Jump to content

Shaggooyyee

Wikipedia irraa

Shaggooyyeen sirba aadaa oromoo naannoo Harargee ta'ee kan dhiiraa fi dubartootaa gareen ykn nama lamaan taphatamuudha. waliis farisaa jaalala waliif ibsa taphatuu Yeroo fuudhaa fi Heerumaa haalaan taphatama. "WALALOO SHAGGOOYYEE JAALALAA..!" Karaan ganda wadaay qajimaan ijaaraa, Budaan sin nyaatiini naaf hafi ijarraa, Yoo lubbuun jiraanne ijaan waluu garraa. Aala shankoor tolee birkii dheereyfatee, Qaadhimaan kee deemee miila fageeyfatee, Shittoo bahar gamaa naa si urgeeyfatee. Birbirsi daagarraa kufee lafa dhawee, Harooreeysa qal'oo qashtii morma qawwee, Tiyya tahii boontuu kumaatu si hawwee. Bishingaan haddaaree boollatti shaagatee, Helefii tee arkeen qalbii tiyya gatee, Ijumaan si garraan hidhii na nyanyaatee. Dadar dirree dadaa darruu salaamataa, Dirraa koo hammadhuu arra na dhaamotaa, Nagaya naa dhaamii taan itti dhaamataa. Dadar bu'een dhaqee an ganda bineensoo, Yaa ji'a goobanaa kan kudha shaneeysoo, Kan gargar nu baasu namaami baleeysoo. Agaadaa bishingaa qilleensi duuffisee, Jaalala teetitu qaama koo huqqisee, Hariira qaaliidhaa biteen si uwwisee. Gadamsi gaararraa dheeysee laga bu'ee, Suma barbaadaafiin ganda keessan bu'ee, Osumaan sii eeguu halkan na bari'ee. Aabboon waa shammadaaf dhaqe diida waalee, Yaa bururii intalaa anumaa si qaalee, Mootii bareedinaa eenyuumaa si caalee. Ilillii abraashaa tan hara yaabataa, Yaa dhangoosha lashii yaa caffee jannataa, Qubbeen narra kaayi laphee na dhawataa. Adaam Abdusabuur daanyaa konfoleeysaa, Shumbur shanyii tiyyaa ashiitaa badheeysaa, Nyaadhee sin liqimsuu eessumaan si geeysaa. Dhangaggoon gad buutee deemta karaa jalloo, Hangudaaya gannaa shanyii afran qalloo, Hangaan an si yaaduu nan yaaddu jaalalloo. Dirre dhawaan jiraa dirree waliyyootaa, Oromtittii intalaa yaa shanyii hayyootaa, Dirree nan hambisin ayyaana dhalootaa. Yaa biyyoo haarillaa yaa biyyoo awwaallee, Dubraa fi barannoo addaanuu wallaallee, Koo shaggooyyee buunaa dubroo yaa jaalalle jechuun sirbama


Aadaa Oromoo

Aartii - Afaan
Nyaata - Waaddii | Ancootee | Baaduu | Marqaa | Caccabsaa | Qoocco | Ittoo | Cuucoo | Cororsaa | Qorii | Irra diba | Qorsoddoma
Ogbarruu - Fixeensa | Mudaammuddii | Namummaa
Qoricha
Sirna Gadaa
Tiyaatira - Tiyaatira
Waaqeffannaa - Waaqa‎ | Gumii Waaqeffattoota Addunyaa | Irreecha | Ateetee
Wallee Oromoo - Dibbee Qaallu | Shaggooyyee | Geelloo | Tirrii | Dhiichisa | Ragada
Hawwisoo Oromoo - Afran Qalloo

Dhalataa Godina Arsii Lixaa Aanaa Nansaboo Ganda Baddeessaa Jedhamu Jiraadha Gosaan Oromo Garuu Qabeenya Oromoo Keessaa Waan Tokkootu Natti Tole Maal Yoo Jettan Aadaadha Keessumattuu Aadaan Baay'ee Natti Taole Aadaa Harargeedha  Baay'ee Naaf Ta'e Kanaafuu Amma Garuu Sirboota Hedduu Aadaa Kanaan Qopheessaa Jira