Jump to content

Onesmoos Nasib

Wikipedia irraa
Onesmoos Nasib
Ogummaa: mishinerii, abbaa wangeelaa, barsiisaa, barreessaa
Biyya: Oromiyaa
Guyyaa dhalootaa: 1856
Bakka dhalootaa: Hurrumu
Guyyaa du'aa: Waxabajjii 21, 1931
Bakka du'aa: Naqamte

Onesmoos Nasib (1856 - Waxabajjii 21, 1931) dhalataa Oromoo Kiristaanummaa Luteraanii fudhatee fi yeroo jalqabatiif Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiike. Maatiin isaa yeroo ijoollumma isaa maqaa Hiika jedhamu baasaniif; boodarra erga Kiristaana ta’ee maqaa Onesmoos jedhu Macaafa Qulqullurraa baafate.

Onesmoos Nasib Kitaaba Waaqeffannaa Luteraanii Ameerikaa keessatti akka qulqulluutti(saint) galmeeffameera, gaafa Waxabajjii 21 jireenyi isaas yaadatamee hin oola. Waldaan Makaana Yesuusii mana barumsa Wangeelaa isaani ikan Finfinnee jiru yaadanno Onesmoosiif jecha maqaa isaatin moggaasun isa kabajaniiru.

Jireenya Isaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Onesmoos Nasib bara 1856 godina Iluu Abbaa Booraa bakka Hurrumuu jedhamutti dhalate. Abbaan Onesmoos yeroo umuriin isaa 4 du’e. Hiikaan yeroo ijoollumma isaa warra garba gurguraniin bara 1869 butamee gabrumatti gurgurame. Nasib yeroo 8 ol nama adda addaatti erga gurguramee booda namni Warner Manzinger (1832-1875) jedhamu, Masawwaatti Itti-aanaa Qoonsilaa Faransaayi kan ture (naannoo Galaana Diimaatti, Eertiraa keessa) bilisa isa baase. Itti aansees Mishinarii Wangeelaa Iswiidin (Swedish Evangelical Mission) biratti Wangeela barachuuf carraa argatee iddoo Imkulluu jedhamutti wangeelas barate. Barumsarrattis barataa cimaa ta’ee aragame, gaafa ayyaana Faasikaa Sanbata Bitootessa 31, 1872tti cuuphame. Itti aansee barumsa dabalataa waggaa shaniif akka fudhatuuf Iswiidin, Johannelunds Teologiska Högskola Biromaaitti ergame. Erga achii deebi’ee booda, Masawwaatti Mihiret Hayiluu fuudhe.

Onesmoos dafee gara Oromoo Maccaa (gara biyya isaa) deemee Wangeela barsiisee Kiristaana taasisuuf karoorfate. Garuu Minilik II mishinariin biyya alaa kamiyyuu biyya keessa akka hin seenne waan dhorkeef karaa Sudaan Wallagga seenuuf yaali godhe. Gareen Onesmoos garuu Asoosa darbaa fagaatee odoo deemin duubatti gara Famakaatti akka deebi’u dirqame. Onesmoos achitti dhukkubaan qabamee dhukkubsatee ture. Kanaan booda gara Kaartumitti deebi’uf waan dirqamaniif gaafa Ebla 10, 1882 Kaartum ga’an. Onesmosis dhibee isaarraa fayyee gara Imkulluutti deebi’e. Achittii qajeelfama eeggachaa Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikuu jalqabe. Bara 1886, erga yeroo lammataaf Wallaga seenuuf yaalii godhee milkaa’uu dadhabee booda, guutummaa Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikutti deebi’e.

Onesmoos erga umurii ijoollummaa isaatii kaasee ummata Oromoo keessa jiraachaa waan hin turiniif jechoota fi jechamoota baayyee wan sirriitti hin beekneef gargaarsa isa barbaachise. Kanaafis nama isa gargaaru Asteer Gannoo (1874-1964) argate. Asteer Gannoo fi Onesmoos waliin Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikan.

Bara 1904, Onesmoos gara Wallaggaatti deebi’e. Bulchaan Wallagga Kumsaa Morodaas kabajaan isa simate. Onesmoosis haala duraan hin baramneen Wangeela Afaan Oromootin barsiisa ture. Kunimmoo Qeesonni warra Ortodoksii akka isa jibban godhe. Jaalala ummanni Oromoo isaaf qabuu fi Afaan Oromoon barsiisuun isaa warri qeesotaa Durbee Maaramii arrabsa jedhanii akka himmannaa irratti banan godhe. Bara 1906 Onesmoos himannaa kanaan Abuna Maatewoos duratti dhiyaate Abunichis akka inni biyya ba’u murteesse. Haa ta’u malee Minilik IIn murtee Abuunichaa jijjiiree akka inni Naqamtetti deebi’u godhe; Macaafa Qulqulluu garuu akka hin barsiifne dhowwame.

Waggoota itti aananiif hojiin Onesmoos mana barumsaa Naqamtee keessatti barsiisuu caalaa waan biraa hojjachuu hin dandeenye. Sanayyuu ta’ee biyyaan ari’ama yaaddoon jedhu yeroo hunda isarra jira ture. Bara 1916, Lij Iyyaasuun Onesmoosiif akka Wangeela barsiisu eeyyameef. Iyyaasuun erga aangorraa bu’ees booda eeyyamni wangeela lallabuu irraa hin fudhatamne ture. Onesmoosis hanga du’a isaatti Wangeela lallabaa fi Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo ummataaf rabsaa ture.

Suuta suutaan diinummaan Ortodoksiin warra mishineriitii qabu erga abunichi du’ee hirrachaa deeme. Warri mishinerii fi Onesmoosis ummata wangeela barsiisuu, dhukkubsataa yaaluu, fi dargaggoota mana barumsaa keessatti barnoota barsiisuu itti fufan.

Onesmoos erga nagaa kana argee booda umurii isaa wagga 75tti gaafa Dilbataa Waxabajjii 21, 1931tti du’e. Guyyaan sun Dilbata barii ture, Onesmoosis Wangeela lallaba/barsiisa jedhamee eeggama ture. Garuu guyyaa san tasa dhukkubsatee du’e. Achuma magaalaa Naqamtee keessati awwaallamee. Awwaalli isa iddoowwan seena magaalaa Naqamtee keessaa isa tokko.

Kitaabolee Inni Maxxanse

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  1. Kitaaba xiqqaa mata-dureen isaa “Onnee Namaa” jedhu, kan faaruu 100 qabu Afaan Giriikiirraa gara Afaan Oromootti hiike.
  2. Bara 1892 kitaaba xiqqaa “Luuter Kaatekiizim” jedhamu Afaan Oromootti hiike.
  3. Bara 1885tti gargaarsa Asteer Gannootiin, Kuusaa jechootaa Oromoo-Siwiidiin, kan jechoota 6000 qabu qopheesse.
  4. Bara 1886 faaruu wangeelaa “Galata Waaqayyoo Guddaa” jedhamu hiikee maxxanse.
  5. Bara 1894 tumsa Asteer Gannootiin kitaaba Sheekkoo gaggabaaboo 79 qabu maxxanse. Mata dureen kitaaba kanaa “Jalqaba Dubbisaa” jedhama. Kitaabni kun fuula 174fi jechoota 3600 qaba.
  6. Macaafa Qulqulluu. 1893
  7. The Oromo Spelling Book. Moncullo: Swedish Mission Press, 1884.[1]


Geessituu alaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  1. Kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 10