Jump to content

Oromoo Maccaa

Wikipedia irraa
(Maccaa irra kan qajeele)

Oromoon Maccaa heddumminaan gidduu-galeessa, Oromiyaa naannawa Shawaa Lixaa fi Kibba Lixaa, Lixa Oromiyaa Wallaggaa, i kibba Lixaa Oromiyaa Jimma, Buunnoo fi Iluubbaaboori qubate.

Oromoon Maccaa naannoo kana kan qubate jaarraa 16ffaa walakkeessa lammaffaa keessa yeroo Oromoon gara kibba Mormoritti babaallachaa tureti. Mootummaan duraan naannoo san ture Impaayera Itoophiyaa fi Sulxaana Adaal bulchinsa Ahimad Giraanyi jalaltti waraana geeggeeffamen kan dadhabe yoo ta'u waraana fi buttaa garbaa kan abbootin waranaa warra Kiristaanaa geggeessaa turaniin ummannii duraan naannoo sana ture bayyee xiqqeesseti ture.   

Qubsumni Maccii naannoo amma jiraataniitti godhe kun garee guguddaan odoo hin taane garee xixiqqoon kan godhame ture, maqaan gosoota Maccaa ammallee akka maqaa iddoowwaniitti bakka baayyeetti tajaajilaa jira. Ummanni afaan Omootiikii fi Naayiloo-Sahaara dubbatu kan duraan naannoo sana ture jalqaba gabaro (gabbara) yoo godhaman dhawaata garuu gosa Maccaatti makamanii Oromoo ta'an.      

Oromoon Maccaa Oromoo Tuulamaa wajjin sirna Gadaa tokko kan qabu yoo ta'u caffeen isaan kibba Finfinnee harraa kana ture. Jaarraa 16ffaa gara dhumaa keessa, Oromoon Maccaa sirna Gadaa mataa isaa kan dhaabbate yoo ta'u Caffeen isaas Odaa Bilii /Tute Bisil ture; kunis yaa'aa olii Gibee keessatti argama. Makkoo Bilii gadaa Maccaa kana waame. Addaan bayiinsa kanaaf Maccaa fi Tuulamni walii walii isaanii itti gaafatamaa godhu. 

Bara 1963tti, Waldaan Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa irra caalaa Oromootan yoo dhaabbatu dabalataan gosoota ummattoota kibba Itoophiyaas keessatti hirmaatanii jiru. Waldaan kun jalqaba waa'ee dhimmoota naannoo irratti kan socho'uu fi guddina kan jajjabeessu kan ture yoo ta'u, yeroo gabaabaa keessatti bilisummaa siyaasa fi aadaa Oromoo hundaaf falmuu jalqabe. Haaluma kanaan, bara 1967tti waldaan kun akka hin sochoone dhorkame; bara 1994tti waldaan kun lammata yoo dhaabbatu yeroo lammataaf bara 2004tti dhorkame.     

Gosoota Maccaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Macci yeroo tuulama bira turetti yeroo wiirtuun isaanii Odaa nabee turetti ijoollee shan qaba, isaanis shanan Maccaa jedhamu. Shanan Maccaa kunis: Liiban, Jaawwii, Guduru, Daallee (Daadhii) fi Jiddaa Turan.

Erga achii gara dhiha oromiyatti imalee booda ilmaan 7(torba) horeera isaanis Jibaat,walal,Dhayee,Danfaa,oboo,laaloo, Gundee jedhamu. Walii galaan macci ilmaan 12 horeera .Ijoolleen Maccaa shanan eenyuun horan jennee yoo gaafannu:

  •  Sadan Liiban – Ammayya, Waliso fi Kuttaaye.
  •  Ja'an Jaawwii – Amuru[1], Horro, Jimma, Ebantuu, Libaan fi Jidda.
  • Torban Guduruu – Maloolee,Looyyaa, Aammillee, Illaamuu, Lukkuu, Sirbaa fi Hndaraasa.
  • Torban Daallee (Daadhii) – Obo, Sayyhttps://ichef.bbci.co.uk/news/1024/branded_afaanoromoo/12746/production/_110409557_capture.jpgbuna.jpgo, Sibuu, Tummee, Limmu, Noonnoo fi Daanno.
  • Arfan Jiddaa – Akaako, Jimma,Hanuu,Laaloo,Biloo,Qoree, Sadacha fi Badii.
  • Digo
  • http://de.wikipedia.org/wiki/Macha-Oromo
  • Jan Hultin: Mäč̣č̣a und Mäč̣č̣a and Tulama, in: Siegbert Uhlig (Hrsg.): Encyclopaedia Aethiopica, Band 3, 2008, ISBN 978-3447056076
  • Alessandro Triulzi: United and Divided. Boorana and Gabaro among the Macha Oromo in Western Ethiopia, in: Paul TW Baxter, Jan Hultin, Alessandro Triulzi: Being and Becoming Oromo. Historical and Anthropological Enquiries. Nordiska Afrikainstitutet, Uppsala, 1996, ISBN 9789171063793 (p. 251-264)

su

  1. Seenaa Itoophiyaa Sirrii