Jaartee Jaardegaa
Jaartee Jaardegaan (yookan Jartee Jaardagaa) aanaa Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa ishee tokko. Magaalaa ๐๐น๐ถ๐ฏ๐ผ๐ผ magaalaa guddoo aanichaa yoo ta'u, magaalaan ๐๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐ฑ๐ฎ๐ด๐ฎ๐ฎ aanicha keessatti argama. Nyaanni aadaa' ๐ฐ๐๐บ๐ฏ๐ผ๐ผ jedhamu aanaa kanatti baayyee beekkamaadha. ๐๐ผ๐ฑ๐ฎ๐ฎ ๐๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐บ๐ฎ๐ kan jedhamu naannoo magaalaa Jaardagaatti kan argamu godaa baayyee bal'aa fi guluffii fardaaf akkasumas bashannanaaf kan tajaajilutu jira. Gootni maqaan isaa Bayyanaa Obsinee jedhamu kan miseensa WBO ture aanaa Jaardagaa Jaartee Haroo Lagootti dhalate. Aanaan Jaardagaa Jaartee oomisha midhaan nyaataa fi horsiisaan kan beekamtu yoo taatu, gandoota muraasa keessatti oomishni bunaa fi kuduraa fi muduraa ni argama. Akkasumas oomisha dammaa fi dhadhaatiin baayyee beekamtuu dha. Jaartee Jaardegaa araddaa Sombookumii kan warra Ashaayaa fi Warra Yamaalagii kan jedhaman baay'inaan keessa jiraatan of keessaa qabdi. Araddaa Jaarroo Siree jedhamu bakka goototaaf beektotaa horattees qabdi. Fulbaana 22, 2022 ALA hidhattoonni Faannoo daangaa Oromiyaa cabsuun aanaa Amuruu keessa ba'anii magaalaa Jaardagaa booddee immoo miidhaa cimaa geessisani.