Alii Birraa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Alii Birraa
Maqaa dhalootaa: Alii Mahaammad
Guyyaa dhalootaa: Fulbaana 29, 1950
Bakka dhalootaa: Dirre Dhawaa, Itoophiyaa
Ogummaa: Weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa
Akaakuu: Sirba addaaddaa
Meeshaa: sagalee
Bara hojjate: 1961 - ammaa

Alii Birraa weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa Oromooti. Aliin Fulbaana 29, 1950 magaalaa Dirre Dhawaa naannoo Lagaharree jedhamutti dhalate.

Jireenyaa Ijoollummaa Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Aliin kan dhalate Dirre Dhawaa keessatti. Abbaa fi haati isaa Aliin dhalatee waggaa sadi’itti addaan bahan. Aliin sana booda abbaa isaa biratti guddate. Yeroo ijoollummaa isaa mana barumsaa Arabiffaa galee Afaan Arabaa barateera. Sana boodas mana barumsaa galee amma kutaa 6tti barate.

Yeroo ijoollummaa isaa karaa irratti daldala adda addaa hojjatee of gargaaraa ture. Wayita umuriin isaa 13 ta’u, hawwisoo Afran Qalloo kan aadaa Oromoo guddisuuf dhoksaadhan hojjachaa turetti makame. Sirbi inni jalqaba waltajjiirratti sirbe “Birraa dha bari’e” kan jedhamu ture. Kanarraa ka’ee maqaa Alii Birraa jedhamu argate. Mootummaan Hayila Sillaassee hawwisoo kana bara 1965tti cufee miseensota hawwisoo kanaas gartokkee mana hidhaatti naqe. Aliinis baqatee gara Finfinneetti gale.

Jireenya Isaa Finfinneetti[edit | Lakkaddaa gulaali]

Aliin erga [[Finfinneetti galee booda hojii sirbaa adda addaa hojjachuu jalqabe. Yeroo kana Aliin sabboonaa Oromoo Ahimad Taqii wajjin wal bare. Ahimad Taqiis Alidhaaf akka ittiin sirbuuf jedhee gitaara biteef. Beekkamtummaan Aliis magaalaa Finfinnee keessatti saffisaan dabale. Aliin Afaan Oromoon biratti Afaan Amaaraa, Afaan Arabaa, Afaan Hararii fi Afaan Sumaaleetiin sirbuu danda’a ture. Kunimmoo namoota adda addaa biratti akka jajamuu fi jaalatamu godhe. Namoota isa jaalatan keessaa tokko Iyyu’eel Yohaannis kan jedhamu dura bu’aa Kibur Zabanyaa kan ture tokko ture. Innis Aliin Kibur Zabanyaatti akka makamu godhe; achittis weellistoota beekkamoo kan akka Mahaammud Ahimad, Xilaahun Gassasaa, fi Buzunash Baqqalaafaatti makame.

Kibur Zabanyaa keessa yeroo turetti, carraa gara naanoo adda addaa deemee itti dandeettii isaa agarsiisu argate. Gara Sudaanis deemee wellistoota bebbeekkamoo akka Mahaammad Waardiifaa wajjin sirbe. Yeroo Finfinnee jiru, waltajjii gurguddaa akka Haagar Fiqirii fi Raas Tiyaatiriifaatti sirba ture. Boodarra abbaa isaa wajjin mariyatee Finfinnee gad lakkisee deeme. Bara 1970n keessa, yeroo Warraaqsi Itoophiyaa jalqabu, Ahimad Taqii baha Itoophiyaa keessatti loltuu mootummaatin odoo loluu du’e. Aliinis baayyee gaddee akkas jedhee sirbe

Yaa Hundee Bareedaa
Yaa Fiixee Miidhagaa
(Hundeen maqaa kan bira Ahimad Taqii ture)

Aliin hojii isaa weellisummaa fi qindeessumma itti fufe. Albamii isaa kan jalqabaas bara 1971 baase, kunis albamii sirba Afaan Oromoo kan jalqaba ture seenaa sirba Oromoo keessatti. Achii booda sirba jaallatamoo akka “Hin Yaadin”, “Asabalee”, “Ammalelee” fi “Gammachu” godhate. Albamiin isaa sirboota Afaan Sudaan kan akka “Al-Habiib Ween” fi sirba Hararii kan akka “Yidenqal” of keessaa qaba.

Biyya Alaatti[edit | Lakkaddaa gulaali]

Leellistuun Alii Birraa, Imbaasii Iswiidin kan Finfinnee jiru keessatti Itti-aantuu Sekreeterii (vice-secretary) kan turte, Alii gaa’ilaaf gaafatte. Aliinis gaaffii kana fudhatee bara 1985tti ishii fuudhe, maqaan ishii Birgittaa Astroom jedhama. Birgittaan kan dhalatte Istookoolmi Iswiidin keessatti (Adoolessa 21, 1942 – Fulbaana 13, 2009). Bara 1986tti, haati manaa Alii Sawud Arabiyaatti jijjirramate, Aliinis ishee faana Sawud Arabiyaatti gale. Haa ta’u malee, Sawud Arabiyaan Aliitti itti hin tolle. Kanaaf gara Iswiidinitti ce’ee achi waggaa lama jiraate. Bara 1988, Aartis Akkaadaamii Loos Aanjeles (Los Angeles Arts Academy)tti barachuuf gara USA deeme. Bara 1990tti erga eebbifameen booda bara 1992tti albamii lama Itoophiyaan alatti kan jalqabaa gad lakkise. Kunis addunyarratti akka beekkamu godhe. Aliin konsertii baayyee biyyoota adda addaa keessatti geggeesseera. Kana keessaa bara 20005tti ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa irraatti Sharaaten Addis kaasuun ni danda’ama.

Bara 2009tti, Aliin dhukkuba Kaanserii marrimaanii akka yaallamaa jiru yoo dubbatamu, garuu sirba akka itti fufuun hojjatu yoo dubbatu albamiin isaa kan dhiyoo baase garuu kan dhuma ta’uu hin hafu jedhama.

Badhaasa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bara 1995tti, Aliin badhaasa Toroontoo Afrikaan meeritis Awwaard(Toronto African Merits Award) argateera. Bara 2010tti ammo, Yuunivarsiitii Jimmaa irraa Dokitreetii Kabajaa aragateera. Mudde 2012tti Dorgommii Daddaraaroorratti isa jalqabaa irratti marsa xumuraarratti keessummaa kabjaa ta’uun affeeramee argameera.

References[edit | Lakkaddaa gulaali]