Finfinnee
Finfinnee Oromiyaa
| |||
| |||
Biyya: | oromiyaa | ||
Naannoo: | [[{{{Naannoo}}}]] | ||
Godina: | Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee | ||
Aanaa: | Aqaaqii | ||
Ganda: | |||
Ol ka'iinsa: | |||
Baayyina ummataa: | {{{Baayyina ummataa}}} | ||
Tuuta'insa ummataa: | 5.165,1/km² |
Addiis Ababaa-Finfinneen magaalaa guddoo mootummaa naannoo Oromiyaa fi Itoophiyaati fi akkasumas barcuma Gamtaa Afrikaa (Africa Union ti.
Seenaa ganamaafi Moggaasa[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Maqaan Finfinnee jedhu seenaa keessatti kan beekamuu durii irraa ka'ee kan jiru yoo tahuu maqaa sirrii jal'isuun ergaman jallina minilk addiis abaabaa kan moggaasan yommuu ta'u garuu minilik dhuma jaarraa 18ffaatti magaala ADDIS ABABA jedhamtu hundeesse.
Qe'ee Finfinnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Karra Shanan Finfinnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]
- Karra Qirxi – karra gara kaaba geessu
- Karra Qoree – karaa Jimmatti geessu
- Karra Allo- Karaa Walloo/Daseetti nama geessu
- Karra Qaallu/Qaallitti- karaa Bsiooftuutti nama geessu
- Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti nu geessu
Ona bulchiinsa Finfinnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]
- Ona Caffee Tumaa
- Finfinnee – Hora saawwan gullallee fi galaan araabaa turan amma bakka Filwuha jedhamu sana.
- Hurufa Boombii- Bakka maqaan ammaa jaanmedsaa, Embasii Egypt, Hospitaala minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatan dha.
- Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kilo jaha/sidist kilo/, Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
- Dhummuggaa – bakka amma Ginfillee jedhamu irra ture.
- Keelloo Masqalaa- Bakka amma kilo yuniversity kiiloo Afur jiruu, parlaamaa, Bataskaana qiddist Maramii, fi qiddist Sillasee, bakka amma baasha waldeechilot jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
- Tulluu Heexoo Diimtuu – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru, taboti gabrelii jiruu, buufata polisaa 6eessa fi bakka baahitaa jidhamu.
- Dhaka Araara – Bakka amma fit berr, bakka police garaj jedhamu, bakka amma hooteelli sharaatan jiru, bakka etege mask jedhamu, fi bakka amma hoteelli hilton jiru.
- Qarsaa- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xizzit bet jedhamutti ammata
- Awwaaroo- bakkuma amma awwaaroo jedhamu dha
- Hulluuqo kormaa- bakka amma bataskaanni esxifanos jedhamu jiru, bakka amma masqal addababay jedhamu, fi bakka amma raas birru safar jedhamu ammata.
- Hora finfinnee- bakka amma filwuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
- Dolloo Biddeena – bakka amma baqlo beet,gotaraa fi walloo safar jedhamu
- Dabaso – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
- Haada Amma – bakka amma teelee Garaje, bataskaana carqos jedhamu jiru kana turan.
- Ona birbirsa yaa´i goroo
- Waddeessa – bakka amma pizassaa, charchar godanaa, fi araadaa giyorgis jedhamu kana
- Maarama Birbirsa – bakka amma bataskaanni gorgis jiru
- Ona qarsaa
- Hurufa Raaree – bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas ganamee safar jedhamu fi addisuu mikaêl dabalatu dha.
- Sokorru – Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabbii midhanii(ehil baranda), masalamizaa, fi kuas meedaa jedhamu ammata.
- Sulula garbii – Bakka amma taklahymanot fi cid tara jedhamee beekamu ture,
- Garbi – bakka amma sangaa tara fi ambaxxa makkalakayaa jiru sana dha,
- Qarsaa – bakka amma markaatoo jedhamu, amerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa gudda fi naannoo isaa dabalata.
- Baro Kormaa – bakka amma gollaa mika´el, ras tasamma safar, hospitaala xiqur ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata.
- Dache Golbaa – bakka amma addis katamaa jedhamu kana
- Ona gullallee ykn mana Gullallee
- Adaamii- bakka amma bataskaanni rufaa´el jedhamu jiru, sameen mazagajaa, fi sameen total jedhamn fi naannoo ishee ammata
- Didiimtu – bakka amma shogolee jedhamee beekamu ammata.
- Qaallee – Bakka amma askoo jedhamu
- Fiichee – Bakka amma dahannoo xaliyaani ykn xaliyaan mishig jedhamu.
- Kattaa – ammas kattaa jedhaama
- Burayyuu – Bakka amma burrayyuu, fi gafarsaa jiru dha,
- Harbuu Irreechaa – bakka amma raas hayiluu safar jedhamu
- Ona Abbichu
- Burqaa Ejeeree – Bakka amma enxooxxoo kidana mirat jedhamu, fi bakka amma Imbasiin faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
- Baddaa Ejersaa – Bakka amma Iyyasuus ras kaasaa safar jedhamu
- Huruma – Bakka amma Imbaasiin Faransaz, Xalizaani fi bataskaanni Aabboo jedhamu jiru ammata
- Ona xiixaa (enxooxxoo)
- Haxxee laalii – bakka amma shiroo meedaa fi enxooxxoo maramiin jiran fi naannoo isaa ammata
- Muujjaa – bakka amma shiroo meedaa jiru keessatu itti waamama.
- Waayyuu – bakka amma qacanee madanalam jedhamu ture
- Karaa Qorxii – bakka amma balay yallaqaa mangad jedhamuu fi samen bar jedhamu ammata.
- Ona ekkaa
- Burqaa Qorichaa – Bakka amma yakkaa mika´el xabal, laga qabbana, fi lga daadhii jiran dabalata
- Karaa alloo riqicha – Bakka amma Imbasiin engiliz, Imbasiin Jarmany, fi Imbasiin Raashaa jiran dabalata.
- Harbuu – bakka amma gurd shoolaa jedhamu dha
- Kotabee – Ammas kotabee jedhama
- Doqaa Booraa – Bakka amma haya hulat mazoriyaa jedhamu dabalata
- Ona Boolee
- Garjii – Ammas garjii dhumaan beekama
- Bulbulaa – Ammas Bulbulaa dhan beekama
- Warra ganuu – Ammas warra ganuun beekama
- Ona Teechoo
- Golboo – bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), qaallitti, qeeraa, gofaa jedhaman ammata.
- Lumee – bakka amma bataskaana yooseef jiru kana dabalata
- Laaftoo Tumtuu – bakka amma bunnaa bord jedhamu ammata
- Jaajaa – bakka amma biheere tsigee jedhamu ammata
- Tulluu ejersaa – bakka amma hannaa marizaam jedhamu ammata
- Tulluu dheertuu – bakka amma gofaa beetamangist jedhamu ammata
- Baaboo – bakka amma addisuu qeeraa jedhamu dabalata
- Sammuu Gullallee – bakka amma meettaa darichaa jedhamu ammata
- Ona Caffee Annanii
- Caffee muudaa – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
- Harbuu – Bakka amma meksikoo, mana barnoota tagbaara id jiru, mana adabaa finfinnee, bakka saar bet jedhamu, bakka geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa dajjaa baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wazin xajji, bakka oomisha kokaa kollaa dabalata,
- Harawaa – bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaacaa fabrika) jedhamu dabalata.
- Ona Jaarsayu
- calcali – bakka amma sar bet jedhamu dabalata
- Mardee – bakka amma arogee awropilan marefiza, midir xor, ganda tolasaa, fi raphii jedhaman ammata
- Bakkanniisa – bakka amma makkaanisaa jedhamee waamamu dha.
- Ona Kolfee
- Daalattii – bakka amma qaraniyoo jedhamee waamamu,
- Labu – bakka amma siga meeda, taxaq xor safar jedhamu ammata
- Xaro – bakka amma axanaa taraa fi faxino darash jedhamu
Weerara Finfinnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Magaalaan finfinnee/Addis ababaa/magaala guddittii itoophiyaa,akkasumas magaala guddiitti Oromiyaa tti.
seenaa finfinnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Finfinneen kan argamtu shawaa keessa dha.shawaan immoo dur irraa kaasee jaarraa 16ffaa booda oromoonni Madagascar achiin immoo kibba irraa(boorana fi gujii) gara kutaa biyya amaaraa (abisiniyaa) shawaatti babal:achuu eegalan.booda garuu waggaa 300 booda jarraa 18ffaatti mootichi shawaa MINILIK II gaalloota madagaskaar irraa dhufanii shawaa keessatti qubatan ari'uun shawaa amaaromsuun magaala ADDIS ABABA jedhamtu hundeesse.!
"(Inxooxxo dhaabatanii Caffee gadi ilaaluun hafe Finifinnee loon geesaani Hora obaasuun hafe Tulluu Daalattii irraatti Yaaiin Gullallee hafe Gafarsattii darbanii Qoraan cabsachuun hafe Hurufa Boombii irraatti Jabbiilee yaasuun hafe Bara jarrii dhufani Loon keenyas indhumani Eddaa Mashashaan dhufee Birmadummaanis hafe!")
Kan jedhanii gaallonni afaatsan sirrii miti
Teessuma lafaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Finfinnee kan argamtu lafa olka'aa 2200 m fi naannoo magariisatti argamti.[1] Gara gajjallaa Mount Entoto fi laga Awash argama. Gara gadi aanaan ammoo kan jiru naannoo Bole International Airportiti. Finfinneen Kibbaan qixa galaanaatiin 2326m fi 3000m gara Entoto Mountains Kaabaatiin kan olka'u.
Qoqqoodama bulchiinsa magaalaa Finfinnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Bulchiinsi magaalaa Finfinne kutaalee bulchiinsa Magaalaa 11tti qoqqoodamtee bulaa kan jirtuudha. Kutaa Magaalaa 11 fi Aanaale 116 qabdi.[2][3]
Kutaa maagaalaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Kutaalee magaagalittii 11 armaan gadii tarreefamaniiru.
Kaaba | Kutaa Magaalaa | Baldhina (km²) | Baayi'ina Ummataa | Quubsuma | Kaartaa |
---|---|---|---|---|---|
1
|
Kutaa Magaalaa Dache Golbaa(Aaddis Katamaa)[4] | 7.41
|
271,644
|
36,659.1
|
|
2
|
Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii[5] | 118.08
|
195,273
|
1,653.7
|
|
3
|
Arada[6] | 9.91
|
225,999
|
23,000
|
|
4
|
Boolee[7] | 122.08
|
328,900
|
2,694.1
|
|
5
|
Gullallee[8] | 30.18
|
284,865
|
9,438.9
|
|
6
|
Carqoos[9] | 14.62
|
235,441
|
16,104
|
|
7
|
Kolfee[10] | 61.25
|
546,219
|
7,448.5
|
|
8
|
Lideta[11] | 9.18
|
214,769
|
23,000
|
|
9
|
Laaftoo Tumtuu[12] | 68.30
|
335,740
|
4,915.7
|
|
10
|
Eekkaa[13] | 85.46
|
337,575
|
3950.1
|
Kutaa magaala Kuraa lammii
Geessitu alaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Qoqooddama Itoophiyaa | ![]() | |
---|---|---|
Naannoo | ||
Affaar | Amaara | Benishaangul-Gumuz | Gaambeellaa | Hararii | Oromiyaa | Sumaalee | Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa | Tigraay | ||
Magaalota Of Bulchan | ||
Finfinnee | Dirre Dhawaa | ||
Kutaa Biyyaa Bara 1995 Dura | ||
Arsii | Baale | Gamuu-Gofaa | Goojjam | Bageemidir | Harargee | Iluubabor | Kafaa | Shawaa | Sidaamoo | Tigraay | Wallagga | Wallo |
Godinaalee Oromiyaa[14][15] |
Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa |
- ↑ "NGA: Country Files". Earth-info.nga.mil. Archived from the original on 4 May 2012. Retrieved 5 May 2012.
- ↑ "Finfinnee city website (site map, see the list in "Sub Cities" section)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 3 July 2013. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Article at unhabitat.org (map of Finfinne, page 9)" (PDF). Archived from the original on 24 April 2011. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Addis Ketema page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 14 December 2012. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Akaky Kaliti page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 16 October 2013. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Arada page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 11 January 2013. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Bole page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 25 November 2013. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Gullele page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 5 November 2013. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Kirkos page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 3 December 2013. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Kolfe Keranio page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 3 December 2013. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Lideta page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 3 December 2013. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Nifas Silk-Lafto page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 4 January 2013. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Yeka page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 3 December 2013. Retrieved 11 December 2013.
- ↑ "Oromia zone". oromiyaa.gov.et.
- ↑ "sirni hundeeffama Godina Baalee Bahaa". obnoromia.com (in oromo).