Xiinjiree
Xiinjireen ykn Baayoloojiin saayinsii uumamaa kan waa’ee jireenyaa fi lubbu-qabeeyyii hundaa qo’atuudha. Saayinsiin kun caasaa, dalagaa, guddina, burqaa, jijjiirama suutawaa, fi tamsa'ina lubbu-qabeeyyii xiinxala. Lubbu-qabeeyyiin micirjirtoota ijaan hin mul'anne kanneen akka baakteeriyaa irraa kaasee, hanga uumamtoota gurguddoo kanneen akka arbaa fi weeliitti kan hammatudha. Namni ogummaa kana qabu Xiinjireessituu ykn Ogeessa Xiinjiree jedhama.
Maqaa fi Hiika Isaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Maqaan saayinsii kanaa madda adda addaa irraa dhufe:
- Baayoloojii: Jecha Afaan Giriikii irraa dhufe. Bios (βίος) hiikni isaa "jireenya" yoo ta'u, logia (-λογία) immoo "qo'annoo" jechuudha. Kanaaf, hiikni isaa kallattiin "qo'annoo jireenyaa" ta'a.
- Xiinjiree: Jecha Afaan Oromoo dhalootaan uumameedha. Innis jechoota lama irraa ijaarame: xiin- (kan gochima "xiinxaluu" jedhurraa dhufe) fi -jiree (kan jecha "jireenya" jedhurraa dhufe). Walumaagalatti hiikni isaa "xiinxala jireenyaa" jechuudha. Innis Afaan Oromoo keessatti jecha filatamaadha.
Seenaa Gabaabaa Xiinjiree
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Qo'annoon jireenyaa bara durii irraa eegalee kan ture yoo ta'u, keessattuu Giriikii durii keessatti filoosoofonni akka Aristootil uumamtoota bal'inaan qo'ataniiru. Haa ta'u malee, xiinjireen akka saayinsii ammayyaatti kan hundaa'e jaarraa 19ffaa keessa yeroo ogeeyyiin gurguddoon yaada bu'uuraa kaa'anidha. Kalaqni maaykirooskoopii (fuulleefoo) jaarraa 17ffaa keessatti lubbu-qabeeyyii xixiqqoo (xiinimii) kan duraan hin beekamne argisiise. Jaarraa 19ffaa keessatti, Chaarlis Daarwiin fi Alfireed Waales yaada jijjiirama suutawaa (evolution) maddisiisun, akkamitti sanyiin lubbu-qabeeyyii akka garaagarummaa horatan ibsan. Qorannoon Gireegor Mendel immoo bu'uura xiindhaala (genetics) kaa'e.
Bu'uuraalee Xiinjiree
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Xiinjireen ammayyaa yaada bu'uuraa (beek-dura) gurguddoo muraasa irratti hundaa'a, kunniinis dameewwan isaa hunda walitti hidhu: 1. Yaada Lubbiyyoo (Cell Theory): Lubbu-qabeeyyiin hundi lubbiyyoo (seelii) tokko ykn isaa ol irraa ijaaramu. Lubbiyyoon bu'uura jireenyaati. Lubbiyyoonni haaraan kan duranii irraa qofa argamu. 2. Jijjiirama Suutawaa (Evolution): Kun yaada giddu-galeessaa xiinjiree ti. Inni akkaataa sanyiin lubbu-qabeeyyii yeroo dheeraa keessatti itti jijjiiramaa fi garaagarummaa uuman ibsa. 3. Xiindhaala (Genetics): Dhaalmaya amalaa dhalootaa dhalootatti dabarsuu qo'ata. Odeeffannoon dhaalaa hundi DNA keessatti kuufamee argama. 4. Of-danda'ummaa (Homeostasis): Dandeettii lubbu-qabeeyyiin haala naannoo isaanii alaa yoo jijjiiramellee, haala keessoo qaama isaanii madaallii irra tursuudha. 5. Anniisaa (Energy): Lubbu-qabeeyyiin hundi jiraachuu, guddachuu, fi wal-horuuf anniisaa barbaadu. Maddi anniisaa guddaan aduudha.
Dameewwan Gurguddoo Xiinjiree
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Xiinjireen dameewwan xixiqqoo hedduutti qoodama. Dameewwan kunniin bifa jireenyaa adda addaa ykn akkaataa itti qo'atan irratti hundaa'u. Isaan keessaa muraasni:
- Hirqaama (Anatomy): Qo'annoo caasaa fi gurmaa’ina qaama lubbu-qabeeyyii.
- Keemistrii lubbuu (Biochemistry): Adeemsa keemikaalaa lubbu qabeeyyii keessaa fi isaan waliin walqabatu qorata.
- Xiinbiqila ykn Bamnooqila (Botany): Qo'annoo waa'ee biqiltootaa.
- Qor-lubbiyyoo (Cytology): Qo'annoo waa’ee caasaalee fi dalagaalee lubbiyyoo (seelii).
- Xiinaannoo (Ecology): Qo'annoo hariiroo lubbu-qabeeyyiin naannoo isaanii waliin qaban.
- Xiindhaala (Genetics): Qo'annoo waa’ee dhaalmayaafi garaagarummaa lubbu-qabeeyyii gidduu jiru.
- Qor-madinummaa (Immunology): Sirna ittisa qaamaa (madinummaa) fi deebii inni wantoota alagaa irratti kennu qorata.
- Xiinimii (Microbiology): Qo'annoo waa'ee micirjirtoota xixiqqoo (baakteeriyaa, vaayirasii, fangasii).
- Xiinribee (Neuroscience): Qo'annoo waa'ee caasaa fi dalagaa sirna ribee (aarsituu).
- Dhakkalxii (Paleontology): Qo'annoo waa'ee lafeelee fi hambaa durii (fossils) irraa ka'uun jireenya bara durii xiinxala.
- Xiinqaama (Physiology): Qo'annoo dalagaa qaama lubbuu qabeeyyii.
- Ramaddamee (Taxonomy): Qo'annoo waa’ee ramaddii fi maqa-moggaasa lubbu-qabeeyyii.
- Xiinneefka (Zoology): Qo'annoo waa’ee bineeldotaa.
Dameewwan Hojii Irra Oolan
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Xiingogaa (Dermatology): Qo'annoo gogaa fi dhukkuboota isaa.
- Xiindhiiga (Hematology): Qo'annoo dhiigaa fi dhibee dhiigaa.
- Qor-ilbiisa (Entomology): Qo'annoo waa’ee ilbiisotaa.
- Xiinallaattii (Ornithology): Qo'annoo waa'ee allaattiiwwanii.
- Xiimmaxxantuu ykn Qorkankareettii (Parasitology): Qo'annoo waa'ee maxxantootaa (parasites).
- Xiinqorichaa (Pharmacology): Qo'annoo dhiibbaa fi mala qorichi sirna baayoloojii irratti qabu.
Gahee fi Fayidaa Xiinjiree
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Xiinjireen jireenya ilma namaa guyyuu keessatti iddoo guddaa qaba.
- Yaala Fayyaa: Dhukkuboota hubachuu, qoricha kalaquu, fi ittisa dhukkubootaa irratti gumaacha guddaa qaba.
- Qonna: Midhaan gaarii filachuu, sanyii fooyyessuu, fi oomisha beeladaa guddisuuf ni gargaara.
- Eegumsa Naannoo: Madaallii sirna ikoo (ecosystem) eeguu, sanyii dhabamuuf jedhan baraaruu, fi faalama naannoo hir'isuuf barbaachisaadha.
- Warshaa fi Teeknooloojii: Baayoteeknooloojiin fayyadamuun nyaata, qoricha, fi boba'aa oomishuuf gargaara.