Dagal-hareeyyii

Wikipedia irraa
Dagal-hareeyyii

Dagal-hareeyyiin (Afaan ingiliiziin: Amphibian )bineeldota lafee qabeeyyii yeroo jalqabaaf bishaan keessaa gara lafaatti madaqanii jireenya lafarraa eegalaniidha. Amaloota Dagal-hareeyyiin ittiin beekaman kanneen armaan gadiiti. Bishaan keessaafi lafa irra jiraatu. Gogaan isaani iskeelii hin qabu. Qaamni hargansuu isaanii hafurkaanuun(giilii), sombaafi gogaa jiidhina qabuudha. Sadarkaa jiisaa yookaan taadipooliitti bishaan keessa jiraachuun hafurkaanuunan (giiliin) harganu. Onnee goloota sadiitti (go'aa(orikilii) lamaafi Dhoqonnee laataa(ventirikii)tokko) qoodame qabu. Ektootarmootadha. Walhormaata gaggeessuuf Dagal-hareeyyiin gara bishaaniitti deebi’u. Dagal-hareeyyiin akkuma qurxummiilee Walfudhanna sanyii qaaman alaa gaggeessu. Dhalaan isaanii hanqaaquu bishaan keessatti buusti. Kormaanis sanyii kormaa bishaan keessatti gad-lakkisuun hanqaaquu waliin walfudhata. Walfudhanna sanyiin booda, micireen uumame gara jiisaatti jijjiirama. Fakkeenyi Dagal-hareeyyootaa kanneen akka fattee, raachaafi kan kana fakkaataniidha