Jump to content

Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa

Wikipedia irraa

Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa waldaa mirga ummata Oromoof qabsaawuf dhaabbate. Dhaabbanni kun leellistoota Oromummaa kan akka Maammoo Mazammir, Hayilamaaraam Gammadaa fi Taaddasaa Birruu faatin dhaabbate. Waldaan kun maqaa kan kan argate gosoota Oromoo gurguddoo lama kan Maccaa fi Tuulama jedhamanirraayi. Waldaan Macaa fi Tuulamaa kan dhaabbate bara 1960n keessa yoo ta'u kaayyoon isaas eenyummaa Oromoo gabbisuu fi mirga Oromoof qabsaawuuf ture.

Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa magaalaa Finfinnee keessatti Gullalleetti Amajjii 24, 1963 hundeeffame. Hundeeffamee waggaa tokko booda Caamsaa 1964tii akka waldaa gargaarsaatti akka socho'u mootummaa fiwudaalarraa eeyyama argate. Koloneel Alamuu Qixxeessaa pirezidaantii waldichaa fi hogganaa boordii, Baqqala Nadhii itti-aanaa pirezidaantii, koloneel Qadiidaa Gurmeessaa itti-aanaa pirezidaantii lammaffaa fi Hayilamaaraam Gammada barreessaa waliigalaaaldaa waldichaa ta'anii filataman. [1]

Koree seera ittiin-bulmaata waldichaa baasu kan hooggane abbaa seeraa kan ture Hayilamaaraam Gammada yoo ta'u maqaa waldaa kanaas Maccaa fi Tuulma akka jedhamu isatu moggaase. Kana malees, odaan asxaa waldichaa akka ta'us Hayilamaaraam Gammadatu murteesse. Waldaan kun koree adda addaa torba yoo qabaatu namoota himaammata baasan kudha-sadi'i qaba ture. [1]

Jalqaba Waldaan Maccaa fi Tuulamaa jalqaba kaayyon inni dhaabbateef:

  • Mana barnootaa ijaarudhaan Oromiyaa keessatti barnoota baballissuu
  • Buufata fayyaa ijaarudhaan rakkoo fayyaa Oromiyaa keessa ture furuu
  • Daandii geejjibaa baasudhaan ummata Oromoo walqunnamsiisuu
  • Namoota qaama miidhamtootaa fi hojii hin qabne gargaaruu

Boodarra garuu hacuuccaa ummata Oromoorragfi waldicharraa'urraan kan ka'e waldaan kun gara sochii siyaasaatti jijjiirrame.aa deeme

Walga'iin ummata wajjinii kan jalqabaa konyaa Jibaati fi Maccaa magaalaa Giincitti geggeeffame. Itti aansunis aanaa Jalduu keessatti walga'iin walfakkaataan geggeeffame. Achirratt koloneel Alamuu Qixxeessaa lafa hektaara 10,000 hojii misoomatiif akka itti fayyadamu waldichaaf kenne. Sochiin misoomaa waldichi godhe waan isa gammachiisef, koloneel Alamuun, ogeessota waraanaa bebbeekkamoo Oromoo ta'an miisensa waldichaa akka ta'an affeeruf murteesse. Namoota akkaataa kanaan affeeraman keessaa tokko jeneraal Taaddasaa Birruu ture. Leellisaa Itoophiyummaa fi Hayilasillaaseef amanaa kan ta'e Taaddasaan waldaa gosaan hundaa'e keessatti hinhirmaadhu jedhe dide. Hogganaa Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaaleessaa waan tureef, hojii waldichi barnootarratti hojjaturratti garuu gargaaruf waadaa seene. Barnoota baballisuuf cichee hojjachaa kan ture Taaddasaan, gaaf tokko Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Akliluu Habtawaldi wajjin wayita haasa'an, Akliluun akkas jedheen "baradhaa baradhaa jedchuu guddifteetta. Kuni gariidha, garuu eenyu akka baratuu gargar baaftee beeku qabda. Nuti Oromoo jaarraa tokko duubatti akka hafu goone bulchina. Ummanni Oromoo galaana waan ta'eef yoo barate nu liqimsa" jedheen. Akliluun Taaddasaan Oromoo akka ta'e hinbeeku ture. Daba sirna fiwudaalaa ummata Oromorratti hojjatu kan baree fi kananis hedduu kan aare Taaddasaan dhaqee Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makame. Waldichis beekkamtummaa jeneraal Taaddasaan qabu keessattuu hariiroo cimaa inni Hayilasillaasee wajjin qabu fayyadamee hojii waldichaa gufuu tokko malee baballisuu barbaade. Yeroo gabaabaa kessatti Oromoonni ogummaa adda adda keessa hojjatan hedduun miseensa waldichaa ta'an. [1]

Maccaa fi Tuulamni ummata misoomaf dadammaqsuu fi qarshii misoomaf oolu walitti qabuuf, walga'ii gurguddaa ummata wajjin geggeessuu jalqabe. Walga'ii kana kan ispoonserii godhu Oromoota qabeenya fi mirga fooyya'aa qaban kan akka Kabbadaa Buzunash faatin geggeeffama ture. Kabbadaa Buzunash lafa hektaara 50,000 waldaan kun misoomaaf akka itti fayyadamuuf kenne. Yaa'ii seenaa qabeessa keessa tokko Yaa'ii Itayyaa kan Caamsaa 1966 dureessa Arsii keessaa Hajii Roobalee Tureetin qophaa'e yoo ta'u kunis Oromoota bahaa fi dhihaa, kiristaanaa fi islaama walitti fiduun tokkumaa Oromoo mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa qaba. Hajii Roobalee Turee yaa'icharratti yoo dubbatu "burqaan walitti dabalamtee laga taati, ummannis walqabatee biyya ta'a" jedhe. Hajii Roobaleen namoota muraasa waldichaa kan Oromoon biyya mataasaa akka qabaatu yaadan keessa isa tokko. Yeroo sana Afaan Oromootin yaa'ii kamiyyuu geggeessun seeran dhorkaa ta'uyyuu yaa'iin Itayyaa kun kan geggeeffame Afaan Oromootin ture. Yaa'icharrattis Oromoonni kiristaanni foon islaamni qale nyaachun, Oromoonni islamnis foon kiristaanni qale nyaachun tokkummaasaanii agarsiisan. Kun kan isaan naasise bulchitoonni Amaaraa, waldaa warra waaqa hinbeekne jechuun maqaa balleessuu jalqaban. Walga'ii wal fakkaatan ittuma fufuun kan geggeeffame yoo ta'u, kan keessa tokko Bishooftuutti Lammaa Guyyaatin (kaapiteenii umna qilleensaa) kan qindeeffame tokko ture. [1]

Damee Adda Addaa Banuu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Waajirri Finfinnee dhaabbatee erga hojii eegalee booda, damee Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kutaa-biyyaa addaa keessatti akka banamu sochiin jalqabame. Akkaatadhuma kanaan damee Arsii banuuf, Usmaan Sheek, Galatee Xaddachoo fi Ahmad Bunaa filatamanii sochii jalqaban. Maanguddoon Oromoo Arsii Hajii Roobalee Turee waajira Finfinnee dhufanii walga'ii Fulbaana 1966 irratti hirmaatanii sochii naannoo Arsii jiru warra waajira muummetti beeksisan. Hoggantoonni waajira muummes Dheeratti dhufanii ummataan akka walbaran walii galan.[2]

Warri bulchaa kutaa-biyyaa Arsii, waa'ee walga'ii kanaa erga dhaga'anii booda akka hingeggeeffamne waan hinbarbaadneef Haaji Roobalee Turoo fi namoota walga'ii kana qindeessan hidhan. Haa ta'u malee, hoggantoonnii muummee kan Finfinnee jiran haaluma beellamaatin Dheeraa deemuf kutatan. Haaluma kanaanis koreen hoggantootaa Dheeraa seenan. Ummanni Arsii hedduunis ba'anii jila Finfinneedhaa dhufe kana haala hoo'adhaan simatan. Walga'ichis haaluma karoorfameen adeemsifamee kaayyoon waldaa kanaa ummataaf ibsame.[1][2]

Bulchaa Arsii kan ture namni Saahiluu Difaayee jedhamu ummata walga'ii kanarraa ba'ee gara manaatti deebi'aa jiru kanaratti dhukaasa banuun namootarraan miidhaa geessisan. Lafa walga'iin irratti geggeeffamee fi naannoo san jiru hunda mootummaan waan dhaalee nama biraatif waan kenneefi ummanni irraa akka ka'u ajaja dabarsan. Ummanni lafarraa buqqa'e aanaatti, konyaatti, bulchiinsa kutaa biyyaatti iyyatanillee murtiin lafarraa ka'aa jedhu ittuma fufe. Dhumarratti Baqqalaa Nadhii gara mana murtii Hayila Silaasetti akka ol iyyatan gorsan. Hayila Silaasellee murtii gara gadiitti sinirratti murtaa'e cimseera jedhe. Ummanni lafti jalaa dhaalames ol ka'anii 'u u u u u, yaa waaqa sitti iyyanna' jedhanii iyyan. Hayila Silaasenis yaadasaa jijjiiree laftisaanii akka irraa hin fudhatamne murteesse.[1][2]

Damee Wallaggaa dhaabuu keessatti Aadde Atsadee Habtamaariyaam, Qana'aa Gumaa, Tasammaa Nagarii, Bayyanaa Abdii, Abdiisaa Moosisaa, Ol'aanaa Baatii fi Taasisoo Eebbaa fi namoonni biroo qooda guddaa qabu ture.

Damee Harargee akka dhaabbatu Abdulaziiz Muhammadii fi Abdulrahmaan Laazimaa sochii guddaa godhan. Waajira Sidaamoo dhaabuu keessatti Tasfaayee Dagaagaan kan hoogganamu yoo ta'u namoonni Oromoo hin taane kan akka W/Amaanu'eel Dubbalaa faa akka itti hirmaatan himama. Waajirri Jimmaa ammoo Abbaa Biyyaa Abbaa Joobirii fi Dr Moggaa Firrisaatin hoogganame. Waajirri Iluu Abbaa Booraa Balaachoo Dhaabaa fi Dr Jamaal Abdulqaadiriin akka geeggeeffame himama. Waajirri Yererii fi Karraayyuu ammoo Adaamaatti hunda'ee Baqqalaa Waldee, Daadhii Fayyisaa fi Gammachuu Taffasaa faatin geggeeffame. Waajirri Baalee Sheek Huseen Muhammad (Huseen Suraa) fi Haaji Aadam Saaddootin hoogganame[1].[2]

Hidhamuusaanii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Sochii waldaa kanaa kan sodaate mootummaan gabroomfata Hayilasillaasee, waldaan kun akka hinsochoone bara 1967 dhorke. Hoggantootaa fi miseensota waldaa kanaa kan Finfinnees ta'e kan kutaa-biyyaarra jiran qabee mana hidhaatti naqe, mana murtiittis himannaa irratti bane. Galmeen himannaa hoggantootarratti baname bakka sadi'itti qoodama. Gareen tokkoffaan: Jeneraal Taaddasaa Birruu, Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammir, Seefuu Tasammaa, Daadhii Fayyisaa, Lammeessaa Boruu, Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuu, Hayilamaariyaam Gammadaa, Koloneel Alamuu Qixxeessaa, Birgaader Jeneraal Daawit Abdii fa of keessatti qabata.

Garee lammaffaan ragaa sobaa ta'anii garee tokkoffaa keessa namoota jiranirratti ragaa akka ba'an mootummaan yaalee ture. Garuu isaan kana fudhachuu didnaan isanirrattis himanni baname. Gareen kun Taaffasaa Gammachuu, Tasfaayee Dagaagaa, Baqqalaa Mokonnin, loltuu Hayilamaariyaam Dimaanaa, fiixumaa Hiikaa faa of keessatti qabata.

Garee sadaffaan jalqaba mana murtii Baaletiin himataman. Boodarra garuu gara mana hidhaa Finfinneetti ol dabarfamana. Gareen kun Fitawuraarii Ahimad Imaamaa, Haaji Aadama Saaddoo, Giraazmaach Umar Huseen, Qanyazmaach Abuubakar Dargaa, Aliyyii Ahimad, Qaasim Huseen, fi Hasan Jimaa faadha.

Manni murtii mootummaa fiwudaalaa ilaalcha diinummaatin, Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir adabbii du'aa yoo itti murteessu, koloneel Alamuu Qixxeessaa, Baqqalaa Makonnin, Seefuu Tasammaa, fi Daadhii Fayyisaarratti hidhaa cimaa waggaa kudhanii murteesse. Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuurratti hidhaa waggaa torbaa, Lammeessaa Boruu hidhaa cimaa waggaa shanii, fi Daawit Abdiirratti hidhaa waggaa sadi'ii murteesse. Kana malee, qabeenyi himatamtootaa kan Finfinnee fi kutaa-biyyaa jiru hundi akka mootummaan dhaalllamu murteesse.

Hayilamaariyaam Gammadaa reebichaa fi dararaa isarra ga'erraan kan ka'e mana murtii dhufuu kan hin dandeenye ta'ullee sireedhan baattame akka dhufu ajajame. Kan dhaga'uun Raas Immiruun waan gaddeef Hayilasillaasetti dubbate. Sana booda gara mana yaalaa akka deemu eeyyamameef. Mana yaalaa deemee yaallamaa odoo jiruu baayyee waan miidhameef torban tokko booda Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte.

Ergaa waldichi akka hinsochoone dhorkamee booda, miseensonni muraasni gara Somaaliyaa deemun mootummaa fiwudaalaa kuffisuuf of ijaaruu jalqaban. Kaan ammoo, kan akka Ejjetaa Fayyisaa, gara Sudaan deemun damee waldichaa achitti banan. Miseensonni waldichaa kan Finfineetti hafan sochii lafa jalaa jalqaban; koree aadaa fi garee waliin qo'annoo adda addaa hundeessan. Gareen kunis barruu ummata dadammaqsu Afaan Oromootin, Amaariffaa fi Ingiliffaan qopheessee rabsaa ture. Barruu The Oromos: Voice Against Tyranny fi Kana Beekta jedhaman hacuucca Oromoo ga'u ibsan maxxansiisun ummata dadammaqsaa turan. Sochii lafa jalaa kana namoota qindeessan keessaa obboleeyyan lamaan waa'ee Oromootif wareegaman luba Guddinaa Tumsaa fi Baaroo Tumsaati. Baaroo Tumsaa sochii lafa jalaa kana qindeessuu qofa odoo hintaane, hundeeffama Adda Bilisummaa Oromoo keessattilee shoora guddaa qaba.

Yeroo ammaa, Waldaan Maccaa fi Tuulamaa erga mootummaan ADWUI akka hinsochoone dhorkamee miseensoni isaa hidhamanii booda biyya keessatti socho'aa hinjiru. Haa ta'u malee, yeroo ammaa deebi'e biyya Ameerikaatti of ijaarudhaan sochii gara agaraa gochaa jira.

Qabsoo farra diddaa gabrummaa Oromoo keessatti WMT ga'ee guddaa ba'e. Namoonni boodarra Adda Bilisummaa Oromoo hundeessan baayyen isaanii miseensota Maccaa fi Tuulmaa kan turan yoo ta'u hundeeffama ABOf haala mijeesse. Kana malees, Oromoo dadammaqsee aadaa fi afaan isaatin akka boonu gochuun shoora olaanaa ba'e.

  1. Merera Gudina. Ethiopia: From Autocracy to Revolutionary Democracy, 1960s-2011. Addis Ababa: [s.n.], 2011. p. 25
  2. Fessha, Yonatan Tesfaye. Ethnic Diversity and Federalism Constitution Making in South Africa and Ethiopia. Farnham: Ashgate, 2010. p. 173
  3. http://www.angelfire.com/alt2/gada-koo0/HISTORY.htm; Retrieved September 5, 2014
  4. Maccaa fi Tuulama
  1. 1.0 1.1 1.2 1.3 1.4 1.5 1.6 Mohammed Hassen. REVIEW ESSAY: GEZETENA GEZOT, MATCHA AND TULAMA SELF-HELP ASSOCIATION, by Olana Zoga, Journal of Oromo Studies, 1997, 4(2), 203-238
  2. 2.0 2.1 2.2 2.3 Muhammad Sayid Abdulrahmaan (2015). Seenaafi Qabsoo Oromootaa, maxxansaa 3ffaa