Baakteeriyaa(Bacteria)

Wikipedia irraa

Baakteeriyaan ykn merqaan orgaaniziimii seelii tokko qofa irraa kan ijaaraman dha. Baakteriyaan ija uumamaan mul’achuu hin dandeessu yoo shifargaan ta’e malee. Baakteeriyaan lubbiyyoo(cell) pirookaaryootaa/wirmaatsoboo/ dha. lubbiyyoon pirookaaryootaa caasaa alaa: siqixa, piilii/Dabbassee/, haguuggee, uwwisa lubbiyyoo: cichaa lubbiyyoo fi sabaga Lubbiyyoo fi caasaa keessaa: raayiboosoomii(horataa prootinii), dhangala’oo saayitoopilaazimii, niwukilootaayidii/kiroomoozoomii fi kkf qaba. lubbiyyoon baakteeriyaa, seeloota kan biroo irra hamman baayyee xiqqadha.lubbiyyoon baakteeriyaa pirookaariyoota yeroo ta'u, baay'inni lubbiyyoo isaa tokko qofa. Kanaafuu, baakteeriyaan orgaanizimii seel-qeenxee ykn Baaqlubbiiyyoo jedhama. Baakteeriyaan niwukilaasii(wirmaata) hin qindoomne fi memberenii niwukilarii(sabaga ykn haguuggii wirmaataa) hin qaban. Kana jechuun kiromoozomiin baakteriyaa saayitoopilaazimii(Manlubbiyyoo ykn kalloo Areeroo) keessatti faffaca'anii argamu jechuudha. Baakteeriyaan kutaalee luubiiyyoo laayisoosomii(diggaayya), dhaqna goljii fi maayitookondoriyaa(caasumnee) hin qaban.Baakteeriyaan hundi cichaa lubbiyyoo, membireenii seelii( sabaga Lubbiyyoo, saayitopilaasmii(Kalloo Areeroo), wantoota dhalsanyaawaa (DNA fi RNA) fi raayiboosomii qabu.

Baakteeriyaan bakka hunda jiraatu. Baakteeriyaan biyyee, galaana, garba, qilleensa, hiddabiqiltootaa, qaama orgaanizimoota keessa jiraatu. Akkasumas, qaama ala orgaanizimootairra jiraatu.

Akkaataan soorannoo baakteeriyaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Baakteeriyaan hedduun nyaata mataa isaanii qopheeffachuuhin danda’an. Soorata argachuuf madda nyaata biroo irratti hundaa’u qabu. Baakteeriyaan nyaata mataa isaanii qopheeffachuu hin dandeenye kun Heetirootroofikoota(Sooratoota) jedhamu. Isaanis, biqiltootaa fi bineeldota sooratu .Baakteeriyaan gariin immoo biqiltoota fi bineeldota du’an burkuteessuun soorata argatu. Isaan kun sapiroofaayitoota(Burkuteesitoota) jedhamu. Burkuteesitootnii orgaanizimoota du’an diiguun gara biyyeetti akka makaman taasisu. Bakteeriyaan amala akkasii qaban kun burkuteessitoota jedhamu.Baakteeriyaan gariin immoo soorata qopheeffachuu ni danda’u. Baakteeriyaan soorata mataa isaanii qopheeffachuu danda’an awutootroofikoota(Qopheesitoota) jedhamu.

Walhormaata[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Baakteeriyaan mala hormaata saal-maleen wal-horu. Addaan bahiinsa wal-qixaa bakkalamaa gaggeessuun baakteeriyaan tokko lama, lama immoo afur, afur immoo saddetjechuun of-baay’isu

Boca Baakteeriyaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Boca isaanii irratti bu'uureffamudhaan baakteeriyaan gosa sadiitti qoodamu: Isaanis:

A. Boca geengoo (Kokasii)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Baakteeriyaa boca geengoo ykn boca naannawaa qabanidha.

Fkn: Diiplookookasii, Stiriptokokasii, Staafilookokasii

B. Boca ulee (Rod shape) ykn siiqqee fakkaatu Kan qaban.[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Fkn: Baasilasii, sterptobasilayii

C. Boca marmee (Ispiiraalii)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Bocni isaanii maramaa dha

Ramaddii Baakteeriyaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Beektoonni waa’ee baakteeriyaa qu’atan baakteerolijiistoota jedhamu. Baakteeroloojistonni gadi-fageenyan waa’ee baakteeriyaa beekuf bakka adda addaatti ramaduun qu’atu. Amaloota adda addaa isaan qaban irratti hunda’un baakteeriyaa gosoota garaagaratti ramadu. Kanneen keessa tokko halleessa Giraamiiti. Halleessuun Giraamii gosa halleessuu gosoota baakteeriyaa addaan haasuuf tajaajiluu yoo ta’u qabiyyee cichaa lubbiyyoo baakiteeriyaa iratti hundaa’uun baakiteeriyaa giraam-posativii(eeyyentaa) fi giraam negativii(Hi'eentaa) addaan baasuuf kan gargaaruudha.

Halleessuun giraamii yaalii karaa baakteeriyaan itti ramadamu ta’e, tooftaa hayyuun “ Hans Christian Gram” bara 1884 baseedha. Maayikiroobaayoloojii keessatti halleessuun Giraamii baay’inaan kan gaggeeffamudha. Malli kunis baakiteeriyaa giraam negaatiivii fi poosatiiviitti addaan baasuuf baay’ee kan gargaaruudha. Dabalataan boca baacteeriyaa adda addaa adeemsa halleessuun kanaan adda baasuun ni danda’ama.

Giraam-posativii(eeyyentaa)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Cichaan seelii baakteeriyaa Giraam posativiiti ta’an halluu Kiristaal vaayoleetii( balcii birdimaa) jedhamu ofirratti qabatanii hambisu Kun immoo yabbina cichaa seelii isaanii agarsiisa.sabaga lubbiyyoo alaa liippoopooliisakaraayidii hinqaban. Cichaan seelii furdaa teekooyiki asiidii qabu qaba. Cichaan seelii isaanii 70-80% peeptidogilayikanii (muureenii) irraa ijaarame. sabaga lubbiyyoo alaa hin qaban.kanaafuu, indootoksiinii hin maddisiisan. Baakteeriyaan dhukkuba fidan muraasni as jalatti ramadamu. Fakkeenya:Baasileesii, kiloosteriidiyeemii, maayikoobaakteeriyeemii fi kkf

Giraam negativii(Hi'eentaa)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Cichaan seelii baakteeriyaa Giraam negativii dandeettii halluu Kiristaal vaayoleetii( balcii birdimaa) ofirratti hambisuu hin danda’an..sabaga lubbiyyoo alaa liippoopooliisakaraayidii qaban. Cichaan seelii haphii fi teekooyiki asiidii hin qabne qaba.Cichaan seelii isaanii 10-20% peeptidogilayikanii (muureenii) irraa ijaarame. sabaga lubbiyyoo ykn Membireenii alaa qabu kanaafuu, indootoksiinii maddisiisu. Kun immoo seeliin baakteeriyaa antibaayootikiin(Farra baacteeriyaa) akka hin midhamnee ittisa.Baakteeriyaan dhukkuba fidan hedduun as jalatti ramadamu.Fakkeenya: Salmoonellaa, shiigellaa, tiriipaanoomaa fi kkf.

Silqixarratti hundaa'uun[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Baakteeriyaan iddoo argama sil-qixaa fi baayina sil-qixaa irratti hundaa’uun bakka adda addaatti qoodamu. Isaaniis: A. Monootiriichiyasii – sil-qixa tokko qofa qabu

B. Loofootiriichiyasii – sil-qixa hedduu iddoo tokko irraa qabu

C. Amfiitiriichiyasii – sil-qixa qaama faallaa walii ta’e irraa qabu

D. Periitiriichiyasii – sil-qixa qaama hundarraa qabu

Faayidaaleen baakteeriyaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Baakteeriyaan jireenya dhala namaa keessatti kallattiinis ta’e, al-kallattiin qooda guddaa qabu.Baakteeriyaan miidhaa namarraan geessisan akkuma jiran, kanneen jireenya keenyaaf baay’ee barbaachisanhedduu dha. Fakkeenyaaf baakteeriyaan:-aannaan itichuuf,qoricha qopheessuuf,biyyee gabbisuuf,oomisha warshaalee gogaa keessatti qooda qaban dha.

Dhibeewwan Baakteeriyaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Maayikoobaakteeriyamii tuubarkuloosisiis:-dhibee sombaa fida.

Viibiriyoo koleeree:- dhibee koleeraa fida.

Saalmoonellaa taayifee:- dhibee golfaa fida.

Gonookokasii gonooriyee:- dhibee cophxoo fida.

Tireepooneemaa paalidam:- dhibee fanxoo fida.

Kiloostiridiyemii teetaanii:- manjalloo kan fidu dha.

Dippilookokasilnimooniyee:-dhibee nimooniyaa fida

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

https://caalaasite.files.wordpress.com/2017/03/biol-323-general-biology-iii-or.pdf