Oromoo

From Wikipedia
Jump to navigation Jump to search

Dhufaatii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Oromoon ummata afaan hortee Kuush dubbatu kan bahaa fi kaaba baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaadha. Odeeffannoon jiru akka ibsutti, ummanni Oromoo akka hawaasaatti Gaanfa Afrikaa keessa waggoota kuma baay'eedhaaf jiraacha ture (Prouty et al., 1981). Bates (1979) Oromoon sanyiii duriifi jalqabumaa kaasee naannoo kana jiraachaa turedha, tarii ummattoonni naannoo baha Afrikaa kaan baayyen kan irratti erabamani.

Ka'umsi Oromoo eessaa akka ta'e sirriitti hubachuuf qorannoon dabalataa barbaachisuyyuu, Oromoon jalqabarratti akka horsiisee-bulaatti fi/ykn gartokkeen qotee-bulaatti jiraachaa ture jedhamee amanama. Qorattoonni seenaa baayyen gosoonni Oromoo (Baale) muraasni fiixee-kibbaa Itoophiyaa har'aa keessa waggaa kumaa ol jiraacha akka turan walii galu. Qoratoonni kun Godaansi Oromoo daldalaan-dhiibbame ummata Oromoo gara bakka har'a jiraatan walakkaa fi dhihaa Itooophiyaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaatti akka fide dubbatu. Kaartaan durii kan impaayera Aaksum/Abisiniyaa fi Adaal/Sumaalee Oromoon gara walakkaa Itoophiyaa har'aatti haaraa ta'uu agarsiisa. Barnoota garii

Seenaa As Dhihoo (seenaa yeroo dhihoo)[edit | Lakkaddaa gulaali]

Kaartaa Itoophiyaa kan Naannoo Oromiyaa]] agarsiisu

Akka seenaan ibsutti, ummanni Oromoo bulchiinsaaf Sirna Gadaa fayyadamaa ture. Oromoon mootummoota ofbulchan muraasas qaba, kanas ummata Sidaamaa wajjin qooddata. Kana keessaa mootummoota naannoo Gibee ta'an Geeraa, Gommaa, Garo, Gummaa, Jimmaa fi Limmuu-Inaariyaa, fi akkasumas mootummaa Jireeni.

Akka seenaan dubbatutti, walmorkiin karaa nagaa fi waraanaa ummata Oromoo fi sabootaa ollaa kan akka Amaaraa, Sidaamaa fi Sumaalee wajjin ture siyaasa hawaasa Oromoorratti dhiibbaa fide. Goddansi Oromoonni akka Yajuu gara kaabatti godhan, fi keessumattuu Oromoon Arsii gara lafa saba Sumaalee fi Sidaamaatti godhan baballiinsa Amaarri gara kibbaatti godhe wajjin wal fakkaata, fi siyaasa sanyii Itoophiyaa kan harraa kana boce. Akkasumas, baballinni guddaan Sumaalee lafa diriiraa Ogaadeniirraa gara dhihaatti gara laga Jubaatti godhame Oromoo wajjiniin walitti bu'iinsa fide. Iddoo tokko tokkotti, Oromoonii fi Sumaalen qabeenya uummamaa fi lafa gabbata irratti walitti bu'aa turan. Dabalataan, Oromoonni Bahaa, kan Islaamummaa fudhatanii turan, warra Sumaalee fi Affaar wajjin qaama Sulxaana Adaal kan Islaamaa hordofuu turan. Sulxaanni Adaal hooggana Imaam Ahimad Ibin Ibraahim Al-Gaazii jalatti Impaayera Abisiiniyaa kan Kiristaana ture qabachuuf duule ture.

Qorataan seenaa Riichaardi Paankirasti odoo humnoonni Yuurooppi hin dhufinii fi mootummaan Itoophiyaa hin hundaa'in dura, naannon amma Itoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaa jedhamu kana:

Tuuta mootummootaa fi bulchiinsotaa qabata, tokkoon tokkoonsaanii ofumasaaanii kan socho'an turan, garummoo warra kaani dhiibbessaa fi warra kaanin dhiibbeffamaa turan. Bulchaan tokko bulchaa biyya biraa of eeggannoodhan ilaala garummoo yeroo baayyee kennaa fi dhaamsaa garii wal jijjiiru, tarii yoo wal waraanaa jiraatan malee. Sanyiin warra mootii karaa fuudhaa walitti hidhuun baramaadha, garuu yeroo baayyee daangaa amantii hin cabsuu. Karaa biraa, daldalli, garaagarummaa amantii ilaalcha keessa kan galche miti, karaan daldalaa mootummoota amantii aadaa, kiristaana, fi Islaama hordofan walitti hidha. Hawaasni fi sabni afaan mataasaa dubbatu baayyinaan warra kaanirraa adda ta'eetu jiraata, garuu aadaa walirraa dhaalun ni jira. Kunis qarqara Galaana Diimaa fi Gaarren Itoophiyaa keessatti qofa odoo hin taane, gara kibbaa daangaa Sumaalee fi Oromoo dabalata; achittis kara-deemtonni dhuma jaarraa 19ffaa keessa garas deeman hawaasa daldalu kan afaan baayyee dubbatu arganiiru.

Suura mootittii Oromoo kan yeroo Biriitish Maqdalaatti duula geggeessite bara 1867-68 kaafame. Mootittii Oromoom fi ilma ishii.

Wagga kurnan jalqabaa jaarraa 19ffaa keessaa, mootummaan Oromoo sadi'i Inaariyaa, Gommaa fi Gumaan cimanii dhufan. Naannoon kun walumatti lafa-Oromoo jedhamee yoo beekkamu lafa walakeessaa fi kibba Itoophiyaa qabata, kunis yeroo amma lafa sabni Oromoo hin taane irra jiraatu of keessatti qabata. Gumaachi Oromoo Itoophiyaa hundeessuu keessatti yoo ilaallame, Goobana Daaccii waraana geggeessudhaan mootummoota bilisummaan jiraachaa turan Itoophiyaa jalatti galcheera. Goobanaan Minilik jala galuudhan mootummoota Oromoo baayyee cabsee Itoophiyaa jalatti galche. Sababa kanaafis Oromoonnii Goobanaa akka gantuutti ilaalu. Itoophiyaan har'aa odoo hin hundaa'in dura daldallii naannoo, karaa dheeraa fi daangaa qaxxaamuru Itoophiyaa har'aa, Eertiraa fi kutaan Somaaliyaa walitti hidhee ture. Karaan daldalaa kun Boongaa, Jimma, Saqqaa, Asandaaboo, Goojjam, Bageemidir, Maramma, Misuwwaa, Sooddo, Shawaa, Harar, Zaayilaa fi Baarbaraa walitti qabsiisa ture.

Bara 1973tti, Oromoon Itoophiyaa keessatti hacuuccamuunsaanii waan daangaa dhabeef ABO hundeessan; ABOnis naannoo Oromiyaa keessatti ummata sochoosuu jalqabe. Baruma kana Itoophiyaa keessa beela hamaa kan ummataa nuusa miliyoonatii ol ta'u fixetu dhufe; kanarrattis mootummaan Hayila Sillaasee tarkanfii fudhatee gargaarsi akka rabsamu eeyyamuufillee yeroo dheeraa itti fudhate. Namoonni beelan dhuman baayyensaanii Oromootaa fi Amaarotaa Walloo, Affaarii fi Tigroota turan. Bara 1974 Finfinnee keessa hiriira nagaa fi fincila hojii dhaabuutu jira ture; baruma kana Gurraandhala keessa mootummaan Hayila Sillaasee kufee Dargiin aangoo qabate; garuu ammas kaawonsiliin kun Amaaradhaan kan guuttame ture, namoota miseensa kaawonsilii kanaa 125 keessa 25 qofatu Amaara miti. Bara 1975 mootummaan lafti baadiyyaa hundi kan mootummaa akka ta'e labse, sirna abbaa lafaas balleesse. Garuu, bu'aan kunis qonnaa waliinii kan dirqamaa, qonnaa mootummaa fi sagantaa ummata dirqamaan qubsiisuurraan kan ka'e galmaa gaa'uu dide.

Mudde 2009tti, gabaasni fuula 96 qabu kan Human Rights in Ethiopia: Through the Eyes of the Oromo Diaspora jedhamu kan Advocates for Human Rights jedhamuun qophaa'e sarbama mirga dhala namaa ummata Oromoo mootummoota Itoophiyaa sadan darban: Impaayera Abisiiniyaa kan Hayila Sillaaseen bulchaa ture, sirna Maarkisistii kan hordofu Dargii fi kan har'a Itoophiyaa bulchaa jiru ADWUI kan ABUT(Adda Bilisummaa Ummata Tigraayin) hoogganamu, jalatti irra ga'e gabaasa. ABUT miseensota ABO tilmaaman 20,000 ta'u kan hidhan yoo ta'u hoggantoota ABO hunda biyyaa ari'aniiru, ABOn Itoophiyaa keessatti akka dhaaba siyaasaatti akka hin sochoone godhaniiru.

Akka Biiroo Mootummoota Gamtoomanii Komishinera Olaanaa Mirga Namaatti, Oromia Support Group (OSG) bara 2005 hanga Hagayya 2008tti Oromoonni 594 odoo gara mana murtiitti hin geeffamin humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin ajjeeffamaniiru, 43 ammoo mana hidhaa erga galanii booda dhabamaniiru.

Akka Gabaasa Amnistii Internaashinaal BECAUSE I AM OROMO jedhu kan bara 2014 baase ibsutti hacuuccaan mootummaan ADWUI ilmaan Oromoorraan ga'u cimee kan itti fufe ta'uu ibsa. Bara 2011 hanga bara 2014 gidduutti qofa, Oromoonni 5,000 ol ta'an mootummaa karaa nagaatin warri morman ykn mormu jedhamanii shakkaman mana hidhaatti galfamaniiru. Itoophiyaa keessa gazeexessitonnii dhuunfaa fi miidiyaan bilisaa waan hin jirreef, lakkoofsi namoota hidhamanii kun kana caaluu danda'a jedha. Miseensonnii dhaaba siyaasaa seeran galmaa'ee socho'uullee odoo hin hafin kan dhibbaa olitti lakkaawwaman mana hidhaatti akka darbaman dubbata.

Dimoogiraafii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Ummanni Oromoo Itoophiyaa, kan walumaagalatti sablammoota afaan 74 dubbatan qabdu, keessatti saba isa guddaadha. Oromoonni 95% ta'an qubatanii kan qonnaan bulanii fi horiisee bultoota godaanani. Oromoon tooftaa qonnaa aadaa duubatti hafaa ta'e kan hordofu yoo ta'u jireenyi isaanis irra caala harkaa gara afaanitti. Oromoonni muraasni naannoo magaalaa jiraatu.

Ummatni Oromoo kaabaan hanga Tigraay, kibbaan hanga Keeniyaa faffaca'ee argama. Oromoon harki caalaan naannoo Oromiyaa keessa kan jiraatan yoo ta'u hangi tokkommoo kaaba Keeniyaa keessa jiraatu. Kana malees Oromoonni hangi tokko naannoo Amaaraa godina addaa saba Oromoo keessaa naannoo Tigraay aanaalee akka Raayyaa Azaboo jiraatu. Sabaa fi sablammoota naannoo Beenishaangul Gumuz keessa jiraatu keessa harki caalaan saba Oromooti.

Afaan[edit | Lakkaddaa gulaali]

Ummanni Oromoo Afaan Oromoo (Oromiffas ni jedhama) dubbata. Afaan Oromoon maatii afaanii Afroo-Eeshiyaatik jalatti ramadama. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kuushii dubbatu guddicha dha. Akka itinooloogin jedhutti, addunyaa guutuutti ummata 40,467,900tu Afaan Oromoo dubbata. Afaan Oromoo damee afur gurguddaatti qoqqooddama: Afaan Oromoo Booranaa-Arsii-Gujii, Afaan Oromoo Bahaa, Afaan Oromoo Dhihaaf Walakeessaa fi Afaan Oromoo Ormaati.

Yeroo ammaa Afaan Oromoo qubee Laatiniitin barreeffama.gahee guddaa kan tapatanii jalqabarratti sheikh bakri sapaloo turan. Qubeen Saaphaalloos Afaan Oromoo barreesuuf keessattu baha Oromiyaatti tajaajila ture. haa tauu malee qubeen isaan kaayan osoo hojii irra hin oolin hayyuun fi bekhaan oromoo DR Sheikh Mohammed-rashad khabir Abdullee kan dhalootan gama baha oromiyaa naannawa harar turan lafa kaayanii akka ummanni itti fayyadamu godhan.kitaabota amantaas dabalatee kitaaba hedduu afaan biroo irraa gara afaan oromootti barreessan.Nannoo Oromoonni baayyen Musliima ta'anitti ammoo qubeen Arabaa Afaan Oromoo barreessuf fayyadamaa turan. Onesmoos Nasib eenyu hundeeffame caasluga Afaan Oromoo ammayyaa.

Oromoo Saba horsiisee bultoota (Pastoralist/nomadic) fi gartokkee qonnaan bultoota (semi-agriculturalist) jedhaman keessaa akka dhufe amanama.Jaarraa 16 keessatti eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii lachuu dadhabanii dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti (kaaba Oromiyaa ammaatti)babal'atan. Abbaan amantii "Baahiree" jedhamu akka bara 1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture ibseera. Baahiree itti aanee Oromoon akka gara kaaba-dhihaatti gara Arsii, Shawaa, Wallagga fi Goojjam akkasumas gara kaaba-bahaan gara Harargee fi Walloo akka fafaca'e ibseera. Haroold G. Maarkas(Harold G. Marcus) akka jedhetti kaabi-dhihaa Boorana akka bakki Oromoon duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17 jalqabee Oromoon Amaara irraa gargar bahuu jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa Itoophiyaa bara suni keessatti bakka argachuu jalqabde. Keessattuu Emperor Iyo'as 1ffaan (1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an ofitti dhiheessuu jalqabe. Akkasumas waltajjii Gondar keessatti Afaan Oromoo akka dubbatamu taasise. Bara "Zemene Mesafinti" keessatti dhaloota Oromoo kan ta'an Yejjuun bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa dursaa turan. Akkasumas Bageemidir, Enderases jalatti qoodamuu jalqaban. Yejjuunis Raas Alii 1ffaa jala bulaa ture, haa ta'u malee, bara dheeraan duuba Tewodiroos 1ffaan Raas Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni Itoophiyaa waan dadhabaniif waraanni Yejjuu Itoophiyaa keessaa tokkoffaa ture.

Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan keessaa

  1. Bulchituu Manan kan Walloo, kan bara 1800 mootii taate.
  2. Ras Mahaammad kan Walloo, kan Raas Mikaa'el ta'e, achiin bulchiinsa Sion.
  3. Bulchituu Manan kan Ambaassal, kan haadha manaa Hayila Sillaasee taate.

Humnaa fi maatii imperiyaalaa wajjin walitti qabamuf jecha ummatni Oromoo hedduun Kiristaanummaatti jijjiiramanii turan. Itti fufee immoo, gara dhuma 1800ffaatti, Imperer Yohaannis 4ffaan gosa Oromoo Walloo keessa jiran hunda akka Kiristaanummaatti jijjiraman yookaan immoo akka qabeenya isaanii dhaban sodaachisee ture. Kun immoo gosa Oromoo lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti godaanan warra godhee ture. Bulchaan Oromoo Mohaammad maqaa jijjiratee Abbaa lafaa Mikaa'el jedhame, niitii erga fuudhee booda abbaa Imperer Iyyaasuu 4ffaa ta'e.

Qoqqoodama Oromoo!![edit | Lakkaddaa gulaali]

Ummani Oromoo bakka kudha lamatti adda baha. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga bahaatti tuutni kun:

Bulchiinsa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Oromoon waggaa dheeran duraa jalqabee sirna Gadaatin bulaa ture. Sirni Gadaa sirna dimokiraatawaa kan ammaa wajjin kan wal fakkaatu yoo ta'u, aangoo waggaa saddeetitti wal harkaa fuudhama.

Kanas ilaali[edit | Lakkaddaa gulaali]