Horroo Guduruu
| Horroo Guduruu Wallaggaa | |||
|
| |||
| File:Godinaalee Oromiyaa.png Godinaalee Oromiyaa | |||
| Biyya: | Itoophiyaa | ||
| Naannoo: | Oromiyaa | ||
| Magaalaa Guddaa: | Shaambuu | ||
| Baayyina ummataa: | 570,040 | ||
| Tuuta'insa ummataa: | |||
Godinni Horroo Guduruu Wallaggaa godinoota Wallaggaa afran keessaa tokko yoo taatu kan argamtus Oromiyaa gara dhihaatti.
Aanolee
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Abee Dongoroo
- Amuruu
- Abaaboo
- Abbaay Coomman
- Horroo
- Guduru
- Jaartee Jaardagaa
- Jimmaa Gannatii
- Jimmaa Raaree
- Horroo Bulluq
- Coomman Guduruu
Aanolee Horroo Guduruu Wallaggaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Abee dongoroo
- Coomman Guduruu
- Guduruu
- Habaaboo Guduruu
- Abbayi Coomman
- Jimmaa Raaree
- Jimmaa Gannatii
- Jaardagaa jaartee
- Amuruu
- Horroo
- Horroo bulluq
- Sulula fincaa'aa
Aanaa Coomman Guduruu
Anaan Coomman Guduruu Aaanota Horroo Guduruu Wallaggaa Keessaa ishee tokkodha.Aanaan kun qabeenya uumamaan badhaatuudha.Akkasuma goototaan badhaatuudha.Humna nama baratee hedduu kan qabduufi ijoolleshee akka idil addunyaatti kan dorgomaa jiranidha.
Feteraar Jaalataa Ottobee Guddaa
Goota maqaan isaa dagatame, nama jabaa fi ajaayibaati. Feteraar Jaalataa Ottobee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Coomman Guduruu Ganda Tokkummaa Jaarsoo Bakka addaa Jaatoo jedhamutti kan dhalatanii guddatanidha.Feteraar Jaalataa Jagnaa fi Goota waraanaa loleesaa fi eegdotasaa qabaatee Waraana xaaliyaanii rukuchuuf gara Maqalee imale. Miiltoon Feteraar Jaalataa adda waraanaa sanatti dursee gaafa wareegamu Feteraara Jaalataan asitti hin awwaalu fuudhee galeen biyyatti awwaala jedhee osoo halkan deemaa jiranii haxxee waraana xaaliyaanii harka bu'anii ajjeefama.
Feteraar Jaalataan nama jabaa fi misooma akkaan jaallatudha.Bara bulchiinsa isaaniitti Asiiin hanga laga Abbayyaatti asiin hanga laga Gibeetti bara kudha saddet saddettamoota keessa "haalaan abboomanii bulchaniiru" jedhu Obbo Mootii Baacaa waa'ee Feteraar Jaalataa Ottobee argaa dhageettiirraa isa dhagahan.Akkasuma aangoo isaatti fayyadamuun Laga Dildilaa Uummata bobbaasuun akka dhaagaan ijaarsisaa turan abbo Mandaraa Gabbisaa ni dubbatu.
Gootummaa fi Seenaa Feteraar Jalataa Ottobee bal.inaan itti deebina
F. Jaalataan hawaasa keessatti dhageettiifi dhagahamtii qaba,akka jechama hawaasa keessaatti Jaalataan gaafa jajan akkas jedhu…
“Jaatoodhaa Jaaluutu caalaa
Jaalataa Ottobeetu caalaa
Fillaan gofareetu caala
Dhaabattee namaa boo’ uu
Haadha durbaatu caalaa” jechuun hawwaasa keessatti maqaan isaa baay’ee olkaafamee leellifama.
Abbaan gooticha Filee Mandaraa fi Jaalataan akka Soddummaas walirraa hin dhaban jedhamanii yaadamu.Waa'ee Feteraar Jaalataa dabalataan akkuma argaa dhageettii manguddootarraa argannetti bal'inaan ibsaa deemna.