Jump to content

Kalloo Areeroo(Cytoplasm)

Wikipedia irraa

Kalloon areeroo ykn Manlubbiyyoon ykn Yaatoon Lubbiyyoo (Afaan Ingiliffaan: Cytoplasm) wanta seelii (lubbiyyoo) tokko keessa jiru hunda kan sabaga lubbiyootiin marfame, garuu tambii (nucleus) hin dabalannedha. Seelota tambidhugee (eukaryotic) keessatti, yaatoon lubbiyyoo wantoota tambii ala jiran hunda agarsiisa. Seelota tambiduroo (prokaryotic) kan tambii hin qabne keessatti immoo, yaatoon lubbiyyoo qabiyyee seelichaa hunda jechuun ni danda'ama. Innis naannoo jireenyaa kan caasaaleen seelii biroon, kan gumtoo (organelle) jedhaman, keessa jiraatanii fi dalagaa isaanii itti raawwatanidha.

yaatoon lubbiyyoo gara %80 bishaan yoo ta’u, yeroo baayyee halluu hin qabu. Wantoonni akka jeelii ykn dhonnoqqee fakkaatan kun soorata, ayoonota, pirootiinota, fi molekuloota biroo hedduu of keessatti bulbulata. Innis bakka wal-nyaatinsi keemikaalaa jireenyaaf murteessoo ta'an hedduun, kan akka gilaayikoolaaysiisii (glycolysis), itti gaggeeffamuudha. Walumaagalatti, yaatoon lubbiyyoo caasaa lubbiyyoo eeguu, sochoosuu, fi dalagaalee nadheefaa (metabolism) raawwachuun, jireenya seeliitiif lafee dugdaati.

Qaamolee Gurguddoo yaatoo lubbiyyoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Qaamonni gurguddoon yaatoo lubbiyyoo sadii: Yaatoo dhonoqqoo (Cytosol), Gumtoolee (Organelles), fi Hammatamtoota Kalloo Areerawaa (Cytoplasmic Inclusions).

1. Yaatoo dhonoqqoo (Cytosol)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Yaatoon dhonoqqoo kutaa yaatoo lubbiyyoo kan dhangala'aa, akka dhonnoqqee ykn jeelii ta'eedha. Innis gumtoolee fi hammatamtoota keessatti hin hammatamne. Yaatoon dhonoqqoo irra caalaan (70-90%) bishaan irraa ijaarama. Dabalataanis, ayoonota (akka pootaasiyeemii fi soodiyemii), molekuloota xixiqqoo (akka amayinoo asiidii fi sukkaaraa), fi molekuloota gurguddoo (akka pirootiinii fi inzaayimii) of keessatti bulbulata. Dalagaaleen nadheefaa hedduun, kan akka gilaayikoolaaysiisii (caccabiinsa sukkaaraa) fi oomisha pirootiinii (raayiboosomoota bilisaan jiraniin), yaatoo dhonoqqoo keessatti raawwatamu. Innis gumtooleef akka naannoo wal-nyaatinsaa fi geejjibaatti tajaajila.

2. Gumtoolee (Organelles)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Gumtoonni caasaalee xixiqqoo sabagaan marfamanii fi dalagaa addaa kan mataa isaanii qaban kan yaatoo lubbiyyoo keessatti argamanidha. Isaanis akka "qaamolee" xixiqqoo seeliitti ilaalmu. Tokkoon tokkoon gumtoo dalagaa murteessaa kan jireenya seeliitiif barbaachisu raawwata.

  • Mangiidoon: "Mana anniisaa" seeliiti; bakka hargansuu seeliitiin anniisaan ATP oomishamuudha.
  • Horburqatni: Bakka pirootiiniin itti ijaaramuudha.
  • Xaxeeta Areeroo Keessoon: Sirna sabagaawwanii kan pirootiinii fi cooma oomishuu fi geejjibuuf tajaajiludha.
  • Dhagni Goljii: Pirootiinota fi cooma fooyyessuu, qindeessuu, fi erguuf tajaajila.
  • Diigiyyaan: Inzaayimoota bullaa'insaa of keessaa qaba, xurii fi qaamolee dulloomanii balleessuuf gargaara.
  • Buufanyeen: Bishaan, soorata, fi xurii kuusuuf oola.

3. Hammatamtoota Kalloo Areerawaa (Cytoplasmic Inclusions)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hammatamtoonni suuddoowwan ykn buttaa wantootaa kanneen dalagaa nadheefaa kan hin qabne, garuu yeroof yaatoo lubbiyyoo keessatti kuufamanidha. Isaan akka gumtoolee sabagaan marfamanii hin argaman. Dalagaan isaanii inni guddaan soorata kuusuu ykn xurii yeroof kaa'uudha. Fakkeenyaaf:

  • Buttaa gilaayikojiinii (seelii tiruu fi maashaa keessatti)
  • Buttaa coomaa (seelii coomaa keessatti)
  • Bilfee (pigments) kan akka meelaaninii (seelii gogaa keessatti)

Dalagaalee Ijoo yaatoo lubbiyyoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

1. Bakka Wal-nyaatinsa Keemikaalaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

yaatoon lubbiyyoo, keessattuu yaatoon dhonoqqoo, bakka wal-nyaatinsi keemikaalaa jireenyaaf murteessoo ta'an hedduun itti gaggeeffamanidha. Adeemsi gilaayikoolaaysiisii, kan sukkaarri (glucose) caccabee anniisaa kennu, guutummaatti as keessatti raawwatama. Dabalataanis, oomishni pirootiinota hedduu fi adeemsi mallattoo dabarsuu (cell signaling) yaatoo lubbiyyoo keessatti jalqaba.

2. Deeggarsa Caasaa fi Boca Kennuu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

yaatoon lubbiyyoo seelii bifa isaa akka eeggatuu fi akka hin banqaanne gargaara. Dhiibbaan dhangala'aa keessaa (turgor pressure) seelii, keessattuu kan biqiltootaa, jabeessa. Dabalataanis, caasaan lafee lubbiyyoo(cytoskeleton) jedhamu, kan liilana-pirootiinii (protein filaments) irraa ijaarame, yaatoo lubbiyyoo keessa diriiree jira. Lafeen areeroo kun deeggarsa makaanikaa seeliif kenna, boca isaa murteessa, fi sochii gumtoolee fi seelii guutuu keessatti gahee qaba.

3. Sochii fi Geejjiba Keessoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

yaatoon lubbiyyoo yeroo hundaa sochii keessa jira. Adeemsi ya'a yaatoo lubbiyyoo (cytoplasmic streaming) ykn cyclosis jedhamu, socho'uu dhangala'aa fi gumtoolee yaatoo lubbiyyoo keessaati. Sochii kun sooratni, inzaayimoonni, fi wantoonni biroon iddoo barbaadamutti saffisaan akka ga'an taasisa. Geejjibni kun keessattuu seelota biqiltootaa gurguddoo keessatti baayyee mul'ata.