Oromoo Gujii
Gujiin gosa Oromoo keessaa tokko yoo ta'u baayyinaan godina Gujii, godina Gujii Lixaa fi godina Booranaa Keessa jiraata. Gujiin angafa Oromoo kan sirni Gadaa otoo adda hin murin raawwata jiraniidha.
Balbala Gujii Afran Uraagaa, Hookkuu fi Maattii, #Sheelloo dha Horteen Gujii namticha Gujoo jedhamu ijoollee isaa sadan Uraagoo, Hookkuu fi Maattii waliin ta'uudhaan Adoolaa gara Bahaatti godaanuun lafa Girjaa qubateen ka'ee. Uraagoon gara Lixaatti, Maattiin Kaabatti, Hookkuun Kibbatti bal'atan.
[1] Magaalota Godina Gujii keessaa magaalaan seena qabeettiin ardaa Hookkuu jedhamuun beekkamtu Magaala Nageelleeti, Nageelle magaala guddoo Godina Gujii turte.
Ijaarsa Godinaa haaraa bara 2015 ji`a gurraandhala guyyaa 20 Godina boorana bahaa hundeessuun godina oromiyaa 21 ffaa ta`uun mootummaan naannoo oromiyaa hundeessee jira.
magaalli nageellees magaalaa guddittii godinichaa magaalaa nageellee booranaa taatee guyyaa sanirraa kaasee moggaafamtee jirti.
Latiinsa Gujii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Uraagaa
- Galalcha
- Golla
- Daraartuu
- Agantuu
- Haloo
- Waajituu
- Sarboortuu
Hookkuu
- Galalcha
- Oborraa
- Michillee
- Heera
- Bun'ituu
- Baallaa
- Kinnoo
Maattii
- Handoya
- Insaallee
- Hirqaantuu
Wabii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- ↑ Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa Fuula:190