Ancootee

From Wikipedia
Jump to: navigation, search

Ancooteen (coccinia abyssinica) biqiltuu hiddaa yoo ta'u kan facaafamuufis hundeensaa akka nyaatatti waan tajaajiluufi. Ancootee karaa lamaan marguu danda'a: ijasaa yoo facaasanii fi hundeesaa yoo dhaabani. Ancooten biqiltuu waggaa yoo ta'u erga ija godhatee booda nigoga. Hundeensaa garuu lafa keessa turuun hanga roobni dhufutti eeggata, jiidha gaafa argates deebi'ee marga.

Qabiyyee Nyaataa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Ancooten niwuutirentii adda addaa of keessaa qaba. Kana keessaa pirootinii, kaarboohidireetii, faatiin warra gurguddaa dha. 

Gosa Ancootee pirootinii (g/100g) faatii (g/100g) kaarboohayidireetii (g/100g) Anniisaa (Kcal/100g)
dheedhii 3.25 0.19 16.86 82.12
quncifamee affeellame 2.67 0.13 10.42 53.48
hinquncifamin affeellame 3.14 0.14 15.23 75.26

Ancooten albuudota akka ayirenii, kaalsiyemii, magniziyeemii, ziinkii fi fosfarasii of keessaa qaba. 

Gosa Ancootee kaalsiyemii(mg/100g) ayiranii (mg/100g) magniiziyemii (mg/100g) ziinkii (mg/100g) fosfarasii (mg/100g)
dheedhii 119.50 5.49 79.73 2.23 34.61
quncifamee affeellame 115.70 7.60 73.50c 2.03 28.12
hinquncifamin affeellame 118.20 6.60 76.47 2.20 25.45

Oomishuu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Ancooten baayyinaan kan oomishamu godinaalee Wallaggaa keessatti. Ancooten baayyinaan kan facaafamu naannoo lafa ol ka'iinsisaa meetira 1300 - 2800 qabutti. Roobni ancootef mijatu 762-1016mm. Akka gabaasni Ministeera Qonnaa ibsutti, yeroo ammaa, ancooten lafa heektaara 6,526 ta'urratti kan oomishamu yoo ta'u qonnaan bultoota 45,232 ta'utu oomisha. Ancooten heektaara tokkorraa kuntaala 150-180 oomishama, kunimmoo oomisha moosee fi mixaaxisa wajjin wal gita. 

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]