Jidda
Jidda aanolee godina Shawaa Kaabaa keessaa isa tokko. Oomisha midhaanii garbuu,qamadii fa'aan beekamti. Haalli qilleensa ishee baddaadha. Magaalli guddittiin aanaa kanaa sirxii jedhamti. Uummanni aanaa jiddaa tokkummaa jigii fi walgargaarsan waliin jiraatu. Guyyaa kamisaa gabaa daldalaa beekkamaatu jira.
Horsiisa loonii, fardeeni fi hoolotaanis jiddi beekamtuudha. Atileetii beekamaan yeroo jalqabaatif meedaaliyaa maraatoonii oloompikii miila duwwaa fiigun injifate Abbabaa Biqilaan aanuma Jiddaa keessatti dhalate. Siidan atileet Abbabaa Biqilaas mana barumsaa maqaa isaatin ijaarame Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa Shaambal Abbabaa Biqilaa keessatti hirmaannaa uummataa fi mootummaatin hojjetamee dhaabbatee jira.
Akkuma uummata Oromoo kan biroottis jiddi sirna gumaa,gadaa,sirna fuudhaf heerumaa fikkf bifa bareedina qabuun gaggeeffata.