Abbabaa Biqilaa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
POTY barnstar.svg
Abbabaa Biqilaa
Abebe Bikila 1968c.jpg
Ogummaa: Atileetii
Biyya: Itoophiyaa
Guyyaa dhalootaa: Hagayya 7, 1932
Bakka dhalootaa: Jaatoo, Oromiyaa
Guyyaa du'aa: Onkoloolessa 25, 1973
Bakka du'aa: Finfinnee

Abbabaa Biqilaa (Hagayya 7, 1932 – Onkoloolessa 25, 1973) atileetii Olompiikii maraatoonidhaan si'a lama mo'ee yoo ta'u irra caala kan ittiin addunyaarratti beekkamu bara 1960tti Olompiikii Gannaa luka duwwaa kaachudhaan medaaliyaa warqii argachuu isaatini. Yaadannoo Abbabaaf jecha istaadiyemiin Finfinnee jiru maqaa isaatin moggafameera.

Seenaasaa Duubaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

1932–1959[edit | Lakkaddaa gulaali]

Abbabaa Biqilaa gaafa Hagayya 7, 1932 maatii Oromoo gosa Abbichuu ta'anirraa dhalate; iddoon dhalootasa araddaa Jaatoo jedhamtu kan Mandiidarraa km25 fagaate argamtuti. Guyyaan dhalootasaa kun guyyaa Maraatoonii Olompiikii Loos Aanjeles ture. Abbabaan ijoollumaatti tiksee ture. Abbabaan boodarra eegduu mootichaa (Imperial Bodyguard) ta'uudhaan maatii isaa gargaaruu waan barbaadeef km250 lukaan deemudhaan gara Finfinnee dhaqe. Finfinneettis jalqaba eegduu dhuunfaa ta'uudhaan maatii warra sanyii mootii (royal family) eeguu jalqabe. 

Onnii Niskanen, lammii Iswiidin kan Fiinlaanditti dhalate, mootummaa Itoophiyaatin atileetota akka leenjisuuf qacarame. Leenjisaan kun battalumatti dandeetti Abbabaa kana arge. 

Moo'icha Maraatoonii Olompiikii 1960[edit | Lakkaddaa gulaali]

Abbabaan Olompiikii 1960 yeroo xumuru

Abbabaan garee Olompiikii Itoophiyaatti kan makame dhumarratti yeroo xiyyarri gara Room deemuu ka'uuf jedhutti. Abbabaan garee kanatti kan makame  Waamii Birraatu kan taba kubbaa miilaa odoo tabatuu miidhame bakka bu'uudhaani. Meejer Onni Niskanen Abbabaa Biqilaa fi Abbabaa Waaqjiraa maraatoonii akka isaan fiigan godhe. 

Adidaas, ispoonsariin Olompiikii Gannaa 1960, qophee muraasa qofa qaba ture yeroo Abbabaan qophee itti ta'u filachuu dhaqu; sababa kanaaf qophee itti hin taanet kennameef, kanaafuu itti fayyadamuu hin dandeenye. Fiigichi odoo hin jalqabin sa'a lamaan tokko dura, Abbabaan akkuma yeroo leenjii godhu lukaan kaachuuf murteesse. Leenjisaan isaa Niskanen waa'ee morkattoota isa wajjin fiiganii itti himee akeekkachiisaa ture; kana keessaa tokko lammii Morookoo Raadi Bin Abdiselaam kan lakkoofsa 26 uffatu ture. Sababa hin beekkamneen garu, Raadiin fiigicha dura uffata maraatoonii gurraacha kan lakkoofsa qabu hin arganne ture, kanaafuu uffata yeroo tiraakirraa fi dirreerra fiigu uffatu kan lakkoofsisaa 185 ta'u uffate. 

Fiigichi gara galgalaa godhame kun jalqabnisaa fi dhumnisaa aarchii Konistaantiin kan Koloosiyeemii fuuldura jiru ture. 

Yeroo fiigichaa kana Abbabaan lakkoofsa Raadii 26 barbaaduuf jecha atileetota baayyee bira darbee fiige. Yeroo km20 ta'u, Abbabaa fi Raadiin(kan lakkoofsa 185 uffate)  atileetota fiigaa jiran isaan kaanirraa faagaatanii addatti bahan. Abbabaan nama lakkoofsa 26 uffatee barbaaduf jecha gara fuuldura ittuma fufe; Raadiin isa bukee fiigaa namicha jiru ta'uu hin barre. Jarri lamaan amma 500m ga'anitti wajjin fiigaa turan; meetira 500 booda, Abbabaan furguffamee bahee xumure. Abbabaan sa'aatii riikardii ta'e 2:15:16.2 galmeessuun moo'ate. Moo'icha kanaanis, Abbabaan nama gurraacha Aafrikaa medaaliyaa warqii Olompiikirratti argate kan jalqabaa ta'ee galmaa'e. Abbabaan Raadii sekendii 25n dursee fixe. 

Fiigicha booda, Abbabaan yeroo maaliif akka luka duwwaa kaate yoo gaafatamu "addunyaan marti biyyikoo Itoophiyaan yeroo hunda kutaannoo fi gootummaan akka moo'attu akka baran gochuufi" jedhee deebise. 

1960–1964[edit | Lakkaddaa gulaali]

Ji'a Mudde 1960, yeroo Hayila Sillaaseen Biraazil daawwachaa jiruu, humni eegdota mootichaa (Imperial Guard) jeneraal Mangistuu Niwaayin geggeeffamun fonqolcha mootummaa geggeessan. Ilma Hayila Sillaasee angafa Asfa Wasan mootii godhanii muudan. Sababa kanaan lollii Finfinnee walakkaatti geggeefame, dhuka'aan masaraa mootichaa keessatti dhuka'ee namoonni mootichatti dhiyeenya qaban baayyeen du'an. 

Abbabaan fonqolcha kana keessatti hirmaachuu baatus, yeroo gabaabadhaaf hidhamee mana hidhaa ture. Eegdonni mootichaa kan lubbuun hafan hundisaanii hin bittineeffaman. Gaazexaan tokko akka ibsetti: "Abbabaan lubbuunsaa kan hafteef sababa madaaliyaa warqii sanaafi". 

Bara 1961, Abbabaan maraatoonii biyya Giriik, Jaappaan, fi Koshissa Chekosilovaakiyaatti fiigee hundumaa moo'ate. Abbabaan Maraatoonii Boosten kan 1963 irratti fiigee 5ffaa ta'ee xumire - Abbabaan fiigicha maraatoonii fiige odoo hin moo'atin kan xumure kana qofa. Abbabaan gara biyyaatti deebi'ee dorgommii kamirrattuu odoo hin hirmaatin ture amma 1964tti ture. Bara 1964 Finfinneetti dorgomee, sa'a 2:23:14 xumure. 

Olomppikki Gannaa Tookiyoo kan 1964 jalqabuu guyyaa 40 dura, Abbaana naannoo Finfinneetti odoo shaakalliirra jiruu, dhukkubbiin itti dhaga'amuu jalqabe. Dhukkubbiin maalirraa akka dhufe hin barre ture. Odoo dhukkubbii kana moo'uf yaaluu of wallaalee gaggabee kufe. Battalumatti gara man yaalaatti yoo geeffamu dhukkuba appendesaayitis (appendicitis) ta'uun barame. Abbaabaadhaafis yaalin baqaqsanii hodhuu godhameefi. Kanan yeroo gabaabaa booda odoo dhibee isaarraa bayyanachaa jiruuyyuu hoospitaalichuma keessatti alkan alkan fiigicha salphaa jalqabe.

Moo'icha Maraatoonii Olompiikii kan 1964[edit | Lakkaddaa gulaali]

Madaaliyaa warqee Abbaba Olompiikii 1964tti

Abbabaa Biqilaa gara Tookiyoo deeme, garuu hin dorgoma jedhamee hin yaaddamne. Fiigicharrattis ni hirmaate. Abbabaan tooftaadhuma bara 1960 itti fayyadametti fayyadame: hanga kiilomeetira 20tti wal fuuldurarra jiran wajjin fiiguu, achii booda suuta suuta saffisa dabaluu ture. Kiilomeetira 15 yeroo ga'an,  kan isa wajjin ture lammii Oostiriyaa Roon Kilarak fi lammii Aayerlaandi Jiim Hoogaan qofa ture. Kiilomeetira 20 booda, Hogan qofatu isaan dorgoma ture, kiilomeetira 30 bodda, Abbabaan Hoogaanin sekendii 40 yoo dursu lammii Jaappaan kan sadaffaarra jiru Kokichi Tsuburaya daqiiqaa lamaan dursa ture. Istaadiyeemii kobaa seene yoo seenu ummanni 70,000 sagalee guddaadhaan hiyyanii isa simatan. Dorgommichaas sa'aatii riikardii Olompiikii ta'een 2:12:11:2 moo'ate, kunis daqiiqaa 4, sekendii 8n atileetii lammaffaa ba'e lammii Biriiten Basil Heatley dursa. Kokichi Tsuburaya sadaffaadhaan xumure. Abbabaan seenaa Olompiikii keessatti nama maraatoonii si'a lama moo'ate kan jalqabaati. Erga fixee booda Abbabaan daawwattoota ajaa'ibsiise: nama hin dadhabiin fakkaata, sochii qaama diddiriirsuu jalqabe. Boodarra yoo dubbatus itti fufee kiilomeetira 10 fiiguu nan danda'a ture jedheera. 

Abbabaan yeroo biyyatti deebi'u akka gootaatti simannaan godhameefi. Mootichis ol isa guddisee, konkolaataa mataasaa, Voolswaagan Biitil adii kenneefi. 

Olompiikii Meeksikoo Siitii kan 1968[edit | Lakkaddaa gulaali]

1968tti, Abbabaa fi Maammoo waldee fiigicha jalqaban (Abbabaaf lakkoofsa 1 kennameef). Yeroo kana garuu Abbabaan erga kiilomeetira 17 fiigee booda sababa miidhama jilbasaa mirgaarra ga'een addaan kutee ba'e. Akka Bud Greenspan's Favorite Stories,  dookimenterii Olompiikii, jedhutti, Abbabaan figicha jalqabuuf guyyaa muraasa dura odoo fiiguu lafee xiqqoo miilasaa cabse. Kan yeroo dheeraa wajjin fiigaa turee fi hiriyaansaa Maammoo Waldee yeroo madaaliyaa warqii nyaatu taa'ee ilaale. Maammoo Waldee booda akka jedhetti, Abbabaan odoo hin miidhamne ta'ee medaaliyaa warqii hin nyaata ture. 

1969–1973[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bara 1969, yeroo jeequmsa ummatta finfinnee keessa turetti, Abbabaan odoo Volsiwaagan Biitilisaa hoofuu barattootaa hiriira nagaa bahanirraan qaba jedhee odoo yaalu konkolaatansaa karaarraa gortee boolla keessa buute, isas achi keessatti ciniintee qabdee ba'uu dhowwite. Erga konkolaataa keessaa baafamee booda harkaa fi miilasaa sochoosuu hin daddhabe. Biyya Ingilaandi Hospitaala Istook Mandeviil keessatti baqaqsanii yaalun godhameefi. Achii booda fooyya'ee harkasaa sochoosu yoo danda'u millisaa garuu akkasummatti socho'uu didee hafe. Nisaksen Abbabaan akka inni dorgommii aarcherii kan atileetota wiilcheeriin deemanii akka dorgomu amansiise, Abbabaanis maraatoonii Olompiikii isa dhufu wiilcheeridhaanan moo'adha jedhee qoosa ture. 

Abbabaan akka keessummaa addaatti Olompiikii Gannaa 1972 kan Muuniikitti geggeffamerratti haffeerrame; achitti namni biyyasaa Maammoo Waldeen yeroo inni carraa Abbabaadhaan qixxaachuuf qabu fashaleesse arge. Maammoon lammii Ameriikaa Firaank Shorter fi lammii Beeljiyeem Karel Lismont tti aanee sadaffaa ba'e. Shorter erga madaaliyaa fudhatee booda, gara Abbabaa deemee harkasaa qabachuun kabajasaa ibse. 

Gaafa Onkoloolessa 25, 1973 Abbabaa Biqilaa Finfinneetti umurii waggaa 41tti du'e; sababiin du'asaas dhiigni sammuu keessatti dhangala'uudhan (cerebral hemorrhage) kan dhufee fi balaa konkolaataa wagga afur dura irra ga'een kan ka'e ture. Abbabaan haadha manaa fi ijoolleesaa afur dhiisee du'e. Awwaalcha isaarratti ummata 75,000 ta'utu argame. Imperer Hayila Sillaaseenis guyyaa boo'ichaa biyyoolessaa goota kanaaf labsani. Gaazexoonni Aafrikaa hundi maqaasaa jajuudhaan atileetota isaaniif kaka'umsa akka ta'u dubbatan; atileetonni kun kaansaani ergasii madaaliyaa warqii nyaatani. Abbabaan reeffisaa Finfinneetti Bataskaana Qul. Yooseefitti awwaalame. 

Erga inni due'ee wagga shan booda, Fiigdota Karaa Niwuu Yoork (New York Road Runners) kabajasaaf jecha badhaasa waggaa waggaan geggeeffamu hundeesse - Badhaasa Abbabaa Biqilaa (the Abebe Bikila Award) badhaasni jedhamu kun namoota fiigicha dheeraaf gumaacha addaa godhaniif kennama. 

Istaadiyeemiin Finfinee jiru tokko kabaja isaaf jecha maqaa isaatin moggaafame. Manni barumsaa Ameerikaan Kominiitii Iskuul(American Community School) kan Finfinnee jiru  jiminaaziyeemii tokko bara 1960n gara dhumaa keessa maqaa isaan moggaase. Hagayya 2005, gargaarsa Dhaabbata Ifa Abdii(A Glimmer of Hope Foundation) fi deeggartoota isaa Isaabeel fi Deev Welaandiin, manni barumsaa Oromoo Yaayya Abbabaa Biqilaa Mana Barumsaa Sadarakaa Tokoffaa jedhamu yaaddannoo isaaf ummata Madiidaatiin dhaabbate. Manni barumsaa kun araddaa Jaatoorraa meetira mana dhibbatti lakkaa'amu fagaata. 

Kan Inni Dubbaterraa[edit | Lakkaddaa gulaali]

"Addunyaa marti biyyi koo Itoophiyaan yeroo hunda gootummaa fi kutannodhaan akka moo'atu akka beekanan barbaada"

"Namoonni milkaa'an balaadhaanis isaan qunnama. Olompiikii moo'unkoo fedhii waaqaa ture, balaan kun na qunnamuun isaas fedhii waaqaati. Akkuman moo'icha sana gudhadhe, balaa kanas nan fudhadha. Wantoota lamaanu akka bu'aa bayii jireenyaatti (facts of life) fudhee gammachuudhaan jiraachutu narra jira. 

Aadaa Keessatti[edit | Lakkaddaa gulaali]

Riqicha maqaa Abbabatin moggaafame, Laadispoolii, Xaaliyaanii

Moo'ichi Abbabaa kan Olompiikii bara 1964, fiilmii dokimenterii Ttokiyoo Oloompiyaad jedhamu keessatti seeneffame. Kutaan dokimenterii kanaa keessa ammi tokko fudhatamee fiilmii Maraaton Maan (Marathon Man) jedhamu kan 1976 ba'etti faayidaarra oole. 

Abbaan fiilmii Bud Greenspan kan "Za Maraaton" jedhamu keessas ni jira. Fiilmiin kun mo'icha Olompiikii lamaanuu kan seenessu yoo ta'u xumurrisaas ayyaaneffata giminaaziyeemii du'asaa yeroo gabaabaan duratti maqaa isaan moggaafameerratti godhameen. 

Fiilmiin Atileeetu (Atileeticha) kan 2009tti ba'e, kan Davey Frankel fi Rasselas Laaqawn daayireekti godhame, jireenya Abbabaa Biqilaa kan gara dhumaarratti xiyyeeffata: moo'icha Olompiikii deebisee argachuuf yaalii inni godhe, balaa isarra ga'e (kan waan hedduu jijjiire), fi deebi'ee dorgomuuf kutannoo inni qabu.  Fiilmin kun 35mm kan waraabbame ture, sarara Arkitiikiirraa amma Iqu'eeteriitti. 

Bara 2010tti, Viibiram modeelii qophee salphaa "Biqilaa" jedhamu gadi lakkise. 

Roobiin Wiiliiyaams luka duwwaa kaachuu Abbabaa qoosaa isaa addaa kan "Meeshaalee Ittiin Of Balleessan" kaasee akkas jedhe: "Abbabaan Olompiikii Room luka duwwaa kaatee moo'e. Ergasii Adidaas isnpoonserii isa godhe. Olompiikii isa itti aanu yoo kaatu ba'aa baatee (qophee jechuusaati) kaate". 

Bara 2010tti, Maraatoonin Room waggaa 50ffaa moo'icha Abbabaa yaadachuuf jecha dorgommii maraatoonii qopheesse. Isa yaadachuuf, atileet Siraaji Ganna xumuraa meetira 300 luka duwwaadhaan fiigee moo'ate (kanaafis dabalata badhaasa Yuuroo 500 argate). 

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1.     DatabaseOlympics profile
  2.     "Athletics at the 1960 Roma Summer Games: Men's Marathon". Gaafa Onkoloolessa 31, 2011 Dubbifame.
  3.     Judah, Tim. "Abebe Bikila: the Glory Trail". The Guardian.
  4.     The Olympic Marathon by Martin and Gynn, ISBN 0-88011-969-1
  5.     "Tokyo Olympic Marathon 1964". The 1964 Olympic Marathon.
  6.     Abebe Bikila. sports-reference.com
  7.     Barefoot Runner by Rambali, ISBN 1-85242-904-6
  8.     Tergat to receive the Abebe Bikila Award. IAAF/NYRR (2010-10-28). Retrieved on 2010-10-31.
  9.     Inconvenient truths by Teddy Fassberg. The Jerusalem Post, July 10, 2008
  10.     L. Fufa, July, 2008 A. Bikila's Biography