Bishaan

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Bishaan

Bishaan keemikaala beekkamaa ta'e kan lubbu qabeeyyii gosa hundaaf barbaachisaa ta'e dha.[1] Maqaan bishaan jedhuu kan kan fayyadamu gosa bishaan kan dhangala'aa ta'e yokan akkatta isaa dhangala'oo ta'eef. Haa ta'u malee bishaan akkatta jajjaboo(solid) - Cabbii fi akkatta gaazitiin immo hurkaa bishaaniitti jiraachuu ni danda'a. Hamami bishaan hanga teratonnes 1,460 ta'u fulla lafa hanga parsentii 71% ta'u qabata, kan keessaa immo parsentiin 1.6% ta'u lafa jalaa (aquifer) keessatti argama, parsentiin 0.001% ta'u immo qilleensa keessatti akka hurkaa, duumessaa fi Walit-qabama ta'e argama.[2] Bishaan galaana yookan garba keessatti argamu parsentii 97% bishaan fulla lafa yoo qabatuu, cabbiin fixee kaabaa fi kibbaatti argamu parsentii 2.4% fi gossi bishaan lafa kan birra akka lagaa fi haroo immo parsentii 0.025% qabatuu.

Bishaan gosaa fi akkataa kaneen keessa ta'e Marsaa Bishanii keessa Hurkuu fi Ademaa, Walit-qabama, fi ce'aa kan yeroo baayyee hanga galaana dhaqabuu ta'e ademaa. Bubeen hurkaa bishaan lafa irra qabatee ademma, kunis ce'umsaa bishaan lafa irratti godhuu wajjin wal-qixee dha, kunis ganna tokko kessatti bishaan Tt 36 geessa. Kuni immo adeemsaa bishaan lafa irratti godhuu kan hurkuu fi adeemuu irraa ka'ee kan ganna tokkotti 71 Tt ta'ee wajjin yoo walitti ida'amee ganna tokkotti bishaan hanga Tt 107 ta'etti lafa irratti ademaa. Bishaan xiqqoon tokko garuu yeroo ta'eef qabame haffa kunis kan ta'u cabbii yoo ummu, lafa jalatti (aquifers) fi haroo keessatti yoo qabamu yoo ta'u yeroo tokko tokko immo bishaan kuni akka bishaan qulqullu ta'e lafa irratti tajajilama. Bishaan hara, qulqulu ta'e ilmoo namaa fi lubbu qabeeyyii lafa irratti argamaniif bayye barbachisaa dha. Kunii immo kutaa lafa baayyetti hirdhatee argama.

Waantonii keemikaala ta'an akka soodaa, sukkaara, asidii, alkaalii fi gaazii tokko tokko keessattu ooksijiinii fi molokiyuulii orgaanikii(organic molecule) baayyen bishaan keessatti bullaa'u yookan makamuu ni danda'u. Pilaanetii keenya ala, bishaan baayyen lafa jala pilaaneetii Maarsii, baatii Yurooppaa fi Inseladuus(Enceladus) fi eksopilaaneetii(exoplanet) kan ta'ee HD 209458 b keessatti ni argama jedhame yaadama.[3]

References[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1. http://pubs.acs.org/cgi-bin/abstract.cgi/bichaw/1997/36/i43/abs/bi971323j.html
  2. Water Vapor in the Climate System, Special Report, [AGU], December 1995 (linked 4/2007). Vital Water UNEP.
  3. Water Found in Extrasolar Planet's Atmosphere - Space.com
Commons-logo.svg
Wikimedia Commons has media related to: