Odaa

Wikipedia irraa

Aadaa fi seenaa Oromoo keessatti Odaan akka madda nagaa fi mallattoo eenyummaa, tokkummaa uummata Oromootti ilaalama. Faayidaa amantii fi siyaasa Oromoo keessatti qaburra kan ka’e Odaan mukoota jiran keessa baay’ee kabajamaa fi eebbifamaadha. Umuriin isaas haga malee dheeraa dha. Uumamaan lalisaa ta’ee bifti isaa harbuu ykn qilxuu fakkaata. Muki kun yoo caamsaan dheeratelee hin gogu. Kana malee uumamaan lafa jala bakka bishaan ykn jiidhinsi jirutti biqila. Guddinni isaa hanga tokko ol ka’ee dameen isaa waan wagga waggaan dalga dagaaguuf bal’dhatee gaddisa ta’uun namaa fi loonii madda qabbanaati. Gaaddisni Odaa iddoo itti Ayyaanni Muudaa raawwatuu fi miseensonni Gadaa sirna Ayaana ce'umsaa itti sirneefatanuu dha. Galmi Abbaa Muudaa fi teessoon Abbootii Gadaa Odaa jalatti ijaarama.kutaa lammafati na egadha Ahemad Hassan


Gosa biqiltuuti

Odaa Gurguddoo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Odaan Oromoon waggaa dheeradhaaf seera jalatti tumaa fi yaa'ii taa'aa ture shani. Isaanis:

  1. Odaa Roobaa
  2.  Odaa Nabee
  3. Odaa Bisil
  4. Odaa Bulluqii fi
  5. Odaa Bultum

Odaan Oromoo yeroo ijaarramu, hunduu bara tokko keessa kan ijaaraman otoo hin ta’iin odaa tokkorraa dameetu latee odaa of danda'e ta'aa deemaa har'a gahe. Odaan angafaa odaa Roobaati jedhama. Odaan Nabee damee odaa Roobaa ta’uun hin oolu.  Hanga bara 1558-59 qomoon Maccaa fi Tuulamaa waliin Odaa Nabeetti seera tumee labsachaa turan, kanas seenaan barreeffamaan jiru nuuf mirkaneessa. Sana booda qomoon Maccaa of danda'ee Odaa Bisil ijaarrate.

Seenaa afoolaas ta'e kan katabame akka ibsutti, Odaan Bisil Laga Gibee, Biloo fi Geedoo jidduutti ijaarame jedhama. Bakki kun tulluun marsamee jira jedhu. Odaan Bisil-maqaa nama naannoo sun qabiyyee isaa ta'een moggaafame. Namni kun Bisil Osolee jedhama. Hogganaan Odaa Bisil hoogganaa ture, akka seenaan nuuf addeessutti Makkoo Bilii jedhama. Makkoo Bilii seera hedduu  tume jedhamee beekkama. Odaa Bisil jalatti kan walga'aa turan shanan Maccaa ti. Shanan Maccaa kunis: Liiban, Jaawwii, Guduru, Daallee (Daadhii) fi Jidda.  

Yeroo hawaasni guddatee odaa Bisil gad-dhiisee deemu, Odaa Bisilitti kan hafe, shanan Maccaa keessaa hortee hangafa qofa. Hangafti Maccaa Liibani. Sana jechuun hortee sadan Liibantu qe'eetti hafe. Isaanis: Jahaan Ammayya, Arfan Walisoo, fi Torban Kuttaayee ti.

Odaa Gudayyaa (Odaa Mandiidaa Waaqoo) aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gudayyaa jedhamutti kan argamu yoo ta'u, innis damee Odaa Bisil dha. Odaan Roobaa Godina Baalee keessa aanaa Ginniiritti argama. 

Odaan Bultum Godina Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti argama.

Odaan Maalif Filatame?[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Maanguddoonni odaan akkamitti akka filatame akkanatti ibsu. Innis dur dur bara caamsaan /ongeen/ hammaate tokko jaarsi tokko odoo loon tiksaa jiruu goromsisaa jalaa badde. Faana goromsa sanaa hordofuun barbaacha jalqabe. Odoo barbaaduu odaa jala ciistee arge. Jaarsi kunis goromsasaa argachuusaatti gammadee, gaaddisa odichaa jalattis boqote. Yeroodhuma kana hurriin dura naannawa sana hinturre dhufee Odaa uffise. Waaqayyo seeraa fi safuu namoonni kabajuu qabanii fi cubbuurraa ittin of eegan gadi buuseef. Jaarsi kunis guyyaa sanarraa ka’ee namoota barsiisuu eegale. Jaarsi kun imaanaa Waaqni itti kenne ba’uuf odaa jala taa’ee seera Waaqaa barsiiuu eegale. Haala kanaan odaan filatame Oromoo biratti muka addaa ta'e.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]