Jump to content

Hormoonii

Wikipedia irraa
Caasaa keemikaalaa bodhaayyaa Epinephrine (adrenaline) .

Hormooniin ykn bodhaayyaan ykn Waciba keemikaalota xannachoota addaatiin uumamaniifi oomishamanii sochii lubbiyyoofi qaamolee murtaa’oo qindeessuufi to’atuudha. Xannachoonnii addaa kun xannachoota ujummoo maleeyyii jedhamuun beekamu. Bodhaayyaan sootraalee(keemikaalota) bu’uuraan akka ergamtoota qaamaatti hojjetanidha. Keemikaalonni kun xannachoota addaa xannachoota ujummaleeyyii jedhamuun beekamaniin kan bahudha. xannachootni ujummaleeyyii kunniin qaama guutuu keessatti raabsamu. Ergamtoonni kun dalagaalee xiinqaamaa hedduu akkasumas fayyaa xiinsammuu to’atu. Akkasumas qaama keessatti haala tasgabbaa’aa uumamaan (‘homeostasis’) eeguu keessatti baayyee barbaachisoodha.

Lubbiyyooleen gosa adda addaa hedduun dhaamsa dabarsuu danda'u. Lubbiyyooleen tokko tokko dalagaan isaanii inni guddaan bodhaayyaa oomishuudha. Lubbiyyooleen kun baay’een isaanii yeroo walitti qabaman xannacha jedhamu. Xannachota garee lubbiyyoo waan tokko tolchanii gadi lakkisan (lubbiyyoo ala kaa'uudha). xannachota hedduun badhooyyaa  uumu.

Asxeessaa Lubbiyyoo (Cell Signaling)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dhiibbaan hormoonotaa akkaataa itti gadhiifaman irratti hundaa’a. Kanaafuu, bu’aan asxeessuu akka armaan gadiitti ramadamuu danda’a:

  • Ofiinmaddisiisuu (Autocrine): Hormooniin kun seelii isa dhangalaase irratti hojjeta.
  • Moggaanmaddisiisuu (Paracrine): Hormooniin kun marsaa dhiigaa osoo hin seenin seelii dhiyoo jiru irratti hojjeta.
  • Maddis-jidduu (Intracrine): Hormooniin kun seelii keessatti kan uumamu yoo ta’u, seelii keessaa jechuun seelii keessaa kan hojjetudha.
  • Keesmaddisiisaa(Endocrine): Hormooniin kun xannachoota walfakkaatan irraa gara dhiigaatti erga gadhiifamee booda seelii xiyyeeffannoo irratti hojjeta.

Gosoota hoormoonii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dalagaalee adda addaa to’achuuf hormooniin gosa adda addaa qaama keessatti ni uuma. Isaanis akka armaan gadiitti ramadamu:

Hormoonota Peeptaayidii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hormooniin peeptiidii dhangaggeelee aminoo  irraa kan ijaaraman yoo ta’u, bishaan keessatti kan bulbulamanidha. Hormooniin peeptiidii fosfooliipiid baqqaanmirree kan molakiyuulota cooma keessatti hin bulbulamne kamiyyuu gara seelii keessatti akka hin babal’anne kan dhorku waan of keessaa qabuuf meembraanii seelii keessa darbuu hin danda’an. Bodhaayyaa Jajiitii (Insuliinii)n bodhaayyaa peeptiidii barbaachisaa ta’ee fi xannacha sombaatiin oomishamuudha.

Hormoonota Istirooyidii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hormooniin peeptiidii irraa adda ta’ee, hormoononni isteeroyidii cooma keessatti kan bulbulaman yoo ta’u, meembraanii seelii keessa darbuu danda’u. Hormooniin walqunnamtii saalaa kan akka bodhaayyaa cidhaanii, Hormonnaayee( estrogen) fi hoormonii ulfaa fakkeenya hormoonota isteeroyidiiti.

Fakkeenya hoormonootaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bodhaayyaa Guddinaa Namaa (‘Human Growth Hormone’): guddina (Lafee, Maashaa fi tishuuwwan adda addaa) to’ata.

Piroolaaktiinii (‘Prolactin’): yeroo ulfaa harmi guddatee aanaan maddisiisuuf akka qophaa’u taasisa.

Hormoonota Tirooppikii (‘Tropic hormones’): hormoonota pituutariin qophaa’anii xannachoota biroo kakaasuun akka isaan dagaaganii hormoonota mataa isaanii qopheeffatan taasisu. Kanneenis:

i. bodhaayyaa Kakaastuu Taayirooyidii (‘Thyroid Stimulating Hormone, TSH): xannacha taayirooyidii kan kakaasuu dha.

ii. bodhaayyaa Adireenookoortikootirooppikii (‘Adrenocorticotropic hormone,ACTH): qola xannacha ddireenaalii (‘Adrenal cortex’) kakaasuun hormoonota adda addaa akka qopheessan taasisa.

iii. Goonaadootiroofota (‘Gonadotrophs’): hormoonotni gosa kanaa gosoota lama yammuu ta’an dhiira keessatti cidhaan dhalaa keessatti immoo oovaarii kakaasuun dagaaganii hormoonota mataa isaanii akka qopheeffatan taasisu. Haala walqabateen dhiira keessatti seelii kormaa akka qophaa’uu fi dhalaa keessatti immoo fooliikilootni dagaaganii hanqaaquu ji’a ji’aan akka gadi lakkisan taasisu. Hormoonotni kunniin lamaan bodhaayyaa Kakaastuu Fooliikilii (‘Folicle Stimulating Hormone, FSH’) fi bodhaayyaa Luutinaayizingii (‘Lutenizing Hormone, LH’) jedhamanii dha.

Akkaataa Dalagaa fi To’annoo Gochaa Hormoonotaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hormoonota muraasa kanneen naannoo qophaa’anitti hojii irra oolan irraa kan hafe, hormoonotni bakka qophaa’an irraa socho’uun bakka birootti dalagaa isaanii raawwatu. Bakkaa bakkatti kan socho’an dhiigaan baatamanii ti. Hormooniin tokko dalagaa isaa kan raawwatu yoo seelii man’ee isaa bira gahee dha. Tokkoo tokkoon bodhaayyaa, seelii man’ee isaatti qabachuuf akkuma kan molekiyuulota dhaamsa dabarsittuu niyuroonii (‘neurotransmitter’), seelii man’ee isaa irra sirbiduun (‘receptor’) isa simatu jiraachuu qaba. Sirbiduun gosti tokko bodhaayyaa tokko qofa simata malee kan biroo wajjin wal hubachuu hin danda’an. Karaa biroo garuu sirbidoon bodhaayyaa tokko simachuu danda’u seelii tokko irraa lakkoofsaan baay’ee dha. Birrannaa (‘responsiveness’) seeliin man’ee tokko bodhaayyaa tokkoof taasisu wantoota sadii irratti hundaa’uu danda’a. Isaanis:

  1. Cunqoo bodhaayyaa – yeroo cunqoon bodhaayyaa tokkoo guddaa ta’u bir’annaan isaaf godhamu ol’aanaa ta’a.
  2. Baay’ina sirbiduu seelii man’ee irraa – kunis bir’annaa taasifamu ol kaasa.
  3. Dhiibbaa hormooniin tokko bodhaayyaa biroo irratti qabu – hormoonotni adda addaa walirraan dhiibbaa gahuun bu’aa tokko yeroo isaan itti argamsiisan ni jira. hoormonnaayyee fi hormooniin kakaastuu fooliikill fakkeenya gaarii dha.

To’annaan gadilakkifamuu (‘Secretion’) hormoonotaa, cunqoon hormootaa dhiiga keessatti akka malee akka gadi hin buunee fi ol hin kaane hojjata. Gadi lakkifamuun hormoonotaa karaa sadiin to’atamuu danda’a. kunis Isaanis:

  1. Dhaamsa sirna narvii irratti hundaa’uu – Fkn: Adireenaaliiniin kan qophaa’u dhaamsa narvii irraa gara meedullaa adireenaaliitti darbu irratti hundaa’ee ti.
  2. Jijjiirama keemikaalaa dhiiga keessaa irratti hundaa’uun- Fkn: Gadi lakkifamuun paaraatormoonii amma Ca+ dhiiga keessatti argamuun to’atama.
  3. Dhiibbaa bodhaayyaa biro irratti hundaa’uun- Fkn: Dhiibbaa hormoonotni pituutarii gadi lakkfamuu hormoonota adda addaa irratti qaban.

To’annoon gochaa hormoonotaa irra caalaan dhiibbaa duub-deebii dhorkaa (‘negative feedback’) irratti kan hundaa’u yammuu ta’u muurasni immoo dhiibbaa duub-deebii kakaasaa (‘posetive feedback’) irratti hundaa’u.