Onnee

Wikipedia irraa
Onnee namaa: xiyyaan kallattii dhiigni itti yaa’u agarsiisa.
1 dhiigdeebistu Guddaa
2 Dhiigraabistuu sombaa
3 Dhiigdeebistuu sombaa
4 Huutuu cimdii(Mitral huutuu) 5 Huutuu dhiigrabsituu 6 dhiiglaataa bitaa 7 dhiiglaataa mirgaa 8 Dhiigsimattu bitaa - 9 dhiigsimattuu mirgaa 10 Dhiigraabistuu guddaa 11 huutuu sombaa - 12 huutsadee 13 dhiigdeebistuu gadii

Onneen ilma namaa onnee bineeldota hoosiftoota biro waliin walfakkenyumma qaba.Iddoon teessuma onnee ilma namaa qoma (laphee) jidduun gara bitaatti achi jechuudhaan somba keenya jiddutti argama. Hammi onneetiis keessoo qabinsa harka nama ga’eessa tokkotiin kan walgituudha. Onneen maashaa cimaa ta’e maashaa kaardiyaakii jedhamu irraa kan tolfamee fi jidduun isaa banaa yookiin haala addaan hin dhaabbanneen kottoonfachuudhaan onneen dhiiga gara qaamaa akka raabsamu godha.

Qaama Alaantoo fi bifa Onnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Onneen namaa kutaa/gola 4 qaba. Onneen bineensa tokkoo tokkoo golee 2 ykn 3 qofa qaba. Bifa alaanto onnee irratti ujummooleen dhiigaa qaqalloon bal’inaan akka bittinaa’anii mul’atan hubadhaa. Ujummooleen dhiigaa qaqalloon bifa Alaantoo onnee irratti mul’atan kun ujummoo dhiigonnee (Coronary Vessel) jechuun beekaman.Ujummoolee gurguddoon adda addaa kan gara onnee teenya seenaniifi onnee teenya irraa bahan ni jiru. Isaaniis:-

Dhiigraabsituu guddicha (Aorta) - Ujummoolee dhiigraabsituu hundarra isaatu guddaadha.dhiigni onnee teenyaa gara bitaa irraa facaafamu dursee ujummoo oortaa kana keessa seena.

Dhiigdeebistuu guddicha (Vena Cava) – Ujummoo dhiigdeebistuu hundarra isaatu guddaadha. Dhiigni kutaalee qaama keenya adda addaa irraa dameelee fi ujummoolee xixiqqoon walitti qabamee gara ujummoo veenaakaavaa seenuun dhuma irratti onnee teenya gara mirgaa akka seenu kan godhu ujummoo dhiigdeebistuu guddichati.

Dhiigraabsituu Sombaawoo (Pulmonary Artery) – ujummoon dhiigraabs itu kun dhiiga onnee teenya gara mirgaa irraa fudhatee gara sombaatti kan dabarsudha.

Dhiigdeebistuu Sombaawoo (Pulmenary Vain) – Ujummoon dhiigdeebistu kun immoo dhiiga somba keenyarraa oksijjiinii baatee dhufu gara onnee bitaatti kan dadabarsudha.

Caasaa kutaalee onnee gara bitaa fi mirgatti walqixatti addaan fuudhu(baasu) xiixxuu (septum) jechuun waamama. Sarara kana hordofuun gubbaarraa hamma jalaatti yoo addaan baqaqsine caasaalee keessa qaama onnee bitaa fi mirgaa sirritti arguu nidandeenya.

Ujummoolee Dhiigaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ujummoon dhiigaa(blood vessel) qaamolee sirna marsaa dhiigaa dhiga qaama namaa guutuutti geejjibaniidha . Ujummoonni kun lubbiyyoo dhiigaa(blood cell), soorataa fi oksijiinii gara tishuuwwan qaamaatti geessu. xurriifi kaarboon daayi’oksaayidii tishuu irraas ni fudhatu. Jireenya itti fufsiisuuf ujummoon dhiigaa barbaachisa, sababiin isaas tishuuwwan qaamaa hundi hojii isaanii irratti waan hirkataniif.

Ujummoon dhiigaa gosa shan qaba: tooyyeen(Artery), kanneen dhiiga onnee irraa gara qaamoolee biratti raabsan ; go'aabicuu(arteriole) ;Ujummoo dhigaa qaqalloon(Capillary), bakka waljijjiirraan bishaanii fi keemikaalota dhiigaa fi tishuu gidduutti raawwatamu; kanneen dhiigdeebistuu xinnicha(venule) ; fi dhiigdeebistuu(vein), kanneen dhiiga kaappilaarii irraa gara onneetti deebisan.

Caasaaleen tokko tokko – kan akka morgaa, epithelium, fi do'inee ijaa fi coraa ijaa ykn lufifa – ujummoo dhiigaa kan hin qabnee fi miti-aammoo(avascular) jedhamee kan waamamudha.

Ujummoo dhiiga raabsituu(tooyyee/Artery)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ujummooleen Kun akkuma maqaan isaanii argisiisutti dhiiga onnee irraa fudhachuun gara qaamolee nafa namaa gara garaatti kan geessu yookiin kan raabsudha. Ujummoo dhiigraabsituu keessatti Dhiigni ujummoo dhiigraabsituu keessatti argamu kan biro caalaa dhiiga oksijiiniidhaan kan badhaadhedha. Dhiigni onnee irrraa bahuu fi ujummooleen dhiiga raabsituu keessa seenu human fi dhiibbaa guddaa waan qabuuf. Dhiigraabsaan haala salphaan akka hin dhoonee fi hin miidhamnee dhoorkuuf dhaabni isaa ujummoolee biroorra furdaadha. Dhiigni gara ujummoo dhiigraabsituu seenu kan biroorra dhiibbaa fi humna guddoo waan qabuuf, dhiigni ujummoo tana keessa deemu of dura malee of duuba hin deebi’u,soda of duuba deebi’uutis hin qabu.

Ujummoo dhiigaa qaqqalloo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ujummoo dhigaa qaqalloon kan beekamaniin ujummoolee qaqalloo dhiigaa yoo taatu ujummoolee gurguddaa lamaan (dhiigraabsituu fi dhiigdeebistuu) jidduu ujummoo jiruu fi kanujummoolee lamaan walqabsiisuudha. Ujummooleen qaqalloon (Kaappiilaroota) hojiin isaani gurguddoon wantoota qaamaa keenyaaf fayyidaa qaban gara seelotaatiin qaamaa keessa gadi akka seenanii, akkasumatti wantoota xuraawaa seelota qaamaa keessa jiran seelota keessaa baasuun gara dhiigaa akka seenan hojata. Gabaabumaatti iddoo wantoonni adda addaa dhiigaa fi seelota qaamaa jiddutti waljijjiirran itti geggeeffamu jachuudha. Dhiigni ujummoolee dhiigraabsituu keessa deeman nyaata badhaadhame, oksijjiinii fi wantoota biro kan qaamaaf fayidaa qaban ba’aachuun yoommuu ujummoolee qaqalloo dhiigaa (Kaappilaroota) gahan dhaaba ujummoolee qaqalloo dhiigaa (Kaappilaroota) keessaa gadi seenuun gara seelota keenyaa seenu. Akkasumaas, kaarbondayi’oksaayidii, yuuriyaa fi wantoota xuraawaa biro kan seelota keessa jiruu fi kan uumaman seelota keessaa baasuun dhaaba kaappilarii keessaan gadi baasee gara dhiigaa ujummoolee dhiigdeebistuu keessa jiru waliin walitti maku. Ujummoolee dhiigaa qaqalloon kunneen wantoota adda addaa keessatti gaggeeffamu saffisaan yookiin mijjeessuun akka dhaaba keessa seenan dhaabni ujummoolee haalaan haphiidha. Dhaabni ujummoolee dhiigaa qaqalloon teessuma seelii tokkoo yookiin baqqaana (layer) qofa irraa hojjatame. Isaanis bakka wantootni hedduun dhangala'aa gidduu naannoo jiru irraa itti waljijjiiran yoo ta'u, dhiiga dameelee go'aabicuu ( arterioles ) irraa gara kanneen dhiigdeebistuu xinnicha ( venules ) dabarsan.

Ujummoo dhiigdeebistuu(vien)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ujummooleen dhiiga deebistuu dhiiga kutaalee qaama nafa namaa adda addaa irra sassaabuun kallattiin dhiiga gara onnee deebisuudha. Dhiigni ujummoolee deebistuu keessa jiru kanneen biroo irraa kaarbondaayoksaayidiitu baayyinaan keessa jira. Dhiigni onneen facaastu hanguma onnee irraa fagaachaa deemuun gara ujummoolee dhiigdeeebistuu keessa seenaa waan deemuuf dhiibbaa fi humni isaa hir’achaa waan deemuuf ujummoon dhiiga deebistuun sodaa dhoohuu (cabuu) hin qabu. Kanaafuu, dhaabni ujummoo dhiiga deebistuu haphii fi qallaadha. Akka ujummoo dhiigraabsituutti dhaabni ujummoo dhiigdeebistuu furdaa miti. Sababni isaas dhiigni ujummooleen dhiigdeebistuu seenu humnaa fi dhiibbaan isaa waan hir’atuuf, ujummoo dhiigdeebistu kana keessa dhiigni akka of duubaatti hin deebine Kan ittisu fi akka fuuldura deemu Kan gargaaru huutuu (Valve) jedhamuutu jira. Huutuun dhiigni gara duubatti akka hin deebine kan to’atudha.

Qaamolee Keessa Onnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Onneen ilma namaa fi hoosiftootaa somba jiddutti yoo argamtu iddoo (kutaa) lamatti bitaafi mirgaatti walqixatti tan adda fuudhatamteedha. kanaafuu onneen teenya kutaalee laman oliifi kutaalee lamaan gadii jechuun kutaalee afur qaban jachuudha. Dhiigsimattu (Atrium):- jechuun kuutaalee onnee walakkaa lamaan gara gubbaa bitaa fi mirgaan jirtudha. Hojiilee guddoon kutaaleen onnee gara gubba dhiigaa qaama keenya iddoo adda addaarra dhufu ofitti fudhachuudha.

Dhiigsimattu bitaa, dhiiga oksijjiiniin badhaadhee somba irraa gara onnee dhufu ofitti fudhata (simata).

Dhiigsimattu mirgaa, dhiiga kutaalee qaama keenya adda addaarra dhufu ofitti fudhataa (simata).

Dhiiglaataa (Ventricles)-kutaleen kun immoo onnee lamaan bitaa fi mirgaa gara gadiitti yommuu ta’an hojiin isaani dhiiga calalame kutaale onnee keessaa gara qaamaatti kan facaasu (raabsuudha.). Dhiigni dhiigsimattuu seene gara kutaa dhiiglaataatti gadi ya’aa. Dhiiglaataa irraa immoo gara ujumoolee dhiiga raabsituutti seenuudhan gara kutaalee qaamaa adda addatti dhiibama. Dhiiglaataa lamatu jiru.

Dhiiglaataa Bitaa :- Kottoonfachuun dhiiga gara qaamolee adda addaatti kan raabsu yoo ta’u.

Dhiiglaataa Mirgaa :- Kottoonfachuun dhiiga gara sombaatti facaasuun dabarsa.

Kutaalee lamaan onnee jiddudha. kan irraa caalaa dhiiga oksijjinittiin tan badhaadhe onnee gara bitaati. Gara birootin immoo dhiiglaataa lamaan irraa dhiiga fageenya dheraa kan facaasuu danda’u dhiiglaataa bitaati. Kanaafuu dhiiglaataan bitaa kan biro irraa maashaa baay’ee cimaafi furdaa ta’e irraa kan ijaarameedha.

Baqqaanoota onnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dhaabni onnee baqaana sadii of keessaa qaba: giraabonnee(endookaardiyaamii), Maashaa onnee (maayookaardiyaamii) fi nafkeessoo galmee onnee (epiikaardiyaamii).

giraabonnee jechuun sabaga/meembranii haphii keessoo onnee haguuguudha.,

maashaa onneen jechuun baqqaa giddu galeessaa onnee ti. Innis baqaana furdaa onneeti.

nafkeessoo galmee onnee baqqaana haphii dirra onnee irratti argamu kan ujummoo dhigonnee keessa argamanii dha. Peerikaardiyaamii ykn galmee onnee kiisha haphii onneen keessa taa’u yoo ta’u, yeroo baay’ee dhangala’aa xiqqaadhaan kan guutame yoo ta’u, kunis onnee caasaa garaa keessa jiru kanneen biroo kan akka sombaa irraa adda baasa.

Huutuu[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Huutuun onnee caasaa dhiigni kallattii tokko qofaan akka yaa’u mirkaneessanidha. Isaanis gummeewwan walqabsiisaa fi gabaronnee (baqqaaana keessaa onnee) irraa kan ijaaramaniidha.

Huutuuwwan onnee afur kan qabnu yoo ta’u, isaanis bakka lamatti qoodamu:

Huutuu dhiigsimlaataa(Valve atrioventricular): Huut-lamee fihuutsadeedha. Isaanis dhiiglaataa fi dhiigsimataa  gidduutti argamu.

Huutuu gamis-baatii(semilunar valve) : Huutuu sombaawoo fi Huutuu dhiigraabsituu guddichaa jedhamuun qoodamu. Isaanis dhiigdeebistuu fi dhiigraabsituu isaanii  gidduutti kan argaman yoo ta’u, dhangala’aa dhiigaa onnee keessaa bahu ni to’atu.

Huutuu dhiigsimlaataa (Atrioventricular Valves)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

huutuuwaan dhiigsimlaataa dhiigsimattuu fi dhiiglaataa gidduutti argamu. Yeroo jalqaba kottooffanaan dhiiglaataa ykn dhikkis-shuntuura (systole) cufamu, sagalee onnee isa jalqabaa ni uumu. Huutuuwwaan dhiigsimlaataa lamatu jira:

  • Huutsadee(Dhiiglatoosimatoo mirgaa) - kan argamu dhiigsimattuu mirgaa fi dhiiglaataa mirgaa gidduutti (right atrioventricular orifice). Innis batoo(cusps) sadii (Fuulduroo (anterior), danqa'aa(septal) fi duubboo (posterior)) kan of keessaa qabu yoo ta’u, bu’uurri batoo tokkoon tokkoon isaa qubeellaa qajjisoo (ring fibrous) kan qaawa marsee jiruti kan hidhameedha.
  • Huutlamee(Dhiiglatoosimatoo bitaa ) - dhiigsimattuu bitaa fi dhiiglaataa bitaa gidduutti (left atrioventricular orifice) argama. Akkasumas, batoo lama (fuulduroo fi duuboo) waan qabuuf huutlamee  jedhamuun beekama. Akkuma huutsadee , bu’uurri batoo tokkoon tokkoo qubeellaa qaajjisoo  qaawa marsee jirutti hidhameedha.

Valvewwan huutlamee fi huutsadeen kan deeggaraman funyoowwan qaajjisoo (chordae tendineae) qarqara  batoo huutuu  irratti maxxanuudhaani. funyoowwan qaajjisoo, dabaree isaaniitiin, maashaalee birtaawaa(papillary) irratti kan maxxanan yoo ta’u, dirri keessaa dhiiglaataa irratti argamu – maashaaleen kun yeroo  dhikkis-shunturaa irratti kan walitti qabaman yoo ta’u, kunis baalbicuu huutuu gara dhiigsimattuu akka hin baane ittisuuf.

Huutuu gamisbaatii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

dhiigdeebistuu fi dhiigraabsituu isaanii  gidduutti kan argaman yoo ta’u, dhangala’aa dhiigaa onnee keessaa bahu ni to’atu. Jalqaba dirrirfannaa dhiiglaataa ykn disiqee (diastole) irratti cufamu, sagalee onnee lammaffaa ni uumu. Huutuuwwan gamisbaatii  lamatu jira:

Huutuu sombaawoo – dhiiglaataa mirgaa fi qaawa sombaa (pulmonary orifice) gidduutti argama. huutuun kun batoowwan sadii of keessaa qaba – bitaa, mirgaa fi fuulduraa ( bakka isaanii osoo onneen hin naanneffamin dura).

Huutuu dhiigraabsituu guddicha (aortic valve) – Dhiiglaataa bitaafi qaawa dhiigraabsituu guddichaa (aortic orifice) gidduutti argama. Huutuun dhiigraabsituu guddichaa batoo sadii of keessaa qaba – mirgaa, bitaa fi duubaa.

holqee dhiigraabsituu guddicha bitaa fi mirgaa ka’umsa dhiigraabsituu dhiigonnee bitaa fi mirgaa agarsiisa. Yeroo disiqee dhiigni duubatti deebi’uun, holqeewwan dhiigraabsituu guddicha  (aortic sinuses) guutee dhiigraabsituu dhiigonnee seenee maashaa onnee (myocardium) dhiyeessa.

Marsaa onnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Marsaan onnee oomisha isaa irraa kaasee hanga dha’annaa itti aanu jalqabuutti dha’annaa onnee bal’aa ta’eef sababa ta’a. Innis disiqee, dhikkis-shuntuurafi boqonnaa gidduu jiru of keessaa qaba. Mul’achuun marsaa onnee dha’annaa onneetiin kan agarsiifamu yoo ta’u, kunis uumamaan daqiiqaa tokkotti dha’annaa onnee jedhamee kan agarsiifamudha. Onneen namaa fayyaa ta'e daqiiqaa tokkotti si'a 72 dha'a kunis daqiiqaa tokkotti marsaan onnee 72 akka jiru ibsa. Marsaan onnee guutummaatti dhiphachuu fi boqochuu dhiigsimattuu fi dhiiglaataa lamaan kan of keessaa qabu yoo ta’u marsaan kun tilmaamaan sekondii 0.8 kan turudha.

Dalagaalee onnee[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Onneen dhiiga onnee irraa facaasuun gara kutaalee qaama keenya keessa akka walgahu godha.dhiigni gonkumaa onnee teenya keessatti hin uumamu. Kanaaf, dhiigni onnee keessaa faca’ee bahu gara ujummooolee dhiigaa seenun humnaa fi dhiibbaa guddaa waan qabuuf yeroo hunda fuuldura qofa deema malee gara duubaatti hin deebi’u.Haata’uu malee humnaafi dhiibbaa guddoon dhiigni yeroo onnee irraa bahuu qabu yeroo onnee irraa fagaachaa deeme humnaafi dhiibbaan inni dura qabu xiqqaachaati deema.