Godina Booranaa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Boorana
300px
Godinaalee Oromiyaa
Biyya: Itoophiyaa
Naannoo: Oromiyaa
Magaalaa Guddaa: [[]]
Baayyina ummataa:
Tuuta'insa ummataa:

Booranni godiina Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko dha. Laftii Booranaa kibbaan Keeniyaan, dhihaan Saba, Sabotta fi Ummatta kibban, kaabaan Baalen (Booranaa fi Baale jiddu Laga Gannaalee Doriya ttu ce'a), bahaan immo Sumaaleen dangeffamtee argamti. Bakki dheeraan lafa Booranaa keessatti argamu Gaara Dara Xiniro tti. Aanolee Booranaa gugguddoon Moyyaalee, Nageellee Booranaa, Yaaballoo fi Bulee Horaa jedhamu.

Rakkoon qilleensa gogaa Boorana kan bara 2006 wal-dhabi Booranaa fi Gujii Caamsaa 22, 2006GC jaqabe akka gudattu sababa ta'ee ture. Torbaan tokkon dudduba immo waranni ka'e ergaa guyya 10 wal hadhanii booda, jaarroleen adda waraana qabbaneessuu danda'aniru. Haa ta'u malee waraana suni qofaan namni 100 hanga 150 ta'anii du'anni, kumii isaani immo bakka isaani irra baqataniru.

Bara dhuma 2005, barreeffama Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaairratti hundeffame Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa(CSA) akka gabaasetti toniin buna 13,533 kan ta'u zonii kanatti akka biqila. Kuni immo ba'ii Oromoffi parsentii 11.8% yoo ta'u, bayyi biyyaffi (Itoophiyaa)f immo parsentii 6.0% ta'a. Booranni bakka warqee oomishamu sadii qaba: kunnis - Kibra Mangisti (Warqee), Laga Dambii(warqiiee) fi Kenticha(Tantalum) kan Shaakkisoo tti dhihattu dha.

Gabaasa Booranaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Akka Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaatti, bayyinni ummata Booranaa 2,019,383 yoo ta'u kana keessaa 1,025,393 dhiraa fi 993,990 immoo dubartii dha. Ummatni 234,391 yokaan parsentiin 11.6% aanaa guggudatti yokan magaalaatti galu. Tilmama lafa ballina 95,740.23 square kilometers qabu kessatti ummatti borana tuuta'insa namaa isquweer kiilometirii tokkotti nama 21.09 qaba.

Akka Meemoraandamii Baankii Addunyaa Caamsaa 24, 2004tti parsentiin ummatta 4% elektiriikii fayyadama, akkasumas zoniin kuni karaa konkolatta road density 27.5 kilometers per 1000 square kilometers. Avireejjiin abbaa manaa badiyyaa tokko hektara 0.5 lafa fi horii 0.6 qaba. Parsentiin 14.4% ummatta hojii qotee bulaa hin ta'iniin bula. Parsentiin 53% ijollee mana barumsaa sadarka tokkoffa kessatti argaman yoo ta'an 9% immo mana barumsa sadarka lammaffatti argamu. Parsentiin 35% zonii Booranaa busaaf kan saaxilamee yoo ta'u tokkollen tisiisa tsetse fly jedhamtuun carraa qabamuu hin qabu. Memoraandamiin godina kana carra haala qillensa gogaa 410 kennafi.

Godinni Booranaa bara 2004tti Ministeera Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa iin bakka fedhini ummatta biraa rakko bayyina ummatta qaban fudhachun filatamtee dha. Bara kanatti Booranni nama mana 9145 fi walii galatti nama matti hundaa irra 45,725 ta'anni fudhatterra.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]


Aanolee Booranaa
Abbaya | Areeroo | Bulee Horaa | Dahaas | Dilloo | Dirree | Dugda Dawaa | Galaana | Malkaa Soddaa | Miyoo | Moyyaalee | Taltallee | Yaa'a Balloo


Godinaalee Oromiyaa
Naannawaa Adaamaa | Arsii | Baale | Boorana | Shawaa Kibba Lixaa | Gujii | Horroo Guduruu | Iluu Abbaa Booraa | Naannawaa Jimmaa | godina Jimmaa | Qeellam Wallagaa | Arsii Dhihaa | Harargee Dhihaa | Shawaa Dhihaa | Harargee Bahaa | Shawaa Bahaa | Wallaga Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Kaabaa | Wallagga Dhihaa