Sammuu namaa
| 'Cerebrum' | |
|
Ilaalcha sammuu namaa gara gadiitiin, kan kutaa gurguddoo agarsiisu. | |
| Ibsa Ijoo | |
|---|---|
| Iddoo Argamaa | Qaawwa Buqqee Mataa keessatti |
| Sirna Qaamaa | Sirna Aarsituu Wiirtuu |
| Caasaa fi Guddina | |
| Caasaa | Uqqubunnee, Surrerqaa, Hundee Sammuu, kkf. |
| Hojii | |
| Hojii Ijoo | Wiirtuu too'annaa qaamaa, yaadaa, miiraa, fi hubannoo |
| Dhiiga, Ribuu, fi Dhuyyaa | |
| Ujummoo Dhiggeessituu | Ujummoo dhiigaa karootidii keessoo, Ujummoo dhiigaa verteebiraalii |
| Ujummoo Dhigdeebistuu | Ujummoo dhiigaa jagulaarii keessoo |
| Ribuu | Aarsituuwwan Buqqee Mataa (I-XII) |
| Yaada Yaalii | |
| Koodii Addunyaa | |
Sammuun ykn Surriin ilma namaa, qaama qaama keenyaa keessaa isa hundee fi baay'ee lallaafaadha. Akka wiirtuu too'annaa (command center) qaamaatti tajaajila. Hojiiwwan qaama keenya hunda, kanneen akka yaaduu, barachuu, yaadachuu, miira dhagayuu, sochii qaamaa, akkasumas dalagaalee lubbuudhaaf barbaachisoo ta'an kanneen akka hargansuu, dhahannaa onnee fi dhiibbaa dhiigaa to'ata. Akka qaama Sirna Aarsituu Wiirtuu (SAW) ykn Central Nervous System (CNS) guddichaatti, sammuun odeeffannoo qaama keessaa fi alaa dhufu walitti qaba, hiika itti kenna, akkasumas deebii barbaachisaa ta'e kennuudhaan dalagaa qaamaa guutuu qindeessee geggeessa. Qaamni keenya hedduun isaa ajaja sammuutti haajama; ijji argitu, gurri dhagahu, funyaan fuunfatu, arrabni dhandhamu fi gogaan tuquun odeeffannoo walitti qabame sammuudhaan hiika argata.
Sammuun nama ga'aa tokkoo haga kiloograama 1.5 ulfaata. Ulfaatinni isaa kunis ulfaatina qaama keenyaa keessaa dhibbantaa lama qofa ta’a. Haa ta’u malee, anniisaa qaamni keenya fayyadamu keessaa anniisaa dhibbantaa 20 ta’u sammutu fayyadama. Akkasumas, oksijiinii qaamni keenya argatu keessaa, dhibbantaa 25 waan ta’u kan fudhatu sammuu keenya. Oksijiiniin daqiiqaa muraasaaf qofa osoo sammuu irraa dhaabbatee, sammuun keenya guutumaan guututti dalagaa dhaabuun miidhaa cimaa geessisa.
Caasaalee Sammuu Ijoo fi Hojiiwwan Isaanii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Sammuun akka waliigalaatti bakka gurguddaa sadihitti qoodama:
- Duree Sammmuu (Forebrain): Kutaa sammuu isa guddaa fi dalagaalee yaadaa fi hubannoo olaanaa to'atu.
- Gidduu Sammuu (Midbrain): Kutaa gidduu jiruu fi odeeffannoo kutaa adda addaa gidduutti dabarsu.
- Duubee Sammuu (Hindbrain): Kutaa sammuu isa duubaa fi gadiitti argamuudha, dalagaalee lubbuudhaaf barbaachisoo ta'an tokko tokko too'ata.
Qaamman sammuu kanniin keessaa kan jiruu ilma namaa keessatti qooda guddaa qaban baay'eetu jiru, garuu isaan ijoon beekamoo ta'an muraasni isaan kana keessaa argamu:
Uqqubunnee (Cerebrum)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Uqqubunneen kutaa sammuu keessaa isa guddaadha. Ulfaatina sammuu keenyaa keessaa, dhibbantaa 85 kan ta’us qaama uqqubunnee kana. Dalagaalee yaadaa, hubannoo, yaadannoo, dubbii fi sochii fedhii keenyaan ta'u isatu to'ata. Uqqubunneen gamlamoo sammuu (cerebral hemispheres) lama (mirgaa fi bitaa) kanneen hidhaa yabbuu haanxaa aarsituun nafjabaa (Corpus Callosum) jedhamuun walitti hidhaman of keessaa qaba. Uqqubunneen kutaa ykn Nyaabbaan (Lobes) afuritti qoodama, tokkoon tokkoonsaanii dalagaa addaa qabu:
- Nyaabba Kallachee (Frontal Lobe): Kutaa isa fuulduraa ti. Karoora baasuu, rakkoo furuu, murtee kennuu, amala, dubbii (sagalee baasuu), fi sochii maashaa too'achuu wajjin wal qabata.
- Nyaabba Gaanfe (Parietal Lobe): Odeeffannoo miiraa (akka tuqaa, dhukkubbii, ho'aa, qorraa) simachuu fi hiikuu, akkasumas hubannoo soroobinaa (spatial awareness) fi qindoomina wajjin wal qabata.
- Nyaabba Qolee (Occipital Lobe): Kutaa isa duubaa ti. Dalagaa inni ijoon odeeffannoo ijaa irraa dhufu (akka bifa, halluu, sochii) adeemsisuu fi hiikuudha.
- Nyaabba Maddii (Temporal Lobe): Kutaa cinaacha mataatti argama. Hubannoo sagalee (dhageettii), yaadannoo (memory), hubannoo dubbii (language comprehension), fi miira (emotions) wajjin wal qabata.
Uqqubunneen gosa tishuu narvii lama of keessaa qaba: Qaama Xiilloo (Grey Matter) fi Qaama Adii (White Matter). Qaamni Xiilloon irra caalaa dhagnoota lubbiyyoo niwuroonii (cell bodies) of keessaa qaba, dalagaalee yaadaa hedduun bakka kanatti adeemu. Qaamni Adiin immoo ulee narvii (axons) kan baqqaana maayiliiniitiin (myelin sheath) uwwifame of keessaa qaba, kunis odeeffannoo saffisaan dabarsuuf gargaara. Kutaan uqqubunnee alaa Qaamtuu Sammuu (Cerebral Cortex) jedhama, innis garmalee korboodha.
Sirna Handaaroo fi Qaamolee Biroo
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Diinqarrii (Thalamus): Akka wiirtuu odeeffannoo miiraa (fuunfannaa malee) gara uqqubunneetti dabarsuutti tajaajila. Akkasumas too'annaa sochii fi dammaqaa wajjin wal qabata.
- Jaldiinqarrii (Hypothalamus): Kutaa sammuu xiqqaa fi barbaachisaa ta’ee fi sirritti diinqarrii jalatti argama. Dalagaalee lubbuudhaaf murteessoo ta'an kanneen akka too'annaa ho'a qaamaa, beela, dheebota, fi wal qunnamtii sirna aarsituu fi sirna hoormoonii to'ata.
- Sirna Handaaroo (Limbic System): Sirni kun naannoo sammuu duraa keessatti argama. Irra caalaa yaadannoo (memory), miira (emotion) fi kaka'umsa (motivation) wajjin wal qabata. Qaamman isaa beekamoo ta'an keessaa tokko tokko: Hippokampasii (Hippocampus) (yaadannoo uumuuf), fi Amiigdalaa (Amygdala) (miira, keessattuu sodaa fi aarii too'achuuf) fa'a dha.
Hundee Sammuu (Brainstem) fi Surrerqaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Hundee Sammuun qaama sammuu lafee dugdaatti aanee jiru yoo ta'u, kutaa Sammuu Jidduu (Midbrain), Nooree (Pons) fi Hangullaa Diriiraa (Medulla Oblongata) of keessaa qaba. Dalagaaleen hundee sammuu dalagaalee lubbuudhaaf murteessoo ta'an kanneen akka hargansuu, dhahannaa onnee, fi dhiibbaa dhiigaa too'atu. Nooreen akka hidhaa odeeffannoo dabarsuutti tajaajila. Hangullaan Diriiraan dalagaalee too’annaa keenyaan ala jiran kanneen akka dhahannaa onnee, hargansuu, fi liqimsuu too’ata.
Surrerqaan (Cerebellum) sammuu duubaa fi gadiitti argama. Maqaa sammuu xiqqoo (little brain) jedhamuunis ni waamama. Dalagaan isaa inni guddaan sosochii qaama keenyaatii fi madaala (balance) qaama keenyaa sirreessuu fi qindeessuudha. Akkasumas barumsa sochii wajjin wal qabate keessatti ni hirmaata.
Niwuroonii fi Wal Qunnamtii Isaanii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Sammuun keenya lubbiyyooleen aarsituu ykn niwuroonii (Neurons) biiliyoonaan laakkawaman qaba. Niwuroononni kun lubbiyyoo odeeffannoo elektirikii fi kemikaalaa gargaarsaan dhaamsa dabarsu. Tokkoon tokkoon niwuroonii dhagna lubbiyyoo (cell body), miigoo (dendrites) kan dhaamsa simatan, fi ulee narvii ykn haanxaa aarsituu (axon) kan dhaamsa gara niwuroonii biraatti dabarsu qaba. Bakka niwuroononni wal qunnaman qabsiistuu ykn walidhii (Synapse) jedhama, bakka kanatti dhaamsi gara niwuroonii itti aanutti dabra. Adeemsi kun hundee dalagaa sammuuti. Fakkeenyaaf, harka sochoosuu yoo barbaanne, sammuun keenya dhaamsa aarsituu gargaarsaan gara maashaa harkaa erga, maashaanis ni socho'a.
Eegumsa Sammuu
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Sammuun qaama baay'ee lallaafaa waan ta'eef, eegumsa addaa qaba. Eegumsi kunis sadarkaa sadihitti ta'a:
- Buqqee Mataa ykn Qadaada Sammuu (Skull/Cranium): Sammuun lafee mataa jabaa, lafee adda addaa 22 irraa ijaarame keessaa kan marfame yoo ta’u, kunis eegumsa cimaa miidhaa qaamaa irraa kennuuf gargaara.
- Uwwisurrii Aloo (Meninges): Baqqaana haphii sadihitti qoodamuu fi buqqee mataatiifi sammuu gidduutti argamuudha: Uwwisurrii Jabee (Dura Mater - alaa fi jabaa), Sabaga Sam'ee (Arachnoid Mater - gidduu fi akka saphuuphee), fi Uwwisurrii Laafaa (Pia Mater - keessaa fi sammuutti maxxanu).
- Yaatoo Miqiqqiroosammuu (Cerebrospinal Fluid - CSF): Dhangala’aa qulqulluu fi qaawwan sammuu keessaa (ventricles) fi buqqee sammuu gadiitti naanna’u dha. Dalagaan CSF inni ijoon sammuuf akka Ittistuu (Cushioning) ta'ee hojjechuu, miidhaa tasaa irraa eeguu fi Humna Oloolkee (Buoyancy) kennuu dha.
Guddina fi Pilaastisitummaa Sammuu
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Ilmi namaa gaafa dhalatu irraa kaasee lubbiyyooleen aarsituu heddu qaba. Haa ta’u malee yeroo daa’imni dhalatu sanitti hidhataaleen (connections/synapses) hundi guutuu miti. Adaduma daa’imni guddatu, baratu, fi muuxannoo argatuun, hidhataaleen niwuroonii gidduu jiran ni cimu, ni haaressu, ykn ni haareffamu. Adeemsi kun Pilaastisitummaa Sammuu (Brain Plasticity) jedhama. Kunis sammuun jireenya keenya guutuu of jijjiiruu fi haala mijeessuu akka danda'u agarsiisa. Dalagaan sammuu dargaggummaa fi ga'eessummaatti illee ni fooyya'uu fi ni dabalama, keessattuu naannoowwan akka Nyaabba Kallachee (Frontal Lobe) kanneen dalagaalee olaanaa too'atan.