Jump to content

Pilaasmaa

Wikipedia irraa

Pilaazmaa (Afaan Ingiliffaan: Plasma) jechuun faalkaa wantoo (state of matter) isa afraffaadha. Faalkaawwan sadan beekamoon kaan Jajjaboo, Dhangala'oo, fi Gaazii dha. Pilaazmaan yeroo baayyee "gaazii ayoonoome" (ionized gas) jedhamee ibsama. Kunis jechuun, gaazii anniisaa guddaa argatee, atamoonni isaa elektiroonota (electrons) tokko ykn isaa ol ofirraa baasanii, marrabaa (soup) ayoonota (ions) poozatiivii fi elektiroonota bilisaan socho'an uumaniidha.

Pilaazmaan faalkaa wantoo marlaale (universe) keessatti baay'inaan argamuudha. Tilmaamaan %99 ol wantoota marlaale keessatti argamanii (kan ijaan mul'atan) pilaazmaa dha. Sababni isaas urjileen hundi, kan akka Aduu keenyaa, guutummaatti pilaazmaa irraa ijaaramaniiru. Faalkaan kun jajjaboo, dhangala'oo, fi gaazii irraa amala adda addaa kan qabu yoo ta'u, keessattuu dandeettii elektirikii dabarsuu fi dirree maagneetiitiif deebii kennuun beekama.

Seenaa Argannoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hubannoon pilaazmaa sadarkaa adda addaatiin guddachaa dhufe.

Bara **1879**, saayintistiin Ingiliffaa Sir Wiiliyaam Kiruuks (Sir William Crookes), yeroo tuubii kaatoodii (cathode ray tube) qorachaa ture, faalkaa wantoo haaraa "wanta ifaan guutame" (radiant matter) jedhee waame argate. Inni kun fakkeenya pilaazmaa namaan hojjetamee isa jalqabaati.

Bara **1897**, saayintistiin Biriitish J.J. Toomsan (J.J. Thomson) suuddoo elektiroonii argachuun, "wanti ifaan guutame" sun suudoowwan chaarjii negaatiivii qaban irraa akka uumame mirkaneesse.

Jechi "Pilaazmaa" jedhu, kan dhiiga qaamaa keessaa fudhatame (sababa walmakaa suuddoowwan adda addaa qabuuf), bara **1928** keemistii Ameerikaa Irviing Laangmuuyir (Irving Langmuir) jedhamuun gaazii ayoonoomedhaaf moggaafame. Laangmuuyir fi gareen isaa amala addaa pilaazmaan agarsiisu, kan akka agartuu yeroo gabaabaa (oscillations) elektiroonii, qoratan.

Hojiin guddaan damee kana irratti hojjetame jaarraa 20ffaa keessa kan Haanes Alfveen (Hannes Alfvén), saayintistii Siwiidin kan badhaasa Noobelii argate, ture. Alfveen yaad-rimee "maagneetoohaayidiroodaayinaamiksii" (Magnetohydrodynamics - MHD) guddise, kunis akkaataa pilaazmaan dirree maagneetii wajjin itti wal-nyaatu qorata. Hojiin isaa kun fiiziksii urjilee fi qorannoo walmaka nukilarii keessatti bu'uura guddaa ta'e.

Uumama Pilaazmaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Pilaazmaan kan uumamu yeroo anniisaan guddaan gara gaaziitti dabalmuudha. Anniisaan kun hoo'iyyaa guddaa, madaana (radiation) cimaa, ykn dirree elektirikii humna guddaa qabu ta'uu danda'a.

Adeemsi ayoonomuu (ionization) kun karaa sadiin raawwatamuu danda'a:

  1. Ayoonomuu Hoo'aa (Thermal Ionization): Karaa beekamaadha. Yoo gaaziin hoo'iyyaa baayyee ol'aanaa (digirii seelsiyasii kumaatamaan lakkaa'amu) argate, suuddoowwan saffisaan walitti bu'u. Walitti bu'iinsi humna guddaa qabu kun elektiroonota atamii keessaa rukutee baasa. Kun waan urjilee fi aduu keessatti ta'uudha.
  2. Ayoonomuu Suudifaa (Photoionization): Yeroo anniisaan ifaa (akka altiraavaayoleetii ykn raajii-X) kan suudifa (photon) humna guddaa qabu atamii gaazii rukutu, elektiroonii baasuu danda'a. Kun atmosferii lafaa isa gubbaa keessatti ni raawwatama.
  3. Ayoonomuu Dirree Elektirikii (Field Ionization): Dirreen elektirikii baayyee cimaan yoo jiraate, humnaan elektiroonota atamii irraa butuu danda'a. Kun bakakkaa fi laampiiwwan pilaazmaa keessatti mul'ata.

Yeroo adeemsi kun raawwatu, wanti duraan gaazii himbaabsawaa (neutral) ture, gara walmakaa suuddoowwan chaarjii qabanii (ayoonota poozatiivii fi elektiroonota negaatiivii)tti jijjiirama. Walmakaan kun pilaazmaa jedhama.

Amaloota Addaa Pilaazmaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Pilaazmaan amaloota gaazii irraa adda isa taasisan hedduu qaba:

  • Dandeettii Elektirikii Dabarsuu (Electrical Conductivity): Gaaziin himbaabsawaan elektiriikii hin dabarsu; inni akka ittisaa (insulator) tajaajila. Pilaazmaan garuu, sababa suuddoowwan chaarjii qaban bilisaan socho'an of keessaa qabuuf, elektiriikii akka sibiilaatti sirriitti daddabarsa (conductor).
  • Deebii Dirree Maagneetii fi Elektirikiif (Response to Fields): Sababa chaarjii qabuuf, pilaazmaan dirree maagneetii fi elektirikiitiin to'atamuu, qajeelfamuu, fi saffisiifamuu danda'a. Amalli kun teeknooloojii akka ri'aaktara walmaka nukilarii keessatti baayyee barbaachisaadha. Kunis pilaazmaan akka gaazii bittinnaa'uu odoo hin taane, caasaa akka liilana(filaments), baaxii (sheets), fi boca biroo akka uumu taasisa.
  • Ifa Kennuu (Emitting Light): Pilaazmaan yeroo baayyee ifa. Kun kan ta'u, yeroo elektirooniin anniisaa guddaa qabu deebi'ee gara sadarkaa anniisaa gadaanaatti atamii ykn ayoonii keessatti kufu, anniisaa gadi lakkisa. Anniisaan kun yeroo baayyee bifa ifaa kan suudifa jedhamuun mul'ata. Halluun ifa sanaa gosa gaazii jalqabaa irratti hundaa'a. Fakkeenyaaf, ifti neeyoonii diimaa yoo ta'u, kan aarganii bifa diimadee/cuquliisa ta'a.

Gosa Pilaazmaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Pilaazmaan hoo'iyyaa irratti hundaa'uun garee gurguddoo lamatti qoodama: 1. Pilaazmaa Hoo'aa (Hot/Thermal Plasma): Pilaazmaa kana keessatti, elektiroononnii fi ayoononni hoo'iyyaa walfakkaataa fi baayyee ol'aanaa ta'e qabu (digirii miliyoonatti dhihaachuu danda'a). Suuddoowwan hundi wal-madaala hoo'aa (thermal equilibrium) keessa jiru. Fakkeenyi isaa pilaazmaa Aduu keessaa fi keessa urjilee keessatti argamuudha. 2. Pilaazmaa Qorraa (Cold/Non-thermal Plasma): Pilaazmaa kana keessatti, elektiroononni hoo'iyyaa baayyee guddaa (anniisaa sochii olaanaa) qabu. Haa ta'u malee, ayoononnii fi atamoonni himbaabsawaa ta'an hoo'iyyaa daree (room temperature) irratti argamu. Kunis ifa pilaazmaa osoo naannoo isaa hin ho'isin uumuuf dandeessisa. Fakkeenyonni isaa: ibsaa filooresentii, televizhinii pilaazmaa, fi kkf.

Bakka Itti Argamu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

marlaale Keessatti

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Ifni boonsoo (Aurora) pilaazmaa qilleensa irratti uumamu yeroo bubbeen aduu dirree maagneetii lafaa wajjin walitti bu'u.
  • Urjilee fi Aduu: Wantoota uumamaa keessaa madda pilaazmaa isa guddaadha. Keessi urjilee guutuun pilaazmaa hoo'iyyaa fi dhiibbaa guddaa qabuudha.
  • Bakakkaa (Lightning): Qilleensi atmosferii keessaa sababa dirree elektirikii cimaatiin yeroo gabaabaaf gara pilaazmaatti jijjiiramee ifa guddaa uuma. Hoo'iyyaan bakakkaa hanga 30,000°C gahuu danda'a.
  • Ifa boonsoo (Aurora Borealis/Australis): Bubbeen aduu (suuddoowwan pilaazmaa aduu irraa dhufan) yeroo dirree maagneetii lafaa wajjin walitti dhufan, atamoota atmosferii keenyaa ayoonaayizii gochuun ifa babbareedaa uumu.
  • Duwwaana Urjiinjidduu (Interstellar Space): Hawaa urjilee gidduu jiru keessatti wanti baay'inaan argamu pilaazmaa haphii dha.

Teeknooloojii Keessatti

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Televizhinii Pilaazmaa: Iskiriniiwwan pilaazmaa seelota xixiqqoo gaazii of keessaa qabu. Seelonni kun yeroo elektirikiin itti darbu gara pilaazmaatti jijjiiramuun ifa altiraavaayoleetii (UV) maddisiisu. Ifni UV kun immoo foosfarii (phosphor) halluu adda addaa qabu rukutuun fakkii uuma.
  • Ifa (Lighting): Ibsaan filooresentii fi mallattooleen neeyoonii gaazii gara pilaazmaatti jijjiiruun ifa kennu.
  • Industirii Sibiilaa: laabuu pilaazmaa (plasma welding) fi kukkutuun pilaazmaa (plasma cutting) sibiilota furdaa saffisaan baqsuuf fi kukkutuuf tajaajila.
  • Oomisha Maayikiroochippii(billee elektroniksii): Teeknooloojii badhi-dabardsaa (semicondctor) keessatti, "plasma etching" jedhamuun fuula siiliikoonii irraa haxoo'uuf fayyada.
  • Yaala Fayyaa: Meeshaaleen yaalaa pilaazmaa qorraan qulqulleeffamu (sterilization), sababni isaas baakteeriyaa ajjeesuu danda'a osoo meeshicha hin miidhin.
  • Qorannoo Anniisaa Walmaka Nukilarii (Nuclear Fusion Research): Saayintistoonni adeemsa walmaka nukilarii kan aduu keessatti raawwatamu lafa irratti deebisanii uumuuf yaalaa jiru. Kunis pilaazmaa hoo'iyyaa digirii miliyoona dhibbaan lakkaa'amu too'achuuf yaalii gochaa jiru.

Garaagarummaa Gaazii fi Pilaazmaa Gidduu Jiru

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Garaagarummaa Bu'uuraa Gaazii fi Pilaazmaa
Amala Gaazii Pilaazmaa
Chaarjii Elektirikii Himbaabsawaa (chaarjii hin qabu) Ayoonoome (suuddoowwan chaarjii poozatiivii fi negaatiivii qaba)
Dandeettii Elektirikii Dabarsuu Gadaanaa (akka ittisaa tajaajila) Olaanaa (akka daddabarsaa tajaajila)
Deebii Dirree Maagneetiif Xiqqaa ykn homaatuu miti Guddaa (salphaatti to'atama)
marlaale keessatti Argamuu Lafarratti baayyinaan argama marlaale guutuu keessatti baayyinaan argama (>99%)