Adda Bilisummaa Oromoo

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Alaabaa

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dhaaba bilisummaa Oromoof qabsaawu fi Oromiyaa bilisa baasuf socho'udha. ABOn kan hundeeffame bara 1973ti. Kaayyoon inni guddaan ABOn qabatee hundeeffame ummata Oromoo sirna kolonii Itoophiyaa jalaa baase Oromiyaan biyya of dandeesse taate akka hundooftuf ture. ABOn yeroo ammaa mootummaa Itoophiyaa wajjin qabsoo hidhannoo gochaa kan jiru yoo ta'u ummata Oromoo biratti deeggarsa guddaa qaba.

Hundeeffamuu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bara 1967tti, mootummaan Hayila Sillaasee Waldaa Wal-Gargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa seeran dhorke, boodarras hoggantootaa fi miseensotaa dhaaba kanaa kaan hidhee kaan ammoo ajjeese. Geggeessaa waraanaa olaanaa fi hogganaa dhaaba kanaa kan ta'e Jeneraal Taaddasaa Birruus qabamee hidhame. Tarkaanfin akkasii kun kan fudhatameef sababaa Waldaa Wal-Gargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa ummata Oromoo biratti fudhatama guddaa argatee fi Fincila Oromoo Baalee wajjin hariiroo waan qabuuf ture.

Miseensa dhaaba kanaa kan ture Huseen Soraa 1967 biyyaa baqatee Somaaliyaatti gale. Innii fi baqattoonni Oromoo biroo dhaaba Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhamu hundeessun Huseen hogganaa dhaabichaa godhan. Dhaabni kun odoo hun turin gara Yamanitti ce'uun Oromoota biyya alaa jiraatan leenjisuu eegale.

Yaalin jalqaba gara Itoophiyaatti seenu Jaarraa Abbaa Gadaatin durfamee godhame garuu karaa kaaba Somaaliyaa yeroo Itoophiyaa seenuf yaalii godhan humnoonni nageenyaa Somaaliyaa isaan hordofuudhan miseensota isaani kana hidhan. Yaalin inni lammaffaa milkaa'ee finciltoonni kun Itoophiyaa seenun Tulluu Carcarirratti buufata hundeessanii qubatan. Yeroo kana, dhaabichi maqaa Itoophiyaa jedhuun odoo hin taane maqaa Oromoo jedhuun socho'uuf murteesse.

Ummamuu ABO[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bara 1973, haallii siyaasaa Itoophiyaa jijjiirmaa jira ture, humni waraanaa Itoophiyaa mootummaa fi'uudaalii Hayila Sillaasee kuffisee aangoo qabateera. Hoggantoonni fi miseensonni WWMT warri hidhamuu jalaa ba'an karaa lafa jalaa gaazexaa dhoksaan maxxanfamu kan akka "Kana Beektaa" fi "The Oromo Voice Against Tyranny" jedhamutti fayyadamuun ummata kakaasuu itti fufan. Jaroonni kun dhoksaadhan kora Huseen Soraa, Elemoo Qilxuu fi hoggantoonni Oromoo biraa baayyen irratti hirmaatan qopheessan. ABO kan hundeeffamee fi sagantaan siyaasasaa barreeffame kora kanarratti ture. Hidhattoonni Tulluu Carcarirra qubatan akka gobla waraanaa dhaabichaatti hammataman, maqaan Waraana Bilisummaa Oromoo jedhus kennamef.

Waraanni Bilisummaa Oromoo kan Tulluu Carcarirra jiru hooggansa Hasan Ibraahim kan irra caala maqaa Elemoo Qilxuu jedhamuun beekkamu jala gale Bara 1974, WBO sochiisaa gaarrenirratti baballise, kunis bulchitoota naanichaa biratti sodaa guddaa uume keessatuu erga abbaa lafaa hamaa Mulaatuu Taganyi erga ajjeesanii booda. Mootummaan Waraanaa Itoophiyaa jeneraal Geetaachoo Shibashii akka finciltoota kan dhabamsiisuf erge. Fulbaana 6, 1974, Waraanni Bilisummaa Oromoo kan jalqabaa dhukaasa moortaaritiin Waraana Xirroo irratti moo'ame; Ahimad Taqii fi Elemoo Qilxuu yoo du'an loltoota WBO sadi'i qofatu lubbuun hafe.

Fincila Oromoo itti fufuu akka hin dandeenye gochuuf, Dargiin ummata magaloota naannoo WBOn itti socho'aa ture sana keessa jiraatan hidhuu fi ajjeesuu jalqabe, keessattuu magaalota Galamsoo, Baddeessaa, Machaaraa, Bookee fi Balballeetti keessatti. Waraanni riphee lolaa gabaabaa kana booda, ABOn addaan faffaca'e, hooggantoonisaa muraasni gara Edenitti deebi'uun dhaabicha deebisanii karaa qabachiisuuf yaalan garuu hin milkoofne.

Jeneraal Taaddasaa Birruu, kan mana hidhaatii ba'ee, qabsoo waraanaa Shawaa keessatti Hayiluu Raggaasaa wajjin itti fufe. Boodarra garuu lamaanuu qabamanii bara 1976 ajjeefaman, garuu WBO inni hundeesse waraana ittuma fufe, namoonni itti makamanis ajjeechaa Taaddasaa booda ni dabale.

== Liinkii alaa ==jeneraal waaqoo gutuu hoo maaf kessaa gattan

  • Wabii
  • Ethiopia: The Oromo