Jump to content

Abbabaa Biqilaa

Wikipedia irraa
Abbabaa Biqilaa
Ogummaa:Atileetii
Biyya:Itoophiyaa
Guyyaa dhalootaa:Hagayya 7, 1932
Bakka dhalootaa:Aanaa jiddaa Ganda Burra jaatee
Guyyaa du'aa: Onkoloolessa 25, 1973
Bakka du'aa: Finfinnee

Abbabaa Biqilaa (A.L.A Hagayya 7, 1932 – Onkoloolessa 25, 1973) atileetii Olompiikii maraatoonidhaan si'a lama mo'ee yoo ta'u irra caala kan ittiin addunyaarratti beekkamu bara 1960tti Olompiikii Gannaa luka duwwaa kaachudhaan medaaliyaa warqii argachuu isaatini. Yaadannoo Abbabaaf jecha istaadiyemiin Finfinnee jiru maqaa isaatin moggafameera.

Seenaasaa Duubaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

1932–1959

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Abbabaa Biqilaa Hagayya 7, 1932 maatii Oromoo gosa Abbichuu ta'an irraa dhalate; iddoon dhalootasa araddaa Jaatoo jedhamtu kan Mandiidarraa km25 fagaate argamtuti. Guyyaan dhalootasaa kun guyyaa Maraatoonii Olompiikii Loos Aanjeles ture. Abbabaan ijoollumaatti tiksee ture. Abbabaan boodarra eegduu mootichaa (Imperial Bodyguard) ta'uudhaan maatii isaa gargaaruu waan barbaadeef km250 lukaan deemudhaan gara Finfinnee dhaqe. Finfinneettis jalqaba eegduu dhuunfaa ta'uudhaan maatii warra sanyii mootii (royal family) eeguu jalqabe. 

Onnii Niskanen, lammii Iswiidin kan Fiinlaanditti dhalate, mootummaa Itoophiyaatin atileetota akka leenjisuuf qacarame. Leenjisaan kun battalumatti dandeetti Abbabaa kana arge. 

Moo'icha Maraatoonii Olompiikii 1960

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Abbabaan Olompiikii 1960 yeroo xumuru

Abbabaan garee Olompiikii Itoophiyaatti kan makame dhumarratti yero

Kan Inni Dubbaterraa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

"Addunyaa marti biyyi koo Itoophiyaan yeroo hunda gootummaa fi kutannodhaan akka moo'atu akka beekanan barbaada"

"Namoonni milkaa'an balaadhaanis isaan qunnama. Olompiikii moo'unkoo fedhii waaqaa ture, balaan kun na qunnamuun isaas fedhii waaqaati. Akkuman moo'icha sana gudhadhe, balaa kanas nan fudhadha. Wantoota lamaanu akka bu'aa bayii jireenyaatti (facts of life) fudhee gammachuudhaan jiraachutu narra jira. 

Aadaa Keessatti

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Riqicha maqaa Abbabatin moggaafame, Laadispoolii, Xaaliyaanii

Moo'ichi Abbabaa kan Olompiikii bara 1964, fiilmii dokimenterii Ttokiyoo Oloompiyaad jedhamu keessatti seeneffame. Kutaan dokimenterii kanaa keessa ammi tokko fudhatamee fiilmii Maraaton Maan (Marathon Man) jedhamu kan 1976 ba'etti faayidaarra oole. 

Abbaan fiilmii Bud Greenspan kan "Za Maraaton" jedhamu keessas ni jira. Fiilmiin kun mo'icha Olompiikii lamaanuu kan seenessu yoo ta'u xumurrisaas ayyaaneffata giminaaziyeemii du'asaa yeroo gabaabaan duratti maqaa isaan moggaafameerratti godhameen. 

Fiilmiin Atileeetu (Atileeticha) kan 2009tti ba'e, kan Davey Frankel fi Rasselas Laaqawn daayireekti godhame, jireenya Abbabaa Biqilaa kan gara dhumaarratti xiyyeeffata: moo'icha Olompiikii deebisee argachuuf yaalii inni godhe, balaa isarra ga'e (kan waan hedduu jijjiire), fi deebi'ee dorgomuuf kutannoo inni qabu.  Fiilmin kun 35mm kan waraabbame ture, sarara Arkitiikiirraa amma Iqu'eeteriitti. 

Bara 2010tti, Viibiram modeelii qophee salphaa "Biqilaa" jedhamu gadi lakkise. 

Roobiin Wiiliiyaams luka duwwaa kaachuu Abbabaa qoosaa isaa addaa kan "Meeshaalee Ittiin Of Balleessan" kaasee akkas jedhe: "Abbabaan Olompiikii Room luka duwwaa kaatee moo'e. Ergasii Adidaas isnpoonserii isa godhe. Olompiikii isa itti aanu yoo kaatu ba'aa baatee (qophee jechuusaati) kaate". 

Bara 2010tti, Maraatoonin Room waggaa 50ffaa moo'icha Abbabaa yaadachuuf jecha dorgommii maraatoonii qopheesse. Isa yaadachuuf, atileet Siraaji Ganna xumuraa meetira 300 luka duwwaadhaan fiigee moo'ate (kanaafis dabalata badhaasa Yuuroo 500 argate). 

  1.     DatabaseOlympics profile
  2.     "Athletics at the 1960 Roma Summer Games: Men's Marathon". Gaafa Onkoloolessa 31, 2011 Dubbifame.
  3.     Judah, Tim. "Abebe Bikila: the Glory Trail". The Guardian.
  4.     The Olympic Marathon by Martin and Gynn, ISBN 0-88011-969-1
  5.     "Tokyo Olympic Marathon 1964". The 1964 Olympic Marathon.
  6.     Abebe Bikila. sports-reference.com
  7.     Barefoot Runner by Rambali, ISBN 1-85242-904-6
  8.     Tergat to receive the Abebe Bikila Award. IAAF/NYRR (2010-10-28). Retrieved on 2010-10-31.
  9.     Inconvenient truths[dead link] by Teddy Fassberg. The Jerusalem Post, July 10, 2008
  10.     L. Fufa, July, 2008 A. Bikila's Biography