Bageemidir
Oromoo Odaa, mallattoo Oromootaa
Ummanni Oromoo saba Afrikaa keessa baayyinaan Itoophiyaa keessaa jiraatuu fi haga xiqqaa ammoo kaaba Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti jiraatudha. Sabni Oromoo baayyinaan miliyoona 40 yoo ta'u kanaanis Itoophiyaa keessattis ta'ee gaanfa Afrikaatti baay'ina ummataan sadarkaa tokkoffaarra jira. Akka lakkoofsa uummataa bara 2007tti, baay'nni ummata Oromoo dhibbeentaa ummata Itoophiyaa 50% qabata. Afaan ummanni Oromoo dubbatamu Afaan Oromoo jedhama, Afaan Oromoon garee afaanii Afroo-Eeshiyaatiik jalatti ramadama.
Contents
1 Dhufaatii 2 Seenaa As Dhihoo 3 Dimoogiraafii 4 Afaan 5 Qoqqoodama Oromoo 6 Oromoo Beekkamoo 7 Bulchiinsa 8 Kanas ilaali
Dhufaatii
Oromoon ummata afaan hortee Kuush dubbatu kan bahaa fi kaaba baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaadha. Odeeffannoon jiru akka ibsutti, ummanni Oromoo akka hawaasaatti Gaanfa Afrikaa keessa waggoota kuma baayeedhaaf jiraacha ture (Prouty et al., 1981). Bates (1979) Oromoon sanyiii durii fi jalqabumaa kaasee naannoo kana jiraachaa turedha, tarii ummattoonni naannoo baha Afrikaa kaan baayyen kan irratti erabamani.
Ka'umsi Oromoo eessaa akka ta'e sirriitti hubachuuf qorannoon dabalataa barbaachisuyyuu, Oromoon jalqabarratti akka horsiisee-bulaatti fi/ykn gartokkeen qotee-bulaatti jiraachaa ture jedhamee amanama. Qorattoonni seenaa baayyen gosoonni Oromoo (Baale) muraasni fiixee-kibbaa Itoophiyaa har'aa keessa waggaa kumaa ol jiraacha akka turan walii galu. Qoratoonni kun Godaansi Oromoo daldalaan-dhiibbame ummata Oromoo gara bakka har'a jiraatan walakkaa fi dhihaa Itooophiyaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaatti akka fide dubbatu. Kaartaan durii kan impaayera Aaksum/Abisiniyaa fi Adaal/Sumaalee Oromoon gara walakkaa Itoophiyaa har'aatti haaraa ta'uu agarsiisa. Seenaa As Dhihoo