Alamuu Qixxeessaa

From Wikipedia
Jump to navigation Jump to search
Koloneel Alamuu Qixxeessaa
Maqaa masoo
Guyyaa dhalootaa Bitooteessa 5, 1907
Bakka dhalootaa Jaldu
Guyyaa du'aa Mudde 09, 2001
Bakka du'aa
Leellisaa Maccaa fi Tuulamaa
Damee
Wagaa tajaajilaa
Sadarkaa Koloneelii
Haadha/Abbaa manaa
Firooma

Koloneel Alamuu Qixxeessaa (Bitooteessa 5, bara 1907 - Mudde 09, 2001) loltuu waraanaa fi qabsaawa mirga Oromooti. Koloneel Almuun dargaggummaa isarraa eegalee hanga gaafa boqotouutti umani Oromoon gabrummaa jalaa ba’ee abbaa biyyasaa akka ta’u murannoodhan nama hojjataa turedha.

Dhalootasaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa abbaasaanii obbo Qixxeessaa Yaadatee fi haadhasaanii addee Haayyuu Roobiirraa Bitooteessa 5, bara 1907 waltajjii Oromiyaa anaa Jalduu ganda Goojjoo keessatti dhalatan. Koloneel Alamuun bakki isaan itti dhalatanii guddatan magalaa Jalduu fi nannoo sana manni baruumsa ammayyaa waan hin jirreef, mana barnoota amantii (qeesii) seenanii barataniiru. Abbansaanii obbo Qixxeessaan, ilmisaanii akka isaanii baratu waan barbadaniif gara Finfinnetti eerganii akka raayyaa waraanaa biyyattii keessatti qaxaramu godhan. Koloneel Alamuun yeroo sanatti raayyaa waranaa Eegduu Mootichaa (Imperial Bodyguard) jedhamee beekamu keessatti qaxaramanii hojjataa osoo jranii gama tokoon ammoo barnoota ammayyaa fi afaan Faaransaayii barachuu eegalan.

Xaaliyaaniin Loluu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Mootummaa sirna goonfoo keessatti qaxaramee osoo hin bubbuliin aangoo ajajaa shantamaa gonfate. Kana keessatti, gara Waraana Maa'icaw akka duulan godhaman. Waraana Maa'icaw kan Xaaliyaanii waliin godhame kanarratti, Koloneel Alamuun luka isaanii rukutamanii gara biyya dhaloota isannii gara Jalduutti galan. Jalduutti galanii maatii isaanii waliin osoo jiraataa jiranii, biyyattiin Warana Xaaliyanitiin weeraramte.

Koloneel Alamuun jagnummaa fi gotummaa uumamaan qabaniin waraana Xaaliyanii kan isa meeshaa ammayyaa hiidhate, diinni adii fi gurracha hinqabu jechudhan waraana Xaaliyaanii qabsoo hidhannootiin falmuutti qajeelan. Lolaa osoo jiranii bara sana dhibee qorichi hin argaminneef kan ummata hedduu fixaa ture dhibee “tasiboo “jedhamee beekamun qabaman.

Koloneel Alamuun dhibee kana irraa akka caarraa ta’ee fayyanillee, abbaan isaa obbo Qiixxeessaa yadatee fi haatiisaa addee Haayyuu Roobii dhibee kanarraa fayyuu hindandeenye. Lamaan isaaniyyuu guyyaa tokkotti ijoollee isaanii koophaatti dhiisanii adunyaa kanarraa darban. Guyyaa tokkotti haadha fi abbaa isaanii kan dhaban Koloneel Alamuun, gaddi dachaa dachaadhaan irratti fe'ame. Obboleewwaniif maatii isaanii hunda jiraachisuun dirqamni kan isaanii ta’e. Haala kanan maatii jirachiisaa osoo jiranii gotoota Jalduu kan Xaaliyaniin lolaa jiran waliin walitti dabalamanii lolaa osoo jiranii harka warana Xaaliyaanitti kufan.

Waranni Xaaliyaanii, Koloneel Alamuu Qixxeessaa irratti murtii du'aa murteesse. Koloneel Alamuun guyyaa ajjeefamuu isaanii osoo eeggachaa jiranii, Xaaliyaniin gama tokkoon Jalduu keessatti Warana Xaalyanii barbadeessaa kan turan gotoota Oromoo kan Dirribsaa Faayyisaa Nagarootiin hoggnamuun akka harka isaanii keennatan kadhachaa waan turaniif, gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Xalyanidhaan "nama kiyya qabdanii kan isin harka jiru, Alamuu Qixxeessaa gadi-lakkiftan malee harka kiyya hin kennu" jedhe. Xaalyaniin Gotoota Oromoo Dirribsaa Fayyisaatiin hogganaman of harkatti galfachuuf jecha, Alamuu Qixxeessaa kan duuti itti murtaawe, mana hidhaa isaanii keessaa basanii gadi dhiisan.

Koloneel Alamuun akkuma mana hidhaatii hikkamaniin, waraana Diribsaa Fayyisaatiin hogganamutti dabalame. Gootni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Alamuu Qixxeessaa erga mana hidhaatii hiiksifateen booda, gootota bara sana naannoo Jalduutti argaman, kan akka Xanqeessaa Keelloo, Mi’eessaa Jombaa, Niigisaa Faajjii, Dinqaa Urgoo fi kanneen biroo waliin warana Mosoloonii kan Jalduu keessa qubatee jiru irratti lola banuudhaan hanga dhumaatti lolaa turaniiru.

Erga Xaaliyaanin biyyaa baatee booda, H/Sillaaseen gara aangoo isaatti deebi'e. Gotonni Oromoo waggaa shan guutuu Xaalyaniin falmaa turan kan akka Kabbaddaa Buzunaash fa'aa aangootti deebi’uu H/Silasee mormaa akka turan keessa beektonni ni dubbatu. Koloneel Alamuun akkuma mootummaan sirni gonfoo dhaabbateen mana barnoota Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaa seenaanii barataniiru. Bara 1944, gara kaaba Itoophiyaa Ambaalagee bakka jedhamutti akka duulan ajajamanii rasaasaan rukutamaniiru. Koloneel Alamuun Akkadamii Waraanaa Hoolotattii barsiisaa ta’anii waggoota lamaa oliif hojjataniiru. Koloneel Alamuun Bulichiinsa Mootummaa H/Silasee keessatti sadarkaa gadiirraa egalee hanga Sadarkaa oliitti hojjataniiru. Hojii isaanii kana keessatti, Mootumman sirna gita-bittoota Habashootaa ilaalchi Oromoo fi lammii Oromotii qaban akka gaaritti hubataniiru. Koloneel Alamuun Oromoo ta'uu isaanii irraa kan ka’een, bulchiinsa mana waraana biyyatti keessatti isaanifi Oromoota raayyaa ittisa biyyattii keessa jiran irratti, kan raawwatamaa ture haala qabatamaadhaan argaa turaniiru.

Waldaa Maccaa fi Tuulamaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Qabsoo uummata Oromootiif daandii kan saaqe tokkoo fi inni guddaan hundeeffama Maaccaa fi Tuulamaati. Maaccaa fi Tuulamni mootummaa sirna nafxanyootaatiin gaggeefamu keessatti, ummata Oromoo gabrummaa jalaa basuuf wareegama barbachiisu kaffaleera. Rakkoo uummanni Oromoo qabu, amma tokko irraa saliphisuuf, misooma maqaa godhatee kan dhaabbate kana keessatti, Koloneel Alamuun jalqaba irraa eegalanii hanga gaafa addunyaa kanarraa darbaniitti, pirezidaantii waldaa kanaa ta'anii halkani fi guyyaa hojjachaa turan.

Koloneel Alamuun, barreessaa Waldaa kanaa kan turan Hayilamaaraam Gammadaa waliin ta'udhaan Oromoonni bebeekkamoo ta'an akka waldaa kana keessatti miseensa ta'an cimsanii hojjachaa turan. Isaan keessaa Jeeneeraal Abbabaa Gammadaa, Jeneraal Tolaa Badhaadhee, Jeeneeraal Jaagamaa keelloo, Dajjazmaach Dani’eel Abbabaa, Kabbadaa Buzunaash fi kan biroo miseensa gochuun yeroo itti hin fudhanne. Akkeekni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa beekumsaa fi qabeenya qaban wareeganii uummata Oromoo dukkana keessa jiru kana keessaa gara ifaatti baasuu waan ta'eef, kan lafa qabu lafa isaa kennee, akka manni baruumsaa irratti banamu waan waliigalameef jalqaba duraatiif gochaan kun Koloneel Alamuu Qixeesatiin hojii irra ooleera.

Haaluma kanaan Koloneel Alamuun, bakka dhaloota isanii nannoo Jalduu manni barumsaa tokkollee waan hin jirreef ijoolleen aanaa Jalduu akka barnoota ammayyaa argattee ija banattuuf lafa magalaa Jalduu qabanirraa kaare meetira 10,000 ol eebbisanii ummata Jalduuf keennudhan manni barumsaa kutaa 1-6 itti bananiiru. Haluma kanaan, Kabbadaa Buzunash Misooma Ada'aa Bargaa fi Goroo Makootti kaare meetira 20,000 yoo kennan miseensonnii fi hoggantoonni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa duursanii qabeenya fi humna isaanii waakkii tokko malee wareeganiiru.

Waldan Maaccaaf Tulamaa hogganummaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa jalatti, yeroo gababaa keessatti ummata Oromoo yoo gaammachiisu, H/Sillaasee fi kanneen isaan marsanii jiran mara ,yaaddoo keessa isaan galcheera. Waldaan Maaccaa fi Tuulamaa xiyyeeffannan isaa inni guddaan, uummata Oromoo barisiisuu irratti waan ta'eef, uummanni Oromoo ammoo yoo of bare akka isaan harkaa ba'u waan beekaniif, adeemsa waldaa kanaa gabaabsuu akka qaban murteeffatan.

Keessattuu Waldaan kun of keeessatti hammatee kan qabu hoggantoota waranaa, hojjatoota mootummaa, barattoota fi qotee bultoota Oromoo akkasums kan akka Saba Oromoo cunquursaa habashootaa jala jiran Sidaamaa, Walaayittaa, fi kkf waliin ta’uun hedduu isaan yaddeeseera.

Mootummaan Jibbamuu Isaanii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Koloneel Alamuu Qiixxeessaa H/Silasee biratti ija hamadhan ilaallamaa turan. Sababiinsaas yeroo Oromoonni Raayyaa hacuuccaarraa kan ka'e fincilanii lola jalqaban "waraanni meeshaa ammayaa hidhate ittiduuluu hinqabu, kun biyyaa keessaa waan ta’eef kan biyyaa keessaa poolisii ta'uu qaba" waan jedhaniif, Mootummaa H/Silasee biratti waamamanii diniin cimaan eerga keennameefiin booda, guddinni karaa seeraa mana waraanatiin keennamuu malu hunda hanga Waggaa 5tti akka hinkennamneef godhamanii, bakka duraan ramadamanii hojjachaa turaanirraa gara biraatti akka jijiraman godhamani. Gara biroon ammoo haala Waldaa Maaccaa fi Tulamaatin walqabateen H/Silaseen hogganoota Waldaa kanaa Jeneeral Taddasaa Birruu fi Jaarsolii beebekamoo Arsii waliin H/Silasee biratti yeroo dhiyaatan Koloneel Alamuu Qiixxeessaa sodaa tokko malee "H/Silaseedham ati maa Oromummaan nu yakkitaa? ati Oromoo miti?" yeroo jedhaniin, H/Silaseen "isa eenyutu nutti himi siin jedhe" jedheen jedhama.

Koloneel Alamuun ilma angafaa Abarraa Alamuu jedhamu kan Ajajaa dhibbaa ta'e qabu ture. Abarraan ajajaa dhibbaa ta’ee Asmaratti ramadamee hojjataa osoo jiru, akka caarraa ta'ee bara lola Jeeneeraal Mangistuu Niwaay Finfinnee yeroo dhufu lola kan afaan bu’e. Abarraan lola kana irratti gara Mootummaa H/Silasee goree lolaa osoo jiruu warana Garmameefaatin ajjeefame.

Koloneel Alamuun ilmi isaanii lola isaaf hinmalle kanarratti du’uusaan bayyee akka gaddan keessa bekitoonni nidubatu. Dhimma Waldaa Maccaatiin yakkamanii yeroo Kaabinoota H/Silasee duratti dhiyaatan, lolarratti yeroo lama rukutamanii waan turaniif "luuka koo yeroo lama isiniif keennera! Ilma koo Abbarraa isiniif kenneera akka lammii Oromoottii ijaaramnee biyya keenya keessatti misooma, guddisuun maaf yakka isiin biratti ta’e?" jechuun gaaffii deebii hinarganne hoggantoota Mootummaa H/Silasee tii dhiyeesaniiru. Ilmi isaanii Abbarraan Mootummaa H/Sillaaseef du’uusaan hedduu akka gaddaan bekitonni ni dubbatu. Hata’uu garuu hogganummaa isanitiin kan dhalate waldan Maccaa fi Tuulamaa akka dhabamee badu, kaabinoota H/Silaseetiin hoggantoonni waldaa kanaa, sobaan yakkanii adabbiin adda addaa yeroo irratti murtawu, Koloneel Alamuu irratti murtiin adda addaa sadii (3) irratti murtaaweera: Hidhaa cimaa waggaa 10, maqaan isaanii koloneelummaan akka irraa mulqamu fi yeroo mana hidhaatii hiikaman mirgi eenyummaa akka waggoota shaniif irraa mulqamu kan jedhu ture. Koloneel Alamuun akka uummani Oromoo isaan arguu ykn gaafachuu hin dandeenyeef faggeessanii Gondoor magalaa Dabra Taaboritti akka hidhaman godhaman. Yeroo mootummaan H/Silasee kufu, hoggantooni waldaa kanaa hundu mana hiidhati hiikkaman.

ABO Deeggaruu Isaanii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Erga mana hiidhatii hikkamanis uummani Oromoo akka blisummaa isaa gonfatee abba biyyaa isaa ta’u, bakkoota adda addatti aanaalewwan fi kutaalewwan Oromiyaa keessa naannawanii keessattuu bara 1991/1992 barsiisaa turaniiru. Ibsa isaan waajiraa ABO yeroo sana Gullallee jiru dabalatee keennaa turan mootummaa wayyaanee biratti isaan balaleefachiisullee sodaa tokko malee uummata kanaaf of keennanii hojjataa turaniiru.

Bara 1992 keessa, hogganaan wayyaanee Mallas Zeenaawwii bakka jirutti wamamanii osoo waliga’iirra jiranii bakka bu’aa OPDO yeroo sanaa kan ture Kumaa Dammaksaa, "uummata Oromoo kan diigu kan akka keessanii kana" yeroo jedhaniin Sodaa kan hin beekne Alamuu Qiixxeessaa "Yeroon ani mirga Oromooti falmuu jalqabu ati hudduu kee hinxaraganne" jedhanii waliga'ii sanarratti kumaa salphisanii akka gadi teesisaan namoonni walga’ii sanarratti argaman ni dubbatu. Koloneel Alamuu bara jireenya isanii yeroo hedduu mana isanii dhaqee waliin dubbachuu carraa argadheera. Abbaa kiyya waliin nannoo tokkotti waan waliin guddataniif walitti dhufeenya qabu. Akkuma ABOn Mootummaa Ce’uumsa keessaa ba’een ijoollee Oromoo rakkoon irra ga’ee hunda gargaraa turan. Anaafis gargarsa nagodhaniiru. Yeroo sana waan lama isani irraa dhaga’eera.

Yeroo sana waan lama isani irraa dhaga’eera.

  1. Oromon tokko ta’u malee, mirga isaa argachuu akka hin dandeenye, dhaabbilleewwan Oromoo blisummaa Oromootiif falman akka tokkoo ta’an irratti hedduu dhamaaniiru. Bakka deeman hundatti, Oromoon osoo lagaafi Amanitidhan wal-hinqodiin harka walqabatee ka’u malee, rakkoo amma jiru keessaa ba’uu akk hin dndeenye hubachiisaa akka turan bara jireenya isanii dubbii isaan godhaa turan Videoo ilaluun ga’adha. Bara 1994 dhabbilee blisummaa Oromoof qabsa’an lameen walitti fiduuf hedduu akka yalaa turan afaan isaanii irraa dhagaeera. Keeniyaa Nairobii keessattii ABO fi IFLO walitti fiduuf beellama qabatanii yeroo isaan Oromiyaa irraa Naa iroobitti argaman, Gara ABO tiin Galaasaa Diilboo yeroo argaman, karaa IFLO amoo bakka bu’an Jaarraa argamaniiru. Hayya dureen ABO yeroo sanaa Galasaa Diilboo eerga Jaarraan hin argaminne, anis bakka bu’aa waliin hin dubadhu! jedhanii akka dhiisan na hubachisaniiru.
  2. Waa’ee Qabsoo Baalee ti. wa’een Qabsoo Balee yeroo ka’u namonni hedduun osoo hin beekiin ykn osoo beekanii, Qabsoo sana kan dhaamse J/ Jaagamaa Keelloo akka ta’eetti himu. Jaagamaa Keelloo Qabsoo diddaa garbummaa Baalee akka hin dhamisine irraa hubadheera.

Bara 1991/1992 yeroo ABOn Mootummaa Ce’uumsa Ithiopiya keessa jiru, waajjiroonni ABO bakka adda addatti yeroo banaman, hoggantonni ABO fi Koloneel Alamuu bakka hedduu deemanii ummata isaniif ibsa kennaa turaniiru. Baatii Onkoloolessa bara 1991 waajjirrii ABO Yeroo Jalduutti banamu, Koloneel Alamuu fi namoonni bebbeekkamoon ABO fi bakkoota biroo irraa argamaniiru. Waliga’ii kana nama qindeesse keessaa nama tokko waanan ta’eef Ummani Anaa Jalduu, Ginddabaratii fi Meettaa Roobii hedduminan akka argaman irratti hojjatameera.

Guyyaa seenaa qabeessa kana irratti kan argaman Kloneel Alamuu Qiixxeessaa, Obboo Damisee Kabbadaa (ABOrraa), Girmaa W/Giyoorgis Sooddoo Jiddaa bakka bu’dhan (Preezadantii), Jeneraal Jaagamaa Keelloo fi kanneen birooti. Jaagamaa Keelloo bara Xaalyaanii nannoo sanatti lolaa waan turaniif Ummata anaa Jalduu biratti maqaa guddaa qabu. Ummani Jalduu, Alamuu Qixxeessa fi Jaagamaa Keelloo maqadhan malee, arganii waan hinbeekinneef isaan argudhaaf Oromoni dhufan heddudha.

Bakki walga’iin kun itti Qoophawe mana baruumsa Jalduu keessatti yoo ta’u, mana baruumsaa kana yeroo Waldaa-Walgargaarsa Maaccaaf Tulamaa hundeessan, jalqaba duraatiif, lafa qaban keennanii kan Ummata Jalduuf ijaarsiisanii, Oromoota nannoo biroof fakkii goddaa kan ta’aniidha.

Boqochuusaanii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Koloneel Alamuun Fulbaana 9, 2001tti lubbunsaani dabarte. Reeffi koloneel Alamuu iddoo dhalootasaanii magaala Jalduutti bakka ummanni isaan jaalattu hedduun argametti awwaallame.

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]