Jump to content

Nyaata aadaa Oromoo

Wikipedia irraa

Nyaata aadaa Oromoo nyaata ummata Oromoo biratti beekkama ta'ee kan dhaloota keessa darba dhufe. Nyaatni aadaa ayyana, cidha, qophii fi yeroo adda addaa irratti ni dhiyaata. Nyaanni akka marqaa, ittoo fi qorii Oromiyaa maratti beekkamus, kan naannoo garii qofa keessa beekkamus jira.

Nyaata aadaa Oromoo yeroo hunda nyaatamu fi kan waqtii addaa nyaatamu jira. Nyaata yeroo hunda nyaataman kan jedhaman nyaata ummanni Oromoo gannas ta'ee bona, birraas ta'ee arfaasa nyaatu fi yeroo baayyee mana keessatti kan qophaawuudha. Fakkenyaaf, buddenaa baadudhaan ykn ittoodhan nyaachuu, akaawwii, buddena ykn maxinoo aannaniin itittuun nyaachuu fi kkf. Nyaanni akka addaatti nyaatamu nyaata yeroo baayyee hin qophofne fi kan akka addaatti yeroo muraasa qofa qophaawu. Akka fakkeenyaatti, ancooteen nyaata ayyaanarratti nyaatama. Nyaanni akka cuukoo, qorii, gorsoddoma, fi kkf ammo yeroo fira dubbisuuf deeman kan firaaf/nama jaalataniif fuudhanii dhaqani dha. Nyaanni akkasii kun mana keessatti maatin akka nyaatuuf baayyee hin qophaawu.

Nyaannii aadaa Oromoo baayyeensaa dhadhaa of keessaa qaba. Kun immoo Oromoon loon waan sirriitti qabuuf, dhadhaadhaan nyaata isaa miyeessee nyaata.

Nyaata aadaa Oromoo beekkamaan keessaa:

  • Waaddii - foon muramee ibiddarratti waaddame.
  • Ancootee - nyaata baayyinaan Oromiyaa Dhihaa naannoo Wallaggaatti beekkamu.
  • Baaduu - aannan raasanii dhadhaan erga irraa bahee booda baadun nyaataaf oola.
  • Marqaa - ummata Oromoo biratti marqaan baayyee jalatamaa dha.
  • Caccabsaa - maxinoo kukkutyanii dhadhaa baqsanii itti naquun qophaa'a.
  • Qoocco - Qooccoon baayyinaan Oromiyaa Dhihaa naannoo Wallagga keessatti beekkamaa dha. Kun qoccoo kan ummata Guraagee biratti baayyinaan beekkamu sana miti.
  • Ittoo - Ittoon waan adda addaarraa qophaa'a: muduraa, foon, midhaan ittoof ta'u kan akka baaqelaa, daangulee, gaayyoo irraa qophaa'a
  • Buddeena - buddeenni nyaata ummanni Oromoo yeroo baayyee nyaatu yoo ta'u ittoo ykn baadudhaan nyaatama.
  • Cororsaa - Cororsaan baayyinaan Oromiyaa Dhihaa naannoo Wallagga keessatti nyaata jaalatamaa dha.
  • Qorii - baayyinaan akaawwii garbuurraa qophaa'a.
  • Cuukkoo - Cuukkoon garbuu fi dhadhaarraa qopha'aa. Cuukkoon nyaata baayyee jaalatamaa dha.
  • - kun naannoo Shawaa Dhihaatti nyaata beekkamu yoo ta'u qamadii irraa qophaa'a
  • Cumboo-Cumboon nyaata aadaa Lixa Oromiyaa, keessattuu Wallaggaatti baay'ee beekamu dha. Cumboon Xaafii diimaa irraa kan qophaa'u dha. Xaafii diimaa furdisanii erga bukeessanii booda, eelee beeddee fi eelee haadhoo erga ho'isanii, bukoo qophaa'e sana eelee beeddeerratti gadi naqanii qadaadu.Gaafa bilchaatu baasanii baaduu irratti naqanii itti cororsu ykn baqsu. Cumboon gaafa ayyaanaa fi gaafa keessummaan yookaan firri dhufu qophaa'a.





Aadaa Oromoo

Aartii - Afaan
Nyaata - Waaddii | Ancootee | Baaduu | Marqaa | Caccabsaa | Qoocco | Ittoo | Cuucoo | Cororsaa | Qorii | Irra diba | Qorsoddoma
Ogbarruu - Fixeensa | Mudaammuddii | Namummaa
Qoricha
Sirna Gadaa
Tiyaatira - Tiyaatira
Waaqeffannaa - Waaqa‎ | Gumii Waaqeffattoota Addunyaa | Irreecha | Ateetee
Wallee Oromoo - Dibbee Qaallu | Shaggooyyee | Geelloo | Tirrii | Dhiichisa | Ragada
Hawwisoo Oromoo - Afran Qalloo