Taaddasaa Birruu

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Jeneraala Taaddasaa Birruu
190px
Maqaa masoo Taaddee
Guyyaa dhalootaa 1921
Bakka dhalootaa Salaale, Itoophiyaa
Guyyaa du'aa Bitootessa 19, 1975
Bakka du'aa Finfinnee, Itoophiyaa
Leellisaa Impaayera Itoophiyaa, Waraana Bilisummaa Oromoo
Damee
Wagaa tajaajilaa 1935-1975
Sadarkaa jeneraala
Haadha/Abbaa manaa Work-Abeba Medhin
Firooma Almaaz Taadasaa, Tsahaay Taadasaa, Ballaxee Taadasaa, Kaasaa II Taadasaa, Musee Taadasaa, Maartaa Taadasaa

Taaddasaa Birruu (1920 – Bitootessa 19, 1975) kooloneelii loltuu waraana Impaayera Itoophiyaa fi sabboonaa fi qabsaawa mirga Oromooti. Taaddasaan jalqabarratti leellisa tokkummaa Itoophiyaa kan ture yoo ta'u yeroo booda garuu, bara 1960n keessa, gara qabsaawaa mirgaa fi walqixxummaa Oromootti jijjiirrame. Kanarraa ka'uun mootummaa fonqolchuuf yaalaa kan ture yoo ta'u boodarrammoo karaa waraanaan mootummaa kuffisuuf yaalaa ture. Qabsoo kana keessatti mootummaa Dargiitin qabamee ajjeefame. Taaddasaan akka abbaa sabboonummaa Oromootti ilaallama.

Seenaasaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Jireenya Ijoollummaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Taaddasaan bara Hayilasillaasee keessa Impaayera Itoophiyaa keessatti kutaa bulchinsaa Shawaa keessatti kan argamtu Salaaletti dhalate. Abbaan isaa obbo Birruun waraana xaaliyaanii irratti summii gaaziitin(poison gas) du'an. Haati isaa ammoo gadda kanarraa ka'uun ji'a sadi'i booda du'an.

Loltuu Ta'uusaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Erga warri isaa dhumanii booda, Taaddasaan wasiila isaa Beekaatti kan miseensa Arbanyoochi, riphxee-loltoota Xaaliyaanii lolan, turetti dabalame. Boodarras qabamee hidhaan umurii guutuu fi hojii humnaa itti murtaa'ee Moqaadishoo, Somaaliyaatti hidhame. Amma Biriitish bara 1940 Moqaadishoo qabattee bilisa ba'utti achi ture. Taaddasaanis erga hiikkamee booda leenjii waraanaa Keeniyaa deeme fudhatee bara 1941tti Itoophiyaatti deebi'e. Achii gara sadarkaa liyuutenaantiitti ol guddatee Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaatti galmaa'e. Achi keessatti akka barsiisaatti yeroo dheeradhaaf tajaajillaa ture.

Bara 1954tti, Taaddasaan gara liyuutenaant koloneelitti guddatte; waraanarraas gara humna poolisiitti jijjiirramee. Humna poolisii akka ammayyomsuufis dirqamni itti kenname. Dura ta'aa "Faxnoo-Daraash(Rapid Forces)" ta'ee muuddame. Fonqolcha mootummaa bara 1960 fashaleessuu keessattis ga'ee guddaa tabatee amanamummaa Hayilasillaaseef qabu agarsiise. Yeroodhuma dura-ta'aa "Faxnoo-Darash" ture kanatti lammii Afrikaa Kibbaa sirna Apaartaayidiin qabsaa'aa ture Niilsen Maandeellaa leenjise. Shugguxii Liliesleaf jedhamtu kan Maandeelladhaa kennes isa ture. Taaddasaa Birruu bara 1953tti gara Birgaader Jeneraalitti ol guddate. Yeroo kana inni dura ta'aa "Faxnoo-Daraash", itti aanaa komishinerii Humna Poolisii Biyyaalessa, ajaajaa waraana naannoo fi dura-ta'aa Duula Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaalessaa ture.

Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Keessatti[edit | Lakkaddaa gulaali]

Taaddasaa Birruu jalqaba sochii sabboonummaa Oromoo hin balaaleffata ture. Erga muummicha ministeeraa Akliluu Habtawaldi wajjin haasawee booda Taaddasaa ni jijjiirrame. Akka dura-ta'aa Duula Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaalessaatti, Taaddasaan Akliluu Habtawaldi wajjin walgayii taa'ee Akililuunis Taaddasaan Oromoo ta'uu isaa waan hin beekneef Oromoo akka baratu gochuuni fii Oromoo loltuutti qacaruun gaarii akka hin taane itti hime. Jechi kun Taaddasaan yaada isaa akka jijjiiruu fi Waxabajjii 1964tti miseensa Waldaa Wal-Gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka ta'u godhe. Waldaa kana keessattis sochii baayyee godhe.

Beekkamtummaan Taaddasaa Birruu fudhatamni Waldaa Wal-Gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka dabalu godhe; dabalataanis dandeettiin geggeessummaan isaa dhaaba kana gara dhaaba mirga Oromootif qabsaawutti jijjiire. Karaa dhaaba kanaas, Taaddasaan, Oromoon akka baratuu fi akka of danda'u barsiisaa ture. Fakkeenyummaa Taaddasaa fudhachuun, dura buutonnii loltuu baayyeen, ummatni siivilii, namoonni baratan, namoonni bizinesii fi geggeessitoonnii amantii waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makaman. Namoonni kun baayyen isaanii Oromoo ta'uu isaaniyyuu dhoksanii kan turan yoo ta'u dhaaba kanatti makamuun isaani akka eenyummmaa isaani deebisanii akka labsuutti ilaalan.    

Mootummaadhan Mormuu Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Taaddasaa Birruu Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaatti galuun isaa fudhatama dhaabichaa dabale. Kun immoo Hayilasillaasee fi qondaaltota isaa aarse. Keesumaayyuu muummichi ministeeraa Akliluu Habtawaldi Taaddasaa akka masaanutti ilaaluu jalqabe. Akliluu dhuka'a boombii Finfinneetti ga'ee fi fincila Oromoonnii Baalee kaasan sababa godhatee Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka cufamu godhe. Miseensonni isaa baayyen qabamanii, baayyeen ajjeefamanii, baayyeen immoo biyyaa ba'an. Taaddasaan kana hunda jalaa bahee garuu hidhaa manaa jala akka turu godhame. Hidhaa manaa kana jalaa waggaa sadi'i booda dhokatee jalaa bade. Kanatti aansee loltoota Oromoo sadarkaa olaanaarra jiran wajjin ta'uun fonqolcha mootummaa yaalan; Hayilasillaases ajjeesuf karoorsan. Fonqolchi sun garuu odoo hin milkaawin hafe. Taaddasaan qabamee , umuriin isaa dulloomaa ta'uyyuu, garmalees reebbamee. Murtiin ajjeechaa itti murtaa'es boodarra gara hidhaa guututti jijjiirrame. Warri isa wajjin fonqolcha irratti hirmaatan baayyeen garuu ni ajjeefaman.

 Taaddasaan boodarra hidhaadhaa gadilakkifamee Galamsootti hidhaa manaa jala akka turu godhame. Taaddasaanis yeroo kana geggeessitoota Oromoo bebbeekkamoo kan akka Baaroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu (Hasan Ibraahim), Ahimad Hundee Taqii, fi Sheek Bakrii Saphaalloo wajjin wal qunname.

 Waxabajjii 1974tti, Itoophiyaan jeequmsa keessa waan seenteef impaayerri Itoophiyaa dadhabe. Taaddasaanis carraa kanatti fayydamuun Galamsoodhaa miliqee gara Finfinneetti deebi'e. Dargiin, waraana angoo mootummaa of harka galfate, Taaddasaan ministeera dhimma keessaa akka ta'uuf gaafate. Taadasaanis kana fudhachuu dide. Erga yeroo lammataatif didee booda, humni poolisii akka too'anna jala akka oolchuf ajajame; Taddasaan kana jalaa miliqee loltuu fincilaa waaraanaaf Shawaa keessatti gurmeessuu jalqabe. Loltuu keessatti hiriyoota isaa kan turan kana akka Koloneel Hayilee Raggaasaa, meejer Abbabaa Gabramaariyaam fi dhumarratti jeneraal Jaagamaa Keelloo isatti dabalaman. Kabaja gooticha wareeggame Elemoo Qilxuuf jecha maqaa waraanni isaa itti fayyadamaa ture Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) maqaa jedhamu jaltti socho'uu jalqaban. 

Du'aasaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Taaddasaa Birruu finciltoota geggeessaa kan ture yoo ta'u jeneraal Jaagamaa Keellotiin ganamee Hayiluu Raggaasaa wajjin booji'ame. Taaddasaa fi Hayiluuttis hidhaan umurii guutuu itti murteeffame. Boodarra kun Dargiidhan gara ajjeechaatti jijjiirrame. Taaddasaa Birruu, Hayiluu Raggaasaa fi geggeessitoota Oromoo ta'an baayyeen gaafa Bitootessa 18, 1975 ajjeefaman. Waraanni Bilisummaa Oromoo garuu qabsoo isaa kan itti fufe yoo ta'u bara 1976tti qaama Adda Bilisummaa Oromoo ta'e.

Yaadatamuu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Taaddasaa Birruu Oromoota baayyee biratti akka abbaa sabboonummaa Oromoo kan ammayyatti ilaallama. Barsiifni inni waa'ee eenyummaa Oromoo irratti gochaa ture dhaloota Oromoo haaraa kakaasee. Kunis aadaan, afaanii fi eenyummaan Oromoo akkasumas sochiin bilisummaa Oromoo akka finiinu godhe. ani deleta oromofi deleta tada biru wnteyf baya negemechisa baayyee neetiitoolaaraa tamiru seelaalran

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]