kanaaf deebi’e tokkolleen hin jiru.Rakkoolee siyaasa dinagdee baroota dheeraaf mootummaa Ethiopiatiin itti wal darbaa turte mootummoota Naannootiiniis irraa hin oolle.Ummatni Harargee Gaara Mul’ataa ummata guutumaa guututti dagatamee ykn irraanfatame jechuun ni danda’ama.Rakkooleen Harargee keessatti ija baaftee,hidda hidhattee,damee hortee tun lakkuma gara Gaara Mul’ataa gad deemtuun daran hammaachaa miila gadi fageeyfachaa deemti.Dhugaa dubbachuuf Rakkoo walxaxaa naannawa gaara Mul’ataa barreeysinee fixna yoo jenne Kitaaba tokkoo fi lamatti waan dhumuu miti.Gaara mul’ataatti rakkoon madaqamteeti namniis ofitti fudhatee filannoo dhabaaf waliin jiraataa jira.Wantootni “hanqinaan”ibsamuu dandayan hundi Gaara Mul’ataa keessa guutuu dha.fkn Hanqina Daandii,hanqina Bishaan dhugaatii,hanqina dhiheeysii gabaa ,hanqina bulchinsa gaarii ,hanqina,......hanqina.......hanqina......waa baayyee tarreeysuun ni dandayama.Yeroo amma wanti Ummanni keenya baayyinaan qabu tan hanqina isii hin qabne yoo jiraatte rakkoo qofa.Rakkooleen nu bira wacaqa.Mee Rakkoolee gurguddoo Gaara Mul’ataatti hudhaa tahanii Hawaasa keenya danqanii  dalagachuu dhoorkaa jiran haa ilaalluu:

    1.Rakkoo Daandii

Rakkooleen gurguddoo tahan baayyinaan jiraataniis rakkoon daandii Gaara Mul’ataa isa ijoo dha.Hawaasni tokko Dinagdeen if utubee Jireenya isaa foyyeessee jiraachuuf daandiin dhimma murteeysaa oliiti.Aanalee Gaara Mul’ataa kanneen jedhaman kun aanalee jaha yoommuu tahan aanaan jahanuu hariiroo siyaasa dinagdee isaanii waliin qarqabanii wal wajjiin jiraatu.Rakkoon daandii Gaara Mul’ataa bara hedduuf gaafatamaa turtuus qaamni gaaffii kana dhageeyfatee deebisaa itti kennu hin jiru.pirojeektileen  misoomaa akka Oromiyaatti hojjatamuuf karoorfamanii hojjatamanii fi hojjatamaa jiran tokkoolleen Waa’een Gaara Mul’ataa gurrarra isaan babaatu.Addunyaa kanarraa bakki ykn iddoon makiinaan gad deemtuu fi ol deemtu dhaabbattee akka namaatti wal dabarsitu,bakki makiinaan Fe’inaa goggogaa namoota akka meeshaatti fe’atttee olii gadiin deemtu,bakki imaltootni magaalaa gurguddoo deemuuf sa’aa lamaa ol kararra dhaabbatanii makiinaa eeggatan gaara Mul’ataa malee hin jirtu.Dubbii daandii Gaara Mul’ataa kana keessa shira hamaatu jira.Ummatni naannawa Gaara mul’ataa akkuma ummata iddoo biraatti gibira kafalee jiraata.Iddoo kamiyyuu caalaa iddoon mootummaaf gibirri sassaabamu Gaara mul’ataati.Mootummaan yeroo gibiraa qofa ummata kana yaadatee yeroo ummanni gaaffii bu’uraalee misoomaa gaafatu dheeysu kun namaaf hin galu.Inuu waan biraa dhiisaatii Mootummaan naannoo oromiyaa tokkolleen ummata Gaara Mul’ataa kana ijaanuu dhufee laaluu hin barbaadu.Gaara Mul’ataa dhufuurra naannoolee Oromiyaan alaa kanneen akka Gaambeellaa,Dabuub fi Beenishangul daawwachuutu irra salphataaf.Mootummaan ummata irraa nyaachaa jirutti sobuun safuu dha,safuu qofaa miti amanamummaa ummatni irraa qabu hirrisa.Kabajamoon Obbo lammaa magarsaa Waxabajjii 29,2009 ALHtti Gaara Mul’ataa Aspaaltii isiiniif goona jechuudhaan ummataaf waadaa guutuu hin dandeenye galee deeme.Ummanni Gaara Mul’ataa yeroo mara yoommuu dhagaa san arkan “Ah”jechaatuma bira kutu.Dhagaa bu’uraa asphaaltii Gaara Mul’ataa booda oromiyaa keessa iddoo biraatti piroojektii gurguddoo meeqatuu jalqabamee eeybifamee tajaajila kennaa jira.Yeroo takka takka dhaabbannee hoggaa itti yaannu dhuguma gaara Mul’ataa kana mootummaan kun naannoo oromiyaa jala tahuu isaa itti amaneehi waan jettuutu namatti dhagahama.Karaa Gaara Mul’ataa aspaaltii gochuun Silaa beekanii ummata caalaa mootummaatu irraa fayyadama ture.Mootummaan xaaliyaanii gaafa biyya kana turetti dinagdee Harargee Gaara Mul’ataa irraa sassaabamtu arkee daandii haaraya kara dafee ittiin ummata kana dhaqqabatu baasee ture.Sana qofa miti dildilli Daawwee ti dildilli Asqabannee hanga ammaa dildila mootummaan xaaliyaanii hojjateedha.Laalaa gaa Mootummaan xaaliyaanii wanti hojilee gurguddaa akkasii hojjateef Hawaasa Gaara Mul’ataa kanaatu kiyya jechuuf osoo hin taane dantaa achiirraa argatu waan beekuufi.Akkuma Mallas Zeenaawii ABO balleeysuuf bosona gubuun dirqama jedhee bosona gubaa turetti gaarri Mul’ataa iddoo sabboontonni irraa maddan waan taheef ilaalcha boodatti hafaa “Gaarri Mul’ataa Gaara ABOti ABof karaa baafnaa”jedhanii waan dhiisan fakkaatu.Oromoon hammeenya dubbii takkaa hoggaa himu dubbiin abalu sanii garaa kana nyaatte je’eeti dubbata,Dubbiin daandii gaara mul’ataa tun ammoo garaa qofa osoo hin tahin mataa hunda nama nyaatti.Hawaasa keenya rabbi if haa barsiisu.Mee maaltu Warra godina kana dhimma daandii kana naannoof gabaasanii furmaata akka itti kennan gochuu dhoorke? Jiddumaan ergaa hiriyaa keenyaa kan Yuniversitii Finfinnee baratu tokkorraa dhufte tana dubbisaa .ergaan tun kan na bira geeyse bubbiltee jirti ammumaan waliin maxxanse;

    “Adeera Odeefannoo tokkoon sin gahaa gurraa qalbii qaahuun na dhageeyfadhu. Dhubbichiis akkasi ; kaleeysa akkumaan Boolee tanatti ol bahee Afaan kaayyachu jiruttin waa dhagehee turee. Inniis bilbilaatu itti Aanaa abbaa taayitaa Daandiwwaan oromiyaa irraa nama Ibsaa ja'amu Mucaa Harargee tokkoo bilbilamee . Akkana jachuun Eegalee isin Harargeen "Godina hin qabdan " hunoo ragaa fi oddefannoo godinaa fi Aanalee irraa arkachuu qabnuu godinii keeysan osoo nun kennin hangaa ammaa turtaanii jirtan kanaaf guyyaa 2een ittii annuttii yoo nu erguu baattan Carraan sun godinaa biraatiif dabarfama ja'eeti ergaa isaa fixatee jacha Afaan oromoo gabaaba kanan . Dhimmi isaa Dhimmaa daandi Asfaalti Adelee hanga Gurawaa marsaa duraa kan Pir Naanoo oromiyaa obbo Lammaa magarsaa bara kaan kayaan sanii. Bulchinsii Harargee bahaa Kan caasaa Alamuu simee nama tahee Obboo Husseen Fayyisootin hogganamuu ragaa fi haala qophii raawachisummaa projectii kanaa  kan silaa Anaalee 6n Gaara Mul'ataa fi akkaa godinaattiis Naannoof erguu qabuu erguu dhisii qubahuu hin qabuu naannooniis  ragaa wan hin argatiniif  Federalaaf dabarsuu hin dandeenyee . Federaalli  ammoo projecti san bara bajataa ittii anuu kanatti waan qabateef isaan ragaa barbaachisu hin kennan  taanan naanno biraa ykn Godinaa biraatif kennee yeroo dhihootti caalbaasi baasu deema. Kanaaf  jechaa projectin rakkina Ummata keenya  hangas gahuu san furuuf yaadamee sun dhugumaa nuti Godinaa waa hin qabnu waan taheef  akkaa nu biraa hin kunnee dulaa haa eeggalluu  karaa adda addatiin”

Waliitti deebina kutaa 2ffaa qabannee!

Itti fufa…...

Team Ibroo Shaxaa!