Ooksijiinii

From Wikipedia
Jump to: navigation, search

Saayinsii keessatti, ooksijiiniin elementii keemikaala yoo ta'u mallattoo kemikala O qaba; lakkoofsi atamii ooksijiinii 8. Maqaan ooksijiinii jedhamu kuni jecha Afaan Giriik lama irraa dhufe, kunis oxys - asidii fi -genēs - midhagsa jedhamaan irraa dhufee. Gara jalqabaa jaarraa 18ffa irratti, Oontuwaan Laavoziyeen(Antoine Lavoisier), maqaa ooksijiinii, burqaa lameen Afaan Giriik olitti ibsamaan irratti hunda'udhaan maqaa kana baseef. Kunis ooksijiiniin waan asidii hundumaa keessatti argaman se'eet. Ergaa suniin bodaa garuu hikaan asidii jijjiramerra. Ooksijiiniin vaalensii 2 qaba. Lafa irratti ooksijiiniin kunii elementota biraa wajjin kovalentiin yokan ionikiin walitti-qabame argama. Fakkenii kompawondoota ooksijiinii of keessaa qaban bishaan (H2O), biyyee (silica, SiO2), fi sibila dammeessa'aa (iron oxide, Fe2O3).

Ooksijiiniin diatomic (O2) ta'e kunii kutaa qilleensaa guggudo lameen keessaa tokko dha. Kunii immoo yeroo footosinteesisii(photosynthesis) biqiltootaan yoo bafamuu, bineensottaf immo aerobic respiration keessatti isaa barbaduu. Kunii immo Anaerobic organismsiif waan hamaa yoo ta'u lubbu qabatotta yeroo duraaf jiraachaa turaanin akka kosii (waste) hamaa bafamaa ture.

Ooksijiiniin triatomic (ozone, O3) ta'ee kuni raadiyeeshinii kessaan kan umamuu yoo ta'u kunis kutaa atmosferaa gubbatti umama, kunis raadiyeeshinii Altiraavaayoleetii (UV radiation) nurra dhowwuun nu qarqara.