Jump to content

Tushaaleeyyii

Wikipedia irraa
(Lafee qabeeyyii irra kan qajeele)
Qurxummilee Lawwee dachaa jedhamuun beekkaman kanneen Tushaa dugdaa qaban garuu dugugguruu hin qabne

Tushaaleeyyiin ykn Nafturboon (maqaa saayinsii: Chordata) gosa bineensotaa sadarkaa miciree keessatti yoo xiqqaate

marsaa jireenya isaanii keessaa altokkoof tushaa duugdaa (notochord), tushaa narvii dugda duubaa qaawwa qabu, dhadhoha qoonqoo, boca keessoo fi eegee hudduun  boodaa akka qaban ibsamaniidha.Koordeetonnis walfakkaatoo garlamee(bilaterally symmetric), holqa qaamaa(coelem) kan qaban, sirna marsaa dhiigaa kan qaban yoo ta’u, qoqqoodinsa meetaameerii kan agarsiisan dha.

Amaloota Tushaaleeyyii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Tushaa duugdaa (notochord)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Tushaa duugdaa ulee salphaatti  dadacha'u bifa qaama ujummoo fakkattuu ta'ee fi micireen tushaaleeyyii hunda keessatti argamu yoo ta'u, lubbiyyoo mesoderm irraa argame kan of keessaa qabu yoo ta'u, bakki isaa miciree keessatti murteessaa dha, tushaaleeyyiin tokko tokko keessatti tushaan duugdaa umurii guutuu itti fufa , yeroo baay’ee keessatti tushaan duugdaa gara lafee dugdaatti  jijjiirama.

Tushaa Ribee dugdaa (Dorsal Nerve Cord)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Tushaan ribee dugda  tushaa dugdaa malee amala miciree addaa tushaaleeyyitii ti. Tushaan ribee dugda  Tushaa dugdaa qaawwa qabuudha. Innis kutaa ektoodermii maraa kan of keessaa qabu yoo ta'u, ujummoo qaawwa qabu kan uumu yoo ta'u, murna bineensota biroo holqa garaa jabaa qabaniin wal bira qabamee yoo ilaalamu. Narviin dugda duubaa lafee dugdaa keessatti gara sirna narvii giddugaleessaa sammuu fi lafee dugda of keessaa qabuutti jijjiirama. Tushaan narvii dugda irra caalaa cita murnaa dugugguruu qabeeyyii keessatti argama.

Dhadhooha qoonqoo (Pharyngeal Slit)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dhadhooha qoonqoo qaamolee calaltuu nyaatanii fi tushaaleeyyii lafee dugdaa keessatti argamaniidha. Dhadhooha qoonqoo jechuun banaa irra deddeebi’amee mul’atu kan karaa dilboo qonqoo (pharynx caudal) gara afaanitti mul’atudha. Bakka kanaan bishaan afaan keessaa fi Dhadhooha qoonqoo keessaa akka bahu ni hayyamu.

Dabalataan Amaloota Armaan gadii qabuu

Qaama Walfakkatoo garlamee, Baqaansadee, holqa qaamaa fi Qaama qoqodamoo qabu.

saxaxa qaamaa walxaxaa fi garaagarummaa gaarii kan qabudha.

Qaamni sadarkaa gurmaa’ina sirna qaamaa qaba.

Rammaddii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Murna tushaaleeyyiin cita muraa sadiitti qodama, isaanis

Urookoordaataa (firfira galaanaa),

Seephalochordata (Mattushaaleeyyii)

Vertebrata (dugugguruu qabeeyyii).

Urookoordaataa (firfira galaanaa)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Biifaa galaanaa

Firfira Galaanaa ykn Biifaan Galaanaa (maqaa saayinsii: Tunicate) bineensa galaanaa bifa qaruuraa qabuudha. Jireenya isaa wanta dhaabbataa garba jala jiru tokkotti maxxanee dabarsa. Firfirsi galaanaa maqaa garee bineensota galaanaa tunicates jedhamaniis kan waamaman yoo ta'u, bineensonni kun amala banaa qaama isaanii keessaa tokkoon bishaan facaasuu ykn firfirsuun beekamu.Ga'eessotni firfira galaanaa  qaama gogaa qaruuraa fakkaatu qabu.Isaan dabarsu jireenya isaanii kan hafe erga dargaggummaa booda dhagaa, oysters fi wantoota dhaabbataa biroo tokko tokkotti maxxanuudhaan. firfri galaanaa tokko tokko walitti qabamee waliin kan jiraata, bineensi gaʼeessonni kun nyaata isaa bishaan gara ujummoo bullaaʼinsa nyaataa isaatti xuuxu irraa karaa banaa qaamaa lamaan keessaa tokkoon kan argatu siʼa taʼu. Akkasumas boolla biraa saayifoonii alaa jedhamu irraa bishaan biifa. Biifaan galaanaa osoo guutummaatti hin guddatin sadarkaa Jiisaa keessa darba. Jiisaan kun ilmoo hantuutaa fakkaata, naannoo isaa dhiyootti daakuu ni danda'a.Jiisaan kun Tushaa dugdaa kan hanga dhuma eegeetti diriiru qaba. Jiisaan kun guyyoota muraasa keessatti bifa hantuuta jalqabaa dhabee gara lafa garbaa qubata, osoo gara bifa ga’eessotaatti hin guddatin dura.

Seephalochordata (Mattushaaleeyyii)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Lawwee dachaa

Mattushaaleyyiin (maqaa saayinsii: Cephalochordata) murna xiqqaa tushaaleeyyii yoo ta'u, argama notookoordiitiin kan murtaa'u yoo ta'u, irra caalaa galaana ammayyaa keessa jiraata. murnii xiqqaan kun murna pirootokordeetii ykn tushaaleyyii duree barbaachisoo ta’an keessaa tokko ta’ee fudhatama, sababiin isaas miseensonni isaa amala addaa kordeetii

agarsiisuu fi bineensota galaanaa lubbuu qaban kan hammatu yoo ta’u, fakkeenyi isaa lawwee dachaa (maqaa saayinsii: Amphioxus) dha.

Vertebrata (dugugguruu qabeeyyii)[gulaali | lakkaddaa gulaali]

dugugguruu qabeeyyii jechuun bineelda dugugguruu ykn miqiqqirii(spinal cord) isaa kan morgaan ykn lafeen marfameedha. Bineensonni lafee dugdaa hin taane lafee dugdaa hin qabne jedhamu. Bineensonni dugugguruu qabeeyyii Allattiwwan, qurxummii, dhagalhareeyyii, munyuqeewwan fi hoosistoota of keessatti qabatu. Kutaaleen iskeeleetanii ykn donkoo dugugguruu qabeeyyii kanneen akka:

Buqqee mataa: Buqeen mataa  sammuu balaa ni eega.

Lafee dugdaa: Lafee dugdaa gabaabaa fi jajjaboo ta’an walduraa duubaan walitti makamuun adda baafamu. Lafeen dugdaa keessoo kun miqiqqiriibalaarra ni eega. Buusaawwan lafee dugdaa gidduu jiru lafee dugdaa akka dadacha'u taasisa.

Lafeen: tishuuwwan lallaafaa qaamaa kan deeggaru fi kan eegu yoo ta’u, qabxiiwwan maashaaleen itti maxxanan ni kenna.