Afran Qalloo
Afran Qalloo hawwisoo magaalaa Dirre Dhawaa keessati sirna gabrummmaa Hayila Sillaassee mormuufii aadaa Oromoo guddisuuf dhaabbate. Namoota hawwisoo kana keessa turan keessaa tokko weellisaa Alii Birraati. Galata Uummataa Oromoo biraa qaba.
Haala Hundeeffamuu
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Hacuuccaa hamaa keessa kan ture ummanni Oromoo, naannoo Dirre Dhawaattis akkasuma ture. Sabaa fi sablammoonni akka Amaaraa, Sumaalee fi Hararii wayita baandii mataasaanii qabaatan Oromoon garuu baandii wayiituu hinqabu ture. Kanarraa kan ka'e, wayita cidhaa fi sagantaa adda addaa, uummanni Oromoo Dirre Dhawaa fi naannoo sanaa baandii kan Sumaalee ykn kan Hararii waamuf dirqamu ture, baandin warra Amaaraa Oromoof tuffii guddaa waan qabuuf waamun hin yaadamu ture. Kanarraan ka'uun, namonni quuqama qaban muraasni ijaaramanii baandii Afran Qalloo bara 1962 hundeessan. Afran Qalloo maqaan jedhu kan dhufe ilmaan Qalloo arfan jechuunis Alaa, Baabbilee, Dagaa fi Oborraa irraa yoo ta'u kunis maqaa gosoota Oromoo naannoo Dirre Dhawaa jiraataniiti.[1]
Sirboota Afaan Oromoo jalqabaaf dhandhamee kan arge ummanni Oromoo naannoo Dirre Dhawaa, sirbi Afaan Oromoo akkuma warra kaanii bareedaa ta'uu wayita hubatu, aarii guddaa ummata keessati uume sabaabinsaas sirni fiwudaalaa carraa akkamii akka isaan dhowwate waan hubataniif.[1]
Baandiin Afran Qalloo wallee qofa odoo hin taane tiyaatirallee ni hojjata ture. Tiyaatirri kun baayyensaa hacuuccaa sirni fiwudaalaa ummata Oromoorran ga'u kan balaaleffatu ture. Sirni fiwudaalas baandii nan cufa jechuun isaan doorsisuu eegale. Cufamuusaa kan sodaatan maanguddoonni baandin Afran Qalloo sirba Hayila Sillaasee faarsu akka weellisan kadhatan. Haala kanaan baandin sirba mootii fiwudaalaa faarsullee baasee ture.[1]
Hawwisoon Afran Qalloo yeroo muraasa booda mootummaa Fiwudaalaa Hayila Sillaasetiin dhorkame. Jaarsoliin biyyaa kan hawissoo kana deeggaranii fi miseensonni hawwisoo kanaa ni hidhaman, kaansaanii ni ajjeefaman. Kana keessaa gara jabummaan kan ajjeefame Abubakar Muusaa tokko. Sochiin hawwisichaa karaa seeraa dhorkamus, sochiin karaa lafa jalaa itti fufe. Haaluma kanaan walqunnamtii Waldaa Wal-gargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa wajjin uumun, akkasumas qabsoo ummani Baalee geggeessaa ture wajjinis hariiroo uumuu itti fufan. [2]
Namoonni kaan ammoo, kan akka Ayub Abubakar fi Yonis Abdullaahii, gara Somaaliyaa deemudhaan sagantaa raadiyoo Afaan Oromootin eegalan. Warri kaan kan akka Dr Alii Birraa, Alii Shabboo, Usma'eelle Mummad, Mahammad Yusuuf, Saalaa Mahaammud, Shantam Shibbisaa fi kkf sagalee miidhagaa fi walaloo nama booji'uun wallee ittuma fufuun uummata Oromoo gabrummaa jala ture tokkummaan akka ka'u kakaasu itti fufan. [2]
Ayyaneffata Bara 50
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Bara 2012tti, hawwisoon kun ayyaana waggaa 50ffaa hundeeffama hawwisoo kana magaalaa Dirre Dhawaatti kabajatee jira. Akkasumas Oromoonni biyya ambaa jiran Ameerikaa fi Kanaadaa keessatti kabajaniiru.
Wabii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- ↑ 1.0 1.1 1.2 AFRAN QALLO BAND MARKS 50 YEARS OF MAKING MUSIC AND HISTORY, dhihootti kan baname: Gurraandhala 23, 2016
- ↑ 2.0 2.1 Celebrating Afran Qalloo’s Golden Jubilee (1962-2012), dhihootti kan baname: Gurraandhala 23, 2016
Aadaa Oromoo |
Aartii - Afaan |