Jump to content

Narvii

Wikipedia irraa

Narviin ykn Ribeen ykn Aarsituun caasaa qaama keessaa haada fakkaatu yoo ta’u, kaka’umsa aarsituu kan odeeffannoo kutaa qaamaa tokko irraa gara kutaa qaamaa biraatti dabarsuudhaaf qophaa’eedha. Aarsituun idilee hanxaa(fibre) baay’ee kan ta’ee fi marsaa baqqaana tishuu fi cooma irratti kan marfame yoo ta’u, qaama guutuu keessatti kan diriirudha. aarsituuwwan kun odeeffannoo Hanxaa Aarsituun ykn aksooniitiin gara qaamolee birootti dabarsu. Isaan kunniin wantoota bu’uuraa aarsituu tokko uumuudha.aarsituun qaama sirna aarsituu ti. Isaanis adda durummaan to’annoo fi qindoomina kutaalee qaamaa hunda irratti hirmaatu.

Caasalee Aarsituu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

aarsituun qaamolee sirna aarsituu naannoo (peripheral nervous system) uumuudha. Innis caasaa haada fakkaatu kan hanxaa aarsitu  (aksoonii jedhamanis) hedduu kan baqqaana tishuu fi coomatiin marfame of keessaa qaba. Aksooniin naannoo isaatti  baqaaana tishuu walqabsiistuu qaba. Tishuun walqabsiistuu kun endoneurium jedhama. aarsituun kun guutuun daran baqqaana tishuu walqabsiistuu kan biraa kan epineurium jedhamu keessatti marfamee jira.

Caasaan aarsituu akka armaan gadiitti ibsameera:

Gareen niwuroonotaa aarsituu keessaa maraa ta’anii gurmaa’u. maraan kun hanqaara (faascicles) jedhamuun beekama.Perineurium tokkoon tokkoon hanqaari marsee walitti qaba.Niwuroonotaa fi ujummoon dhiigaa faashikilii keessaa tishuu walqabsiisaa laaftuu endoneurium jedhamuun beekamuun qabamu. Fuula alaa aarsituu walitti haguugee walitti qaba.Arteriin fi ujummoon dhiigaa hanqaaa gidduutti argamu. Ujummoon dhiigaa kun soorataa fi gaazota niwuroonota faashikilii keessa jiraniif dhiyeessu.

Gosoota Aarsituu ykn Narvii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Qaama namaa keessatti aarsituun gosa sadii kan jiru yoo ta’u isaanis hojii isaanii irratti hundaa’uun ramadama. Isaanis aarsituu miiraa, aarsituu sochii fi aarsituu makaa ti.

Aarsituu Miiraa(Sensory Nerves)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kunis aarsituu qaama miiraa irraa gara sammuu ykn miqiqqiriittii (spainal cord) ergaa dabarsaniidha. Isaan kun bifa maraa akka caasaa ykn hanxaa aarsituu sirna aarsituu naannootti marfamanii jiru. Odeeffannoo SAM( Sirna Aarsituu Moggaa ) irraa gara SAW( Sirna Aarsituu Wiirtuu ) geessu.

Aarsituu Sochii (Motor Nerves)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

aarsituun sochii aarsituu ergaawwan bifa deebii sammuu ykn miqiqirii(spinal cord) irraa gara kutaalee qaamaa biroo kan akka maashaalee fi ujummooleetti geessudha. Odeeffannoo SAW( Sirna Aarsituu Wiirtuu ) irraa gara SAM( Sirna Aarsituu Moggaa ) geessuuf itti gaafatamummaa qabu.

Aarsituu Makaa (Mixed Nerves)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

aarsituun makaa aarsituu gocha aarsituu miiraa akkasumas aarsituu sochii qaamaa raawwataniidha. Isaanis elektirikii sirna aarsituu wirtuu irraa gara maashaalee qaamaatti jijjiiru. Walumaagalatti aarsituun makaan saffisa sekondii tokkotti meetira 120 ykn sa’aatii tokkotti kiiloo meetira 432n dhikiffanaa dabarsu.

Dalagaa Aarsituu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dalagaan jalqabaa narvii dhikiffannaa elektirookeemikaalaa geggeessuu fi odeeffannoo dabarsuu. dhikkifanawwan kun niwuroonota dhuunfaa narvicha uumuun kan baatamanidha.

dhikifannawwan kun Lubbiyyaarsituun(neuron) tokko irraa gara niwurooni ykn lubbiyyaarsituu biraatti kan imalan qabsiistuu lubbiyyaarsituu(synapse) qaxxaamuruudhaani. Ergaawwan kunneen elektirikii irraa gara keemikaalaatti jijjiiramuun gara elektirikii deebi'u.

Narviin miiraa odeeffannoo  dhaamsa geessituu irraa gara sirna narvii wiirtuutti bakka odeeffannoon sun itti adeemsifamuutti geessu.

Narviin sochii qaamaa ammoo odeeffannoo sirna narvii giddugaleessaa irraa gara maashaalee geessu.

https://byjus.com/biology/nerves/ Marsaarittii Barnootaa byjus irraa kan fudhatameedha