Jump to content

Tishuu

Wikipedia irraa
Mul'ata shifargaa eddattoo xiingummaawaa (histologic) somba namaa, gummeeleen adda addaa of keessaa qabu: dhiiga, gummee walqabsiisaa, endothelium vaaskilarii fi epithelium sirna hargansuu, hematoxylin fi eosin tiin faalamee .

Xinjiree keessatti gummeen lubbiyyoowwan caasaafi dalagaan walfakkaatan walitti gurmaa’uunii dha. micirjirtii lubbiyyeedduu keessatti gummeeleen garagaraa dalagaa murtaa’aa mataa isaanii qabu. Sana booda qaamoleen kan uumaman garee dalagaa gummeeleen hedduu walitti qabuudhaani.

Gummee qaama namaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Qaamotni namaa baay’een gummeelee adda addaa irraa kanneen ijaaraman yammuu ta’u, gosaa fi akkaataan qindoomina gummeelee kanneenii akkaataa ijaarsa caasaa fi dalagaalee qaamotaa murteessu. Qaamotni namaa gummeelee ijoo (’Primary tissues’) gosoota afur (4) irraa kanneen ijaaramanii dha. Isaanis:

  1. Gummee Gamaltuu (‘epithelial tissue’): Tishuuleen kunniin ala gogaa, ala qaamota keessaa tokko tokkoo, dhaaba qaawwaa qaamota kanneen akka qaamota bullaa’insa soorataa, hargansuu, ujummoolee caasaalee fincaanii, walhormaataa fi dhiigaa, akkasumas kutaalee xannachootaa keemikaalota maddisiisanii fi kkf aguuganii argamu. lubbiyyoo walitti siqanii (hiiqanii) caasaa kanaaf jabina kennan irraa kan tolfamu yammuu at’u lubbiyyooni kunniin yammuu hubaman salphaatti bakka bu’uu (‘Regenerate’) danda’u.Dalagaan gummee Gamaltuu ijoon maddisiisuu (‘Secretion’), xuuxuu (‘Absorption’), dhimbiibuu (‘Filtration’) fi balaa irra ittisuu (‘Protection’) dha.
  2. Gummee qabsiistuu (‘Conneective tissue’): Qaama keessatti heddumminaan faca’anii kanneen argaman yammuu ta’u ribuun, coomni, morgaan, lafeen, dhiigni, dhuyyaa fi kkf fakkeenyota ijoo gummee kanaa ti.Dalagaan isaanii ijoon qaamota utubuu fi walitti hidhuu, balaa irraa ittisuu, boca qaamaa eeguu fi kkf dha. gummeen kun gosoota adda addaatti qoodamuu danda’a.
  3. Gummee maashaa (‘Muscular tissue’): gummeen maashaa lubbiyyoo akka waliigalaatti tushii maashaa jedhaman irraa tolfame. lubbiyyooni kunniin amala kottoonfachuu fi diriiruu waan qabaniif dheerachuu fi gabaabbachuun sochii uumuu danda’u. Tishuuleen maashaa gosoota bebbeekamoo sadi’itti ramadamu. Kanneen gadi fageenyaan boqonnaa afur keesstti ibsamaniiru.
  4. Gummee aarsituu (‘Nervous tissue’): gummeen kun lubbiyyoo dalagaa fi bocaan adda ta’an kanneen akka waliigalaatti niyuroonota fi niyuroogiliyaa jedhaman irraa ijaaraman. Sammuu, miqiqirii(ispaayinaal koordi) fi aarsituulee keessatti kanneen argaman yammuu ta’u dalagaan isaanii dhaamsa elktiroo-keemikaalawaa daddabarsuu dha. dhonoqaarsiituu(Niyuroogiliyaan) lubbiyyoo lubbiyyaarsituu utubuu fi balaa irraa ittisuu keessatti qooda fudhatanii dha.