Jump to content

Xiinjiree

Wikipedia irraa

Xinjiree ykn Baayoloojiin saayinsii waa’ee lubbu-qabeeyyii adda addaa qo’atu dha. Xiinjirituun namoota waa’ee lubbu-qabeeyyii qo’atanii dha. Lubbu-qabeeyyiin micirjirtoonni baay’ee xixiqqoo kanneenakka baakteeriyaa irraa hanga micirjirtoonni baay’eeguddaa kanneen akka weeliitti jiru

Dameewwan Baayoloojii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Damee Xiinjiree Afaan Ingiliziin Damee Xiinjiree Afaan Oromoon Ibsa
Anatomy Hirqaama Qo'annoo caasaa fi gurmaa’ina micirjirtootaa.
Biochemistry Keemistrii lubbuu Adeemsa keemikaalaa lubbu qabeeyyii keessaa fi isaan waliin walqabatu ni qorata.
Biogeography Lafxii jiree Raabsa sanyiiwwanii fi sirnannoo naannoo teessuma lafaa keessatti qorata.
Biophysics Fiiziksii lubbuu Sirna baayoloojii hubachuuf seera bu’uuraa fiiziksii hojiirra ni oolchuudha.
Botany Xiinbiqila ykn bamnooqila Waa’ee biqiltootaa kan qo’atu dha
Cytology Qor-lubbiyyoo Waa’ee caasaalee fi dalagaalee seelii kan qo’atu dha
Dermatology Xiingogaa qo'annoo gogaa fi dhukkuboota isaa
Ecology Xiinaannoo Hariiroo bineeldonnii fi biqiltoonni naannoo isaanii waliin qaban kan qo’atudha.
Entomology Qor-ilbiisa Waa’ee ilbiisootaa kan qo’atu dha
Ethology Qo'annoo amalneefka Amala bineensotaa naannoo uumamaa keessatti qorata.
Evolution Jijjiirama suutawaa  adeemsa sanyiin lubbu-qabeeyyii hundi garee sanyii lubbu-qabeeyyii jalqaba lafarratti uumaman iirraa ka'uun walirraa uumamaa deemanii dha.     
Genetics Xiindhaala waa’ee dhaalmayaafi garaagarummaa micirjirtoota gidduu jiru qo’atuu dha
Hematology Xiindhiiga qo'annoo dhibee dhiigaa fi dhiigaa
Immunology Qor-madinummaa Sirna ittisa qaamaa fi deebii inni wantoota alagaa irratti kennu qorata.
Microbiology Xiinimii waa'ee micirjirtoota maaykirooskoopii kanneen akka baakteeriyaa, vaayirasii fi fangasii qorata.
Neuroscience Xiinribee waa'ee Caasaa fi dalagaa sirna ribee ykn aarsituu qorata.
Ornithology Xiinallaattii Waa'ee allaattii qo'ata
Paleontology dhakkalxii
Parasitology Qorkankareettii(Xiimmaxxantuu) Waa'ee micirjirtoota micirjirtii (keessummeessituu) biraa irratti ykn keessa jiraataniifi baasii keessummeessituutiin fayyadamoo ta’an qorata.
Pharmacology Xiinqorichaa dhiibbaa fi mala qorichi sirna baayoloojii irratti qabu qorata.
Physiology Xiinqaama Dalagaa qaama lubbuu qabeeyyii kan qo’atu dha
Taxonomy Ramaddamee Waa’ee ramaddii micirjirtootaa kan qo’atu dha
Zology Xiinneefka Waa’ee bineeldotaa kan qo’atu dha

Ka’umsa Jecha “Baayooloojii” jedhu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jechi baayoloojii jedhu osoo hin madaqfamin dura jechoonni biroo qorannoo biqiltootaa fi bineensotaa ibsan turan. Fakkeenyaaf, jechi Seenaa Uumamaa jedhu bineensota, biqiltoota, fangasii fi bifa lubbu qabeeyyii biroo naannoo uumamaa isaanii keessa jiran ibsuuf itti fayyadamaa ture.Kana malees, dirree qorannoo yaalii osoo hin taane kan ilaalchaa ture. Kanaaf, namni seenaa uumamaa qoratu hayyuu seenaa uumamaa ykn ogeessa uumamaa jedhamee waama. Jechoonni biroo baayoloojii dura dhufan Xiinamantaa Uumamaa fi falaasama Uumamaa kan dabalatu ture.Jechi “Biology”, hiika ammayyaatiin, Michael Christoph Hanow bara 1766 ibsame. Haa ta’u malee, of danda’ee yeroo afur dabalataan hojiiwwan Thomas Beddoes (1799), Karl Friedrich Burdach (1800), Gottfried tiin jalqabame Reinhold Treviranus (1802) fi Jean-Baptiste Lamarck (1802) jedhaman.