Afaan Oromoo
Afaan Oromoo (Afaan Oromoo) | |
---|---|
Kan dubbatamu: | Itoophiyaa, Keeniyaa,Taanzaaniyaa,Eeritriyaa,Afrikaa Kibbaa,Suudaan,Misra/Gibxi |
Naannoo: | Afrikaa |
Dubbattoota: | 60.000.000 |
Sadarkaa: | 4ffaa |
Qooddama: | Afroo-Eshiyaatiik Afaan Oromoo |
Haala Ofiseelummaa | |
Afaan ofiseelaa: | |
Kan too'atu: | |
Koodii | |
ISO 639-1 | om |
ISO 639-2 | orm |
![]() | |
Kanas ilaali: Afroo-Eshiyaatiik – Afaan |
Afaan Oromoo afaan baay'innaan Afrikaa keessatti dubbataman keessaa sadarkaa afraffaa irra jira akka Baayisaa Fufaan qorannoo isaa keessatti ibseen. Kana jechuun afaan Arabaa, afaan kiSwahiliitiif, afaan Hawusaatti aana jechuudha. Afaan Arabaa fi afaan Kiswaahilii afaan biyya ormaa yoo ta'an, Afaan Oromoo afaan Afrikaa keessatti dubbatamu keessaa Lammaffaa ta'a; osoo mootummaa ykn qaama giddugala qabaatee immo addunyaa irraatti sadarkaa sadaffaa ta'u ni mala.
Afaan Oromoo kutaa afaanii Afroo-Eshiyaatiik jedhamu jalatti ramadama. Afaan kun Afroo-Asiyaatiik keessaa gare afaanii Kuush jalatti qooddama. Afaanota Kuusha keessa Afaan Oromoo afaan sabni baayyeen dubbatu yoo ta'u, uummata miliyoona 60 ol ta'utu dubbata. Uummatni afaan kana dubbatu Itoophiyaa fi kaaba Keeniyaa keessa jiraata. Akka warri afaan qoratan jedhanitti, Afaan Oromoo loqoda(garee) afur qaba: Oromoo Boorana-Arsii-Gujii, Oromoo Bahaa, Orma, fi Oromoo Dhihaa fi Giddugaleessa ti.
Seenaa Afaanii[edit | Lakkaddaa gulaali]
Warraaqsa Itoophiyaa kan 1974 dura, Afaan Oromootiin barreeffama maxxansuunii fi tamsaasa reediyoo ykn TV dabarsuun dhorkaa ture. Barreeffamni xiqqoon san dura maxxanfaman kan akka hiikaa Macaafa Qulqulluu kan Onesmoos Nasiibii fi Asteer Gannootin hiikaman qubee Gi'iiziitti fayyadaman. Kakuu Haaraan bara 1875 Kiraapfin maxxanfames akkasuma qubee Gi'iiziitti fayyadame. Warraaqsa Itoophiyaa bara 1974tti aansee, mootummaan duula barreessuu fi dubbisuu afaan baay'eedhaan, Afaan Oromoo dabalatee, geggeessaa kan ture yoo ta'u, Afaan Oromootin barreeffama maxxansuunii fi tamsaasa dabarsuun yeroo kana jalqabe. Barreeffamoonni yeroo kana Afaan Oromootin maxxanfaman, kan akka gaazexaa Bariisaa, qubee Gi'iizii fayyadaman.
Afaan Oromoo afaan barnootaa taasisuuf yaaliin godhame amma mootummaan Dargii bara 1991 kufutti milkaa'uu hin dandeenye. Sana duraa garuu naannoowwan ABOn too'ataman keessatti afaan barnootaa taasifameera. Erga Mootummaan Naannoo Oromiyaa hundeeffamee booda, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti Afaan Oromoo afaan barumsaa akka ta'uufii afaan hojii kan naannichaa akka ta'u godhameera.
Bara 1991 jalqabee, Afaan Oromoo Qubeetti fayyadamee barreeffama. Murtii kanaan booda, barreeffamoonni adda addaa bara 1991 hamma 1997tti maxxanfaman kan duraan waggaa 100f maxxanfaman akka caalan dubbatama.
Galanni Rabbiif haa ta'u malee, amma afaan keenyi Afaan Oromoo, afaan saba guddaa,afaan lammii sabboontotaa kan akka ardii Afriikaatti sadarkaa keessa gale kun fuulduratti afaan addunyaatti beekamtii qabuu fi isa duraa akka ta'u nama hin shakkisiisu. Kun immoo hirmaannaa lammii baratee fi gahee nama maraati.
- == Seerluga ==
Bamaqoota[edit | Lakkaddaa gulaali]
Bamaqootni ammoo jechoota maqoota bakka bu'uu danda'aniidha. Jechumti "Bamaqaa" jedhu iyyuu yoo qoodamee ilaalamu "Ba-" fi "Maqaa" of keessaa qaba. "Ba-" kan jedhu jecha "Bakka" jedhu bakka bu'a. "Bamaqaa" = "Bakka Maqaa"
Bamaqoota matayyee[edit | Lakkaddaa gulaali]
Base | Subject | Dative | Instrumental | Locative | Ablative | Maqibsoota abbuummee |
---|---|---|---|---|---|---|
ana, na | ani, an | naa, naaf, natti | naan | natti | narraa | koo, kiyya [too, tiyya (f.)] |
si | ati | sii, siif, sitti | siin | sitti | sirraa | kee [tee (f.)] |
isa | inni | isaa, isaa(tii)f, isatti | isaatiin | isatti | isarraa | (i)saa |
isii, ishii, isee, ishee | isiin, etc. | ishii, ishiif, ishiitti, etc. | ishiin, etc. | ishiitti, etc. | ishiirraa, etc. | (i)sii, (i)shii |
nu | nuti, nu'i, nuy, nu | nuu, nuuf, nutti | nuun | nutti | nurraa | keenna, keenya [teenna, teenya (f.)] |
isin | isini | isinii, isiniif, isinitti | isiniin | isinitti | isinirraa | keessan(i) [teessan(i) (f.)] |
isaan | isaani | isaanii, isaaniif, isaanitti | isaaniitiin | isaanitti | isaanirraa | (i)saani |
œ=== <u'Italic text'Italic text'>Lakkoofsa ===
- Kanas ilaali: Lakkoofsa
0 — zeeroo, duwwaa | 40 — afurtama |
1 — tokko | 50 — shantama |
2 — lama | 60 — jahaatama, ja'aatama |
3 — sadii | 70 — torbaatama |
4 — afur | 80 — saddeetama |
5 — shan | 90 — sagaltama |
6 — jaha, ja'a | 100 — dhibba (tokko) |
7 — torba | 101 — dhibba (tokko) fi tokko |
8 — saddeet | 102 — dhibba (tokko) fi lama |
9 — sagal | ... |
10 — kudhan | 200 — dhibba lama |
11 — kudha tokko | 201 — dhibba lama fi tokko |
12 — kudha lama | ... |
... | 1000 — kuma (tokoo) |
20 — digdama | 2000 — kuma lama |
21 — digdami tokko | 2043 — kuma lama fi afurtami sadii |
22 — digdami lama | 5327 — kuma shan dhibba sadii fi digdami torba |
... | |
30 — soddoma | |
31 — soddomi tokko | |
... |
Ordinals[edit | Lakkaddaa gulaali]
1st — tokkoffaa'
2nd — lammaffaa
3rd — sadaffaa
4th — arfaffaa, afraffa
5th — shanaffaa
6th — jahaffaa
7th — torbaffaa
8th — saddeettaffaa
9th — salgaffaa
10th — kurnaffaa, kudhaffaa
11th — kudha tokkoffaa
Fractions[edit | Lakkaddaa gulaali]
1/2 — walakkaa (tokko lamaffaa)
1/3 — nuusa (tokko sadaffa)
1/4 — kurmaana (tokko arfaffaa)
7/8 — torba saddeetaffaa
Maqibsa[edit | Lakkaddaa gulaali]
Xumibsa
Fi'iloota[edit | Lakkaddaa gulaali]
Gochibsoota[edit | Lakkaddaa gulaali]
Tolaan saree ajjeese
Qarqabdoota[edit | Lakkaddaa gulaali]
Durabuutoota[edit | Lakkaddaa gulaali]
Duukabuutoota[edit | Lakkaddaa gulaali]
Ogbarruu[edit | Lakkaddaa gulaali]
- Geerarsa
- Fixeensa (Boruu Barraaqaa)
- Mudaammuddii (Boruu Barraaqaa)
- Ali, Mohammed; Andrzej Zaborski (1990). Handbook of the Oromo Language. Poland: Polska Akademia Nauk.
- Journal of Oromo Studies