Ateetee

Wikipedia irraa

Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaata qajeelchitu yoo taatu, kan ayyaneffatus irra caala dubartoota. Ayyaanni Ateetee waggaati al tokko kabajama. Guyyaa ayyaana Ateetee, dubartiin uffata addaa kan mataa isaa danda’ee, Caaccuufi Calleen kan jifaarame uffattee, dhangaa adda ta’e nyaachisuudhan kabajji. Ateeteen yeroo Oromoon dur akka Kuushiiti jiraataa ture (waggoota ca. 5500 dura) jalqabame jedhameeti tilmaamama.

Akaakuu Ateetee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Guyyaan ayyaanaa kun seera Ateetee qabatee bakka sadiitti qooddama:

  • Ateetee Furmaa (Ateetee Amajjii)
  • Ateetee Hagayyaa (Ateetee Sanyii ykn Midhaanii)
  • Ateetee Loonii (Ateetee Sadaasaa)

Ateetee Furmaa (Ateetee Amajjii)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ayyaanni kun ji’a Amajjii keessa kan kabajamu, kan dubartiin ijoollee ofii Ateetee naqxee itti eebbiftuudha. Haati ijoollee isiif dhangaa qopheessitee, kan deesse hundaa walitti qabdee Ateetee itti naqxee eebbifti. Guyyaa sana hortee haadha manaa sanaa kan ta’an hundinuu tokkollee osoo hinhafiin, mana isiitti wal-ga’anii eebba Ateetee fudhatu. Guyyaan kun guyyaa firri itti wal arguudha.

Ateetee Hagayyaa (Ayyaana Sanyii ykn Midhaanii)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ayyaani Ateetee kunimmoo Gindii hiikoo ykn Ateetee Midhaanii jedhama. Ayyaani kun ji’a Hagayyaa keessa yeroo qotee-bulaan qonna raawwatee gindii hiikee, midhaan facaase hundatti Ateetee naqee, qotiyyootti dhaddoo mataatti maree eebbisee gad-dhiisudha. Kun mallattoo xumura qonnaati. Sana booda bakka qonnaa hundaarra deemudhaan seerri dhibaayyuu xumuurama. Dhumaa irratti bakkuma dhibaayyuu sanatti gamtaan taa’nii, wanna qabatan, farsoo dhuganii marqaa nyaatanii galu. Walumaagalatti ayyaanni kun Ayyaana Sanyii jedhama.

Ateetee Loonii (Ateetee Sadaasaa)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ayyaanni Ateetee kun bakka tokko tokkotti Jaarii Kormaa ykn Gannii Loonii jedhama. Ateeteen Loonii ji’a Sadaasaa keessa kabajama. Sirni kun kan ayyaaneffamu dallaan loonii bakka duraa irraa jijjiiramee erga ijaaramee booda, mukni birbirsaa (kan kormoomsaa jedhamu) wiirtuu dallawaatti dhaabudhaani. Bakki muyni itti dhaabate kun sirritti erga jifaaramee booda sirni Ateetee naquu kormoomsaa jalatti kabajama. Dallawaan loonii guyyaa sana galma misirroo fakkaata. Dubartiin kormoomsaa jalatti marqaa marqiti. Sirni dhibaayyuu erga xumuree booda abbaan warraa waan qalmaaf qopheesse qala. Dhiiga sana bitaa fi mirga karraa tuqsiisa. Gogaan horii qalamee sun babbaqaqfamee miilafi mataa looniitti nihidhama ykn nimarama. Kana booda dhangaan qophaa’eefi foon nyaatamee, farsoon dhugamee sirnichi xumuura.      

Wabi[gulaali | lakkaddaa gulaali]