Aartii Oromoo

From Wikipedia
Jump to navigation Gara barbaadutti ce'i

Aartiin Oromoo akkuma kan faranjootaa bara hedduu dura jalqabuutiin, dheerina umurii kan warra Awurooppaa gadii kan qabu miti. Adda addummaan Aartii faranjiifi Oromoo, kan faranjii barreeffamaan yookaan bakka bu'aa yaadaatiin dhihaachaa turuusaati. Kan Oromoo ammoo afaaniin yookaan afoolaan daddarbaa dhufuu isaati. Oromoon saba jireenyasaa aartiin wal simsiisee jiraatudha. Aartii muuziqaa, aartii walaloo, aartii bobbocaafi aartii argaati. Qarooma sirna Gadaa irraa kaasee, meeshaalee Aadaa Oromoon itti fayyadami hedduun isaa kanneen aartiidhaan bocamanidha. Sirboota garaagaraatti maqaa baasuudhaa, Mararoo, Geerersa, Mirriga jechuun aartii walaloo guddaa saba qabudha. Shubbisa /dalaga/ irrattilee dha'aa garaagaraa 20 ol ta'u saba qabudha. Gelloo, Kumkummee, Washabaa, Ragada, Dhiichisa, Shobotee, Shaggooyyee, Gadtumee, Tirrii, Sidaamee, Hammisafi Shubbisa saba qabudha. Gama aartii Asoosamaatiin illee, Afoolota garaagaraa bifa adda addaatiin, Sheekkoo, Oduu durii, Mammaaksafi Raagamtaa jedhee qoodee qaba. Aartii ammayyaa keessattis, Tiyaatira 1957 Mata duree 'Barumsa' Barreessaan Maammoo Mazammir 'Bara Birraan Bari'e' Haayilee Fidaa, bara 1973. Gama Asoosamaatiin, 'Bu'aa Caafuu Beekuu' Asteer Gannoo bara 1896 Kuusaa Gadoo, Gaaddisaa Birruutiin 1983. 'Hursaa' Luba Dafaa Jamoo 1966 Godaannisa, 1984, Dhaabaa Wayyeessaa Hawwii, 1995 Isaayyas Hordofaa Walalootiin Biliqa 1972= Abdii Xa'aa Anaaniyaa= Asafaa Jaallataa Gama Aartii bobbocaatiin, Jaarraa hedduu dura, Siidaa Piraamedootaa, Aaksum, Laalibalaafi kkf bocuun beekama.

Liinkii alaa[edit | Lakkaddaa gulaali]