Dhiiga

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Suura eleektiroon maayikiroskooppii iskaanii (SEM) kan seelii dhiiga diimaa, pilaatileetii, fi seelii dhiiga adii agarsiisuu.
Dhiiga namaa sentirifigeeshiniidhan fayyadamuun addaan baasuu. Leyerii pilaasmaa (gubbaarra), buffy coat (gidduu keessa, bifa adii kan qabu), fi leyerii erytrocite (garjallaa).
Tatamsa'ina dhiigaa:
Diimaa = kan oksijiinii qabu
Cuquliisa = kan oksijiinii hin qabne
Dhiiga namaa si'a 600 guddifamee
Dhiiga raachaa si'a 600 guddifame
Dhiiga qurxummii si'a 600 guddifamee

Dhiigni dhangala'aa qaama bineensotaa keessatti argamu kan wantoota barbaachisaa ta'an kan akka niwuutireentii fi ookisijiinii seelotaaf geessu fi akkasumas xurii yeroo meetaboolizimii ummamu seeliiraa guuree hoofu.

Bineensota lafee dugdaa qaban keessatti, dhiigni kan inni qabatu seelii dhiiga kan pilaasmaa dhiigaa kessatti qabamee jiru. Pilaasmaan, kan dhangala'aa dhiigaa keessaa 57% qabatu, irra caalaan isaa bishaan yoo ta'u(92%), dabalataan pirootiinii, giluukoosii, hormonii, ayonii albuudotaa (mineral ion), kaarbon daayi'oksaayidii fi seeloota dhiigaa mataasaanii qabata. Pirootiiniin pilaasmaa inni guddaan albumiin yoo ta'u faayidaan isaas dhiibbaa dhiigaa too'achuudha. Seelonni dhiigaa kan akka seelii dhiiga diimaa, fi seelii dhiiga adii of keessaa qaba; pilaatileetii fi luukossayitiis dabalate. Seeliin heddumminaan baayyatee dhiiga bineensota lafee dugdaa qaban keessatti argamu seelii dhiiga diimaati. Seelin dhiiga diimaa hemoogiloobiinii of kessaa qaba. Hemoogiloobiiniin pirootiinii ayirenii of keessaa qabu yoo ta'u ooksijiinii qaama keessaa deddeebisuuf tajaajila. Hemoogiloobiiniin ooksijiinii seelii isaatti qabsiisunii fi akka inni dhiiga keessatti makamu gochuun ooksijiinii qaama keessa facaasa. Karaa biraa, kaarbon daayi'oksaayidiin guutumaan guutummaatti seelin alatti pilaasmaa keessatti bulbulamee akka baayikaarboneet ayon (bicarbonate ion) socho'a.

Dhiigni bineensota lafee dugdaa qabanii bifti isaa yoo ookisijiinii qabaate diimaa ifaadha. Bineensonni tokko tokko, kan akka moloskootaa fi Kirastaashiyaan, ooksijiinii baachuuf heemoogiloobiinii odoo hin taane heemoosaayaninitti fayyadamu. Ilbiisonni fi moloskoonni tokko tokko dhiiga odoo hin taane dhangala'aa heemooliimfii jedhamu fayyadamu. Garaa garummaan isaanis heemooliimfiin sirna dhangala'aa cufamaa kessatti kan qabatame miti. Ilbiisota baayyee keessatti wanti akka dhiigaa kun molokiyuulii ooksijiinii baatu kan akka heemoogiloobiinii hin qabu sababiinsaas qaamni isaanii xiqqoo waan ta'eef qoonqoon/tiraakiyaan (trachea system) isaanii ooksijiinii dhiyeessuuf ga'aadha.

Bineensota lafee dugdaa qaban keessatti, sirna ittisaa kan seelii dhiiga adiirraatti hundaa'e qabu. Seelin dhiiga adii, qaamni dhukkubbaan akka hin qabamnee fi maxxantoota akka ofirraa ittisuuf garaara. Pilaatileetin dhiigni akka itituuf gargaara. Kunimmoo yeroo qaamni madaa'e, dhiigni baayyen akka hin dhangalaane dhorka. Aritiropoodonni, hemoolimfii kan qaban, qaama ittisaa isaanii keessaa hemoosaayitisii qabu.

Dhihigni onneedhaan dhiibbamuudhaan hidda dhiigaa hordofee qaama keessa tatamsa'a. Bineensota somba qaban keessatti, aarteroonni dhiiga ooksijiinii qabu tishuuwwaaniif yoo geessan, veenonnii ammoo kaarbon daayi'oksaayidii, kan yeroo meetaabolizimii ummamu, tishuuwwaniirraa guurani gara sombaa geessu.

Faayidaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Pirootiinii Heemoogiloobiinii
magariisa = garee hayemii
diimaa fi cuquliisa = pirootiinii
Heme

Dhiigni qaama keessatti faayidaa bayyee kenna. Isaan keessaa:

  • Ooksijiinii tishuuwwaniif dhiyeessuu (heemoogiloobiinii, kan qaama dhiiga diimaa ta'etti qabatee)
  • Niwuutireentii kan akka giluukoosii, aminoo asidii, fi faattii asidii dhiyeessuu(dhiiga keessatti bulbulamee ykn pirootiinii pilaasmatti qabatee, fkn liippiidii dhiigaa)
  • Xuriiwwan akka kaarbon daayi'oksaayidii, fincaanii fi laaktiik asidii balleessuu
  • Tajaajila immiyuunii - seelii dhiiga adii tamsaasuu fi antiibodiidhaan farra qaamaa kan alaa seene adda baasuu
  • Ko'aaguleeshinii - kan yeroo hiddi dhiigaa cite ummamuu fi dhiigni akka hin dhangalaane dhowwu
  • Hojii ergaa dabarsuu - hormonii dabarsuu fi ergaa miidhama tishuu dabarsu
  • PH qaamaa too'achuu
  • O'a qaamaa bu'uuraa too'achuu
  • Tajaajila hayidirooliksii

Qabiyyee Dhiiga Namaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Qabiyyee dhiigaa
Qabiyyee Gatii
Hematocrit

45 ± 7 (38–52%) dhiiraaf
42 ± 5 (37–47%) dhalaaf

pH 7.35–7.45
base excess −3 to +3
PO2 10–13 kPa (80–100 mm Hg)
PCO2 4.8–5.8 kPa (35–45 mm Hg)
HCO3 21–27 mM
Ooksijiinii

Ooksijinaa'e: 98–99%
Gadooksijinaa'e: 75%

Ulfina qaamaa namaa keessaa dhiigni dhibbeentaa 7% ta'a, densiitiin (density) isaa kan giddu galeessaa ammoo tilmaamaan 1060kg/m3, kunis densiitii bishaan qulqulluuitti (1000kg/m3) baayyee dhihaata. Namni guddaan, dhiiga naannoo liitira 5 ta'u qaba (1.3 gal), kunis pilaasmaa fi seelotaa dhiigaa adda addaa of keessatti qabata. Seelonni dhiigaa kun erritirosaayitis (erythrocytes) (seelii dhiiga diimaa, SDD), luukosaayitis (leukocytes) (seelii dhiiga adii, SDA), fi tirmboosaayitis (thrombocytes) (pilaatileetota) of keessaa qaba. Baayyinaa dhiigaa keessa, seeliin dhiiga diimaa dhibbeentaa 45%, pilaatileetiin dhibbeentaa 54.3%, seeliin dhiiga adiimmoo dhibbeentaa 0.7% qabata.

Seelota[edit | Lakkaddaa gulaali]

Dhiigni maayikirooliitiriin tokko wantoota armaan gadii qabata:

  • Erritirosaayitis 4.7 hanga 6.1 million (dhiira), 4.2 hanga 5.4 million (dhalaa):[5]  Seelonni dhiiga diimaa heemoogiloobiinii qabu, kunis ooksijiinii qaama keessa tatamsaasa. Seelonni dhiiga diimaa, kan gosa dhiiga sanaa agarsiisu waan gilaayikoopirootiinsi waan jedhamu ofirraa qabu. Baayinnii seelii dhiiga diima baayyina dhiigaa keessaa dhibbeentaa 45% ta'a.
  • Luukosaayitis 4,000–11,000:[7] seelonni dhiiga adii sirna ittisa qaamaa ti; isaan seelota dulloomanii fi seelota rakkoo qaban ni balleessu. Akkasumas, wantoota alaa qaama keessa seenan kan dhibee fiduu danda'an hunda irratti duulu. Kaanseriin luukoosaayitiis lukiimiyaa jedhama.
  • Tirmboosaayitis 200,000–500,000:[7] pilaatileetis jedhamaniii ni waammamu. Hojiin isaanii inni guddaan yeroo qaamni madaa'e dhiigni baayyeen akka hin dhangalaneef jecha dhiigni akka ititu godhu. Faayibriniin itita dhiigaa pilatileetiitti fayyadamee xaxoo uuma.

Pilaasmaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Baayina dhiigaa keessa dhibbeentaan 55% pilaasmaa dha. Pilaasmaan dhangala'aa dhigaati, bifti isaas keello dha. Baayyinni pilaasmaa namarratti giddu galeessaan liitira 2.7-3.0 ta'a. Pilaasmaan dhangala'aa kan 92% bishaan, 8% pirootiinii pilaasmaa dhiiga, fi wantoota biraa xiqqoos of keessaa qabudha. Pilaasmaan niwuutireentii bulbulame kan akka Gulukoosii, aminoo asidii, fi faattii asidii (kan dhiiga keessatti bulbulamee ykn pirootiinii pilaasmatti qabatee) qaama keessa facaasa, akkasumas xuriiwwan akka kaarbon daayi'oksaayidii, yuuriyaa, fi laaktiik asidii fuudhee akka gatamuuf hoofa.

Qabiyyeewwan baayyee barbaachisaa ta'an kan biraa keessaa muraasni:

  • Serum albumin
  • Blood-clotting factors (to facilitate coagulation)
  • Immunoglobulins (antibodies)
  • lipoprotein particles
  • Various other proteins
  • Various electrolytes (mainly sodium and chloride)

Jechi siiram jedhu pilaasmaa pirootiinin ittichu (kan dhiigni akka ititu godhu) keessaa baafame ibsa. Pirootiinin siiramii keessatti hafe albiyumiin fi immiyuunoogiloobuliinsi dha.

Reenjii Dhiphaa Gatii pH[edit | Lakkaddaa gulaali]

PH dhiiga qaphxii 7.35 hanga 7.45 gidduu akka turu ni too'atama, gatiin kunis dhiigni xiqqoo beezawaa ta'uu isaa agarsiisa. Dhiigni gatii PH 7.35 gadi qabu asidaawaa dha, kan 7.45 ol qabu ammoo beezaawaa dha. PHn dhiigaa, dhiibbaa gartokkee ooksijiinii (pO2), dhiibba gartokkee kaarbon daayi'oksaayidii (pCO2) fi  HCO3 tooftaa gara garaat homeostaticn too'atamu, kunis dhiibbaa isaanii karaa sirna argansuu fi sirna fincaanitin erguun walqixxummaa asidii-beezii dhiigaa fi argansuu too'atu. Qorannoon gaazin dhiiga aarterii keessaa kana safaruu danda'a. Dabalataanis, pilaasmaan hormonoota erga isaani tishuu adda addaatti dabarsuuf deeman of keessaa qaba.

Dhiiga Warra Lafee Dugdaa Qabanii Hoosiftoota Hin Taane[edit | Lakkaddaa gulaali]

Dhiigni namaa dhiiga hoosiftootaatiif akka fakkeenyaatti kaafamuu danda'a; gauu garaagarummaan baayyina seelii, guddina isaanii, caasaa pirootiinii, fi kkf sanyii tokkorraa sanyii biraatti gargar ta'uu danda'a. Bineeldota lafee dugdaa qaban kan hoosiftoota hin taane keessatti garuu, garaagarummaa ijoo ta'etu jira:

  • Seelonni dhiiga diimaa kan bineeldota lafee dugdaa qabaatanii hoosiftoota hin taanee bifaan battee yoo ta'u niwuukilaayii seelii isaani qabatanii turu
  • Baayyinaa fi gosa seelota dhiiga adii irratti garaagarummaa guddaatu jira; fakkeenyaaf, acidophils amma namarratti argaman caalaa baayyatanii argamu
  • Pilaatileetin hoosiftoota qofarra jira; warra lafee dugdaa qaban kan biraarratti, seelota xixiqqoo maramaa ta'an kan thrombocytes jedhamanitu akka dhiigni ititu godha

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]