Oromoo Tuulama
Tuulamni latiinsa Oromoo damee Boorana hidda dhaloota Raayyaati. Ilmaan Raayyaa lamaan Maccaa fi Tuulamni kan dhalatan Tullu Eegduu irratti. Ilma hangafaa kan ta'e Tuulamni, lafa abbaa isaa Raayyaatti qubate.
Tuulama kibbaan Haroo Dambal haga kaabaan Walloo fi Raayyaatti kan qubatee jiruudha. Bahaan Karrayyu haga Lixaan Walisoo qubate. yuulamni Godinoota Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa, Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne, Shawaa Kaabaa fi Shawaa Bahaa keessa warra qubate. Godinoota naannoo Amaaraa Shawaa Kaabaa, Godina Oromiyaa fi Walloo Kibbaa keessa Oromoota Tuulamaa Doobbaa, Waayyuu, Laaloo, Maammaa, Geeraa, Gishee baasoo fi Warana, Liche, Alkoo Bar, Majatee, Sanbatee, Qawaati, Jillee fi Dhummuugaa kan jiraataniidha. Akkasuma Naannoo Tigraay keessas ni jiru.[1]
Hidda Dhaloota Tuulamaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Tuulama ilma Raayyaa ilma Marrawwa ilma Walaabu ilma Odaa ilma Nagawoo ilma Gurraacha ilma Saammalo ilma Boorana ilma Oromoo ilma Horooti. Horo Waaqa uume. Hidda dhaloota gubbaa gadi yoo laakkawamu akka armaan gadiiti.
- Horo
- Oromoo
- Boorana
- Saammalo
- Gurraacha
- Nagawoo
- Odaa
- Walaabu
- Marrawwa
- Raayyaa
- Tuulama
- Macca
Latiinsa Tuulamaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Ilmaan Tuulama sadaniif isaan boodaa.
- Tuulama
- Daaccii
- Galaan
- Jidda
- Liiban
- Aabbu
- Ada'a
- Warra Jaarsaa
- Gaadulla
- Oboo
- Gimbichuu
- Gullallee
- Oborii
- Yaayyaa
- Eekka
- Digalu
- Gamu
- Sooddo
- Oditu
- Liiban
- Tum'e
- Galaan
- Bacho
- Iluu
- Meettaa
- Waajitu
- Garasuu
- Keekku
- Uru
- Jiille
- Goona
- Guusa
- Looyya
- Warre
- Siiba
- Gindo
- Daaccii
Wabii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- ↑ Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa; Fuula: 130