Sirna Dhuyyaa

Wikipedia irraa
Sirna dhuyyaa namaa

Hoosiftoota keessatti, sirni dhuyyaa toora ujummoolee haphii kanneen akkuma ujummoo dhiigaa, gara tishuuwwan qaama guutuu keessatti damee ta'aniidha. Qaama sirna madiinummaa ti . Sirna karaa tokkoo kan lubbiyyoo fi dhangala’aa gara sirna dhiigaatti deebisudha.

Ujummoon dhuyyaa dhuyya, dhangala’aa halluu hin qabnee fi bishaan fakkaatuu fi lubbiyyoo dhiiga adii qabatu . Dhangala’aa keeslubbiyyoo tishuu keessa jiru irraa kan dhufu yoo ta’u kunis ujummoo dhiigaa keessaa cuunfamee ba’a. Sirni dhuyyaa lubbiyyoo infekshiniin lolan madhuyya(limfoosaayitii) jedhaman geejjiba, akkasumas faagosaayitiidhaan wantoota alagaa fi caccabaa lubbiyyoo balleessuu keessatti hirmaata. Hojiin inni lammaffaan cooma marrimaan xiqqaa irraa gara dhiigaatti geessuudha .

Dhangala'aan dhuyyaa tishuuwwan irraa walitti qabamee gara dhuyyama dhuyyaa huutuu ta'etti seena . huuttun kunniin dhuyyaan karaa sirrii ta’een akka yaa’u mirkaneessu. Karaa gara sirna dhiigaatti deebi'u, dhuyyaan xannachoota gonanaa(lymph node) jedhaman keessa darba, bakka akka dugda mormaa, boobaa fi mudaammuddiitti(groin) argama. dhuyyaan naannoo kutaa qaamaa dhukkuba kanaan qabame tokkotti dhiita’a. Kunis infekshinichi ykn bacawwii akka hin babal’anneef hojjeta. dhukkubfiddota gara marsaa dhiigaa waliigalaa keessa akka hin seenne fi kutaalee qaamaa biroo akka hin geenye ni dhorka ykn ni hir’isa.

dhuyyaan sirna dhiigaa keessatti deebi'ee xumurama. Hoosiftoota haala idilee ta’an keessatti, dhuyyaan harki caalaan isaa karaa qunnamtii dhuyyaa ujummoolee dhiiga deebistuu (lymph-vein) bu’uura mormaa irratti argamuun gara dhiigaatti deebi’a. Bineeldootni lafee dugdaa qaban tokko tokko sirna dhuyyaa walxaxaa ta’e qabu. fakkeenyaaf lafbisheewwan dhangala'aa dhuyyaa to'achuuf,"onnee dhuyyaa" hedduu qabu.

Wabiiwwan[gulaali | lakkaddaa gulaali]