Hayilamaaram Gammadaa

Wikipedia irraa
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i
Gtk-find-and-replace.svg
Barreeffamni kun sirreeffamuu fi gulaalamuu qaba.
Gtk-find-and-replace.svg

Hayilamaaram Gammadaa (1915 - 1970) qabsaawaa mirga Oromoo fi hoggantoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessaa isa tokko. Hayilamaariyaam reebichaa fi dararaa mootummaan Hayilasillaasee isarraan ga'erraan kan ka'e yaallamaa turee Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte.

Seenaa Duubaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hayilamaaram Gammadaa kutaa bulchiinsa Shawaa Kaabaa, aanaa Jiddaa keessatti bara 1915 maatii qonnaan bulaarraa dhalate. Yeroo inni barnoota sadarkaa lammaffaa barachaa jiru Xaaliyaanin Itoophiyaa weerarte. Hayilamaaram Gammadaas Raas Abbabaa Aragaay (akaakayyuu Goobana Daaccii) jalatti galuun Xaaliyaanii lolaa ture. Boodarra Xaaliyaanotaan booji'amee Somaaliyaatti waggaa sadi'i hidhame. Erga Xaaliyaanin bara 1941 Itoophiyaadhaa baatee booda, Hayilamaaram biyyatti deebi'ee Ministeera Humna Namaa keessatti mindeeffamee Shawaa, Tigraayi, Harargee, Kafaa, Iluu Abbaa Boor, Arsii fi Sidaamoo keessatti hojjachaa ture. Kutaalee Oromiyaa hedduu keessa socho'uun odeeffannoo seenaa Oromoo, aadaa, duudhaa fi dhaabbilee siyaasaa guuraa ture. Carraa hojiisaa kanaanis Haayilamariyam bakka hedduu waan deemeef, waa’ee Oromoo fi kutaalee Oromiyaa akkasumas, mala bulchiinsa jallaa ummata Oromoorratti mootummaa yeroo sana tureen fe’amee jiruu fi walumaa galatti waa’ee Impaayera Itoophiyaa kana hubannaa gaarii argachuu danda’ee ture.

Bulchiinsa loogii sanyii, dhiittaa mirga dhala namaa Oromoon lafa itti dhalatee keessatti irratti geggeeffamuu fi akka sabaatti tuffatamuu fi maqaa hinmalleefiin waamamuunsaa Haayilamaariyam kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti argaa ture sun boqonnaa dhorkate; hojiisaa qalbiin itti fufee hojjachuu hindandeenye. Rakkoo sana keessaa Oromoo kan baasuu danda’u Oromoo malee qaamni biraa jiraachuu akka hindandeenye hubate. Kaanfis ofirraa jalqabuun akka barbaachisu murteessuun hojii mootummaa yeroo dheeraaf hojjachaa ture gad lakkisuun dhuunfaan hojii abukattummaa seeraa hojjachuu jalqabe. Hojiinsaa kunis barnootaan kan deeggarame akka ta'uuf, guyyaa hojjachaa galgala ammo barnoota seeraa Yuunivarsiitii Finfinneetti barachuu jalqabe. Barnootasaa kanas xummuree Diploomaan erga eebbifameen booda, jiruu fi jireenyasaa hafe Oromoo salphina isa mudate keessaa baasuuf ga'eesaa ba’uuf of qopheessuu jalqabe.[1]

Hojiin seeraa inni dhuunfaan hojjatu kunis Oromoota kutaalee Oromiyaa adda addaarraa dhufan wajjin kan wal isa barsiise yoo ta’u, namoota qunnamuu hundaa irraa waan inni dhaga’u haqa barbadaaf dhaaddachaa fuula duratti dhihaatanii haqa osoo qabanii sanyiin looginsa ta’u yeroo hubachaa deemu, jibbiinsi sirna sanaaf qabu jabaachaa hawwii inni qabsoof qabu ol ka’aa deeme. Akeeka isaa fiixaan baasuufis umanni Oromoo bifa kamiinuu of ijaaruu fi ijaarsa sanaan tokkummaan qabsoo gochuu akka qabu waan itti amaneef, hayyama mootichi Hayilasillaasee uummanni of ijaaruu danda’a jedhee baasetti dhimma bu’aan namoota yaada akka isaanii qaban waliin ta’uun bu’ureffamni Waldaa Maccaafi Tuulamaa mirkana akka ta’u taasise.[1]

Hayilamaaram nama dubbisuu jaalatu, waan haaraa baruuf nama fedhii qabu fi nama sammuu qara qabu ture; kunis seenaa Oromoo hedduu akka beeku isa godhe. Hayilamaaram seenaa fi aadaa Oromoorratti beekumsa olaanaa qaba ture. [2]

Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Keessatti[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hayilamaaram Gammadaa namoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hundeessan keessaa tokko yoo ta'u barreessaa waldichaa ta'ee hojjachaa ture. Hayilamaaram hogganaa koree seeran ittiin-bulmaata waldichaa baasu ture. Maqaa waldichaallee kan baase isuma yoo ta'u asxaa dhaabichas akka odaa ta'u kan yaada dhiyeesse isa ture. [2]

Sochii Hayilamaarama Maccaa fi Tuulama keessatti godhu, sirna fiwudaalaa Hayilasillaassee baayyee sodaachise. Akkasuma ta’ee garuu, mootichi Hayilamaaram irratti balaa qaqaabsiisuu odoo hintaane ofitti butuun dhimma itti ba’uuf saganteffate. Haala kanaanis hojii mootummaatti deebi’ee mindaa fi itti gaafatamuummaa guddaa akka qabaatuuf yaadun xalayaan ajajani. Hojii isaa kennames itti gaafatama abbaa seeraa fi qeeyee mootummaaf ammoo gorsituu seeraa ta’ee akka dalaguuf ture.[1]

Muudamni kun maalif akka ta’e Haayilamaaramiif battalumatti galeefi. Yeroo gabaabaaf erga hojjateen booda fedha isaan hojicha gad lakkisee ba’uun yeroosaa guutummatti ijaarsa Waldaa Maccaafi Tuulamaa irratti dabarsuu jalqabe. Hojiisaa gadi lakkisee yeroo muraasa booda hidhattoota mootummaatin qabamee mana hidhaatti darbatame. Qabeenya isaas maqaa idaa baankii jedhuun horii hintaanetti gurguruun mormitoonnisaa akka qircatan taasisanii. Akka kanatti maatii fi qee'eesaa dirree gubbaatti rakkinaaf saaxilan. Mana hidhaa sana keessattis dararama qaamaafi qalbiin irra ga’aa tureen erga dadhabeen booda manatti galee haa du’u jechuun yeroo lubbuun isaa ba’u geessu manatti galchan. [1]

Waldaan Maccaa fi Tuulamaa erga dhorkamee booda sababa hirmaannaa waldicha keessatti qabuun reebichaa fi dararaa guddaa mootummaan fiwudaalaa irraan geessise. Hayilamaariyaam Gammadaa reebichaa fi dararaa isarra ga'erraan kan ka'e mana murtii dhufuu kan hindandeenye ta'ullee sireedhan baattame akka dhufu ajajame. Gara boodaa garuu gara mana yaalaa akka deemu eeyyamameef. Mana yaalaa deemee yaallamaa odoo jiruu baayyee waan miidhameef torban tokko booda Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte. Gara mana yaalaa deemuf yeroo ka'u, Hayilamaaram jaallewwansaatin akkas jedhe:

"Kana booda waan wal arginu natti hinfakkaanne. Nuti duunus du'uu baannus, kaayyon keenya kan Oromoo bilisoomsuu ijoollee fi ijoollee ijoollee keenyatiin galma niga'a"[2][3]

Waa'ee Maccaa fi Tuulamni akka hinsochoone dhorkamuu fi miseensoni waldichaa hidhamuu ilaalchisee akkas jedhee dubbate:

"Hoggantootaa Maccaa fi Tuulamaa hidhuu fi ajjeesun, waldaan kun akka hinsochoone dhorkuun qabsoo mirgaa ummani Oromoo godhu hinukkamsu. Wanti nuti hojjanne akka bofa hudduu lixeeti, yoo harkifamee ba'es yoo achi keessatti dhiifames tokkuma. Summiisaa qaata facaaseera waan ta'eef"

Hayilamaaram, qabsoo Oromoo keessatti, gumaacha godheen yoomiyyuu ni yaaddatama.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  1. 1.0 1.1 1.2 1.3 SEENAA HAYILAMAARIYAM GAMMADAA, dhihootti kan baname: Adoolessa 28, 2016
  2. 2.0 2.1 2.2 Mohammed Hassen (1997) REVIEW ESSAY: GEZETENA GEZOT, MATCHA AND TULAMA SELF-HELP ASSOCIATION, by Olana Zoga
  3. Muhammad Sayid Abdulrahmaan (2015). Seenaafi Qabsoo Oromootaa