Pirootiinii
Pirootiinii kompaawondii orgaanikii guddaa yoo ta'an of keessatti immo aminoo asidii qabu, aminoo asidoonni immo akka cancalaa kan walitti qabatanii yoo ta'an, kan isaan walitti qabuus peptide bondii jiddu carboxyl fi amino group (kan dhihoo xaxama aminoo asidii keessa tokkotti argamaniin) walitti qabama. Teessoo fi tartibii aminoo asidii kan pirootiinii keessatti argamanii kan murtaa'u jiinidhan yoo ta'u, kunii immo genetic code kessatti barreeffama. Genetic coden kuni aminoo asidii gosa 20 kan murteessu ta'ulle, kutaan xaxama pirootiinii tokko kan keemikaalan gargar baafamuu danda'u gochaa post-translational modification jedhamunii, kunis osoo pirootiinii kun seelii keessatti hin tajajilamin yookan akka kutaa control mechanisms osoo jiruu godhamu danda'a. Waan tokko adeemsisuf, pirootiinonni adda adda tokko ta'anii hojjachu ni danda'u, akkasumas pirootiinonni walitti dhufanii pirootiin Kompileeksi (protein complex) uumuu ni danda'u.
Akkumma macromoleculotta biologicalii birra kan akka polysaccharide fi niwuukiliik asid, pirootiinonni kutaa barbaachisaa lubbu qabaattota fi akkasumas waan seelii ademsifammu hundaa kessa ni hirmatu. pirootiinonni baayyen inzaayimii yoo ta'an isaanis reactionotta nafaa kenna kessatti ademsifaman akka dafee xumuramu yokan catalyst ta'un qarqaru. pirootiiniiotni kutta nafa fi dalaga humna kessattis fayyida qabu, fakkena actin fi myosin xuncha (muscle) kessatti, akkasumas pirootiiniiotni cytoskeleton kessatti argaman, dalagee ummudhaan fakkii (shape) cellii eguu. pirootiinonni biraa immo cell signaling, immune response, cell adhesion, fi cell cycle kessatti fayyida qabu. pirootiiniiotni nyatta kenya kessatti barbachisaa dha, kunis waan binensotni amino acid hunda ofiin midhasuu hin dandennef amino acid barbachisaa ta'an nyatta irra argachu danda'u qabu. Dakkamu nyatta kessatti, binensotti pirootiinii nyattaman suni akka gara amino acid salpha ta'anitti akka jijjiraman godhu, amino acidoni kuni immo protein synthesistiin tajaajilamu.
Maqaan pirootiinii jedhamu kuni kan dhufee Afaan Giriik "prota" jedhamu irra kan dhufee yoo ta'u hiikan immo "barbachisumma tokkoffa kan qabu" yoo ta'u, akkasumas molokiwuulonni kuni kan enyumani isaani himame fi mogafamee namicha Jons Jakob Berzelius jedhamun yoo ta'u barris 1838tiit. Haa ta'u malee fayyidan pirootiiniiiin lubbu qabatotta kennu danda'u kan ballinaan beekkame bara 1926tti yoo ta'u, kunis yeroo Jeemsi B. Samneriin inzaayimiin urease jedhamu akka pirootiinii ta'e beekee booda.[1] pirootiiniiiin yerro duraaf tartibi isaa bekkame insuliinii yoo ta'u, kunis namicha Fireediriik Saanger jedhamuni yoo ta'u, kunis akka bara 1958t Badhaasa Noobelii fudhatu isaa tasiserra. pirootiiniiotni yerro duraaf tartibi isaani gargari-bafame bekkame heemoogiloobiin (haemoglobin) Max Perutziin fi myoglobin Sir John Cowdery Kendrewiin kan gargari bekkamani dha, kunis bara 1958tiit.[2][3] pirootiiniiotni kuni lamaan tartibaa fakki kara sadii (three-dimensional structure) isaani kan bekkame X-ray diffraction analysis yoo ta'u, tartibii myoglobin fi haemoglobin bara 1962t Badhaasa Noobeelii Kemistirii fudhachu danda'erra.
References[gulaali | lakkaddaa gulaali]
- ↑ Sumner, JB (1926). "The Isolation and Crystallization of the Enzyme Urease. Preliminary Paper". J Biol Chem 69: 435–41. Archived from the original on 2007-09-29. Retrieved 2007-06-10.
- ↑ Muirhead H, Perutz M (1963). "Structure of haemoglobin. A three-dimensional fourier synthesis of reduced human haemoglobin at 5.5 A resolution". Nature 199 (4894): 633–8. PMID 14074546.
- ↑ Kendrew J, Bodo G, Dintzis H, Parrish R, Wyckoff H, Phillips D (1958). "A three-dimensional model of the myoglobin molecule obtained by x-ray analysis". Nature 181 (4610): 662–6. PMID 13517261.