Maammoo Mazammir

Wikipedia irraa
Koloneelii Maammoo Mazammir
Maqaa masoo
Guyyaa dhalootaa 1929
Bakka dhalootaa Gudar
Guyyaa du'aa 1969
Bakka du'aa Finfinnee
Leellisaa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa
Damee
Wagaa tajaajilaa
Sadarkaa Koloneel
Haadha/Abbaa manaa
Firooma

Koloneel Maammoo Mazammir (A.L.A 1929 - 1969) qabsaawaa mirga Oromooti. Koloneel Maammoon sababa qabsoo mirga Oromootif gochaa tureen murtiin du'aa itti murteeffamee ajjefame.

Seenaa Isaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ijoollummaa Isaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Koloneel Maammoo Mazammir abbaasaa obbo Mazammir Habtee Doorii fi haadhasaa aadde Ummee Gurmeessaarraa Shawaa Lixaa magaalaa Amboo Aanaa Gudar keessatti bara 1929tti dhalate. Dhalatee umuriinsaa gaafa barnootaaf ga’u mana barnootaa dajjaazmaach Bashaa magaalaa Gudar keessatti argamu seenudhaan barnoota sadarkaa jalqabaa barate. Akkasumas barnoota sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Tafarii Makonnin keessatti osoo hordofaa jiruu mana barnootaa leenjii barsiisotaa Hararitti akka baratuuf barattoota yeroo sana qabxii olaanaa qaban keessaa tokko ta’uun gara magaalaa Hararitti imale.[1]

Haa ta’u malee fedhiinsaa yeroo sanaa barnoota qofa osoo hin taane dhimma waraanaas waan barbaadef mana leenjii waraanaa Harar seene. Mana leenjii kana keessattis qabxii olaanaadhaan waan xumureef leenjisaa mana leenjii waraanaa Harar ta’ee muudame. Yeroo muraasa boodas leenjistoota barnoota sadarkaa olaanaa akka barataniif carraa argatan keessaa Maammoo Mazammir isaan tokko ture. Bara 1962tti Yuunivarsiitii Finfinneerraa digirii jalqabaa barnoota seeraatiin LLB argate.[1]

Qabsoo Isaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Koloneel Maammoo Mazammir osoo barnootaaf mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee jiruu, uummanni Oromoo gurguddoon waliin gurmaa’uudhaan Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa jalatti mirga uummata Oromoo kabachiisuuf sochii akka jalqaban odeeffannoo argate. Yeroo kanarraa jalqabees barattoota mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee keessaa gara Waldaa Maccaa fi Tuulama keessatti makamuuf sochii jalqaban keessaa Maammoo Mazammir isaan hangafaati. Fedhiin isaa kunis milkoomeefii gara dhaabbata kanaatti makamuudhaan hanga murtoon du’aa itti murtaa’ee fannifamutti sochii guddaa fi bu’a qabeessa ta’e seenaa uummata Oromoo keessatti raawwatee darbe.

Koloneel Maammoo Mazammir bara jireenya isaa harka caalu kiitaaba seenaa fi siyaasaa dubbisaa akka dabarsee fi uummata Oromoo cunqursaa jala jiruuf sagalee ta’uudhaan waltajjii garaa garaa irratti falmii ciccimoo taasisaa ture. Seenan Itoophiyaa sobaan kan guuttame akka ta'ee fi seenan Oromoo dhofkamaa akka jiru kan bare Maammon, kitaabaa "Seenaa Oromoo" jedhamu barreessaa ture. Kanatti kan hingammanne nafxanyoonni, barruu kana yeroo inni hidhamu manasaatii fudhanii akka badu godhani. Kana malees Maammon, barreeffamoota karoora mootummaa haaraa hundeessuu ibsu fi heera haaraa kan sirna abbaa-lafaa balleessee qonnaan bulaa abbaa lafaa godhu qopheessee ture. Kunis, nafxanyootaf mataa-dhukkubbii guddaa itti ta'e.[2]

Koloneel Maammon, Afaan Oromoo, Amaariffaa fi Ingiliffa sirriitti danda'a ture. Yeroo sanatti walaloowwan adda addaa Afaan Oromootin barreessee walga'ii Maccaa fi Tuulmaa irratti dhiyeessun ummata gammachiisa ture. Kana malee, taba adda addaa kan hacuuccaa Oromoon keessa jiru agarsiisan barreessee walga'irratti dhiyeessa. San bukkeetti, Maammon nama dubbii danda'u waan ta'eef dargaggoota heddu gara waldichaatti fide. [2]

Mul'ata guddaa kan qabuu fi nama fageessee yaadu kan ture Maammon, qabsaawota Fincila Baalee wajjin Maccaa fi Tuulamni hariiroo akka uumu namoota godhan keessaa isa tokko. Xalayaa qabsaawota Baalef barreesserratti akkas jedhee ture "seenaa ilma namaa keessatti, ummanni mirgaa fi bilisummaa isaatif du'a odoo hinsodaanne qabsoof ka'u yoomiyyuu niinjifata". Haala kanaan, Finciltoonni Baalee fi Maccaa fi Tuulamni waliin akkamitti akka socho'an mari'achaa turan. [2]

Sobaan Himatamuusa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Miseensota Maccaa fi Tuulamaa irratti duulaa kan bane mootummaan Hayilasillaasee himata sobaatin koloneel Maammoo himate. koloneel Maammoo Gurraandhala 10 bara 1967 uummata Siniimaa Ampiir keessatti walitti qabamerratti boombii dhukaaftee namoota hedduurratti miidhaa geessise jechuudhan himatame. Boombii kana kan kiyyeesse garuu humna tikaa nageenyaa mootummaa yoo ta'u namoota kana keessaa tokko wayita kiyyeessu itti dhuka'ee harki irraa cite. Guyyaa muraasa boodas, Mammoon boombii situ dhukaase jechuun qabame. Erga boombichi dhoo'ee guyyaa kudhan booda, Maammon gara mana siinimaa geeffamee suura kaafame. Mana hidhaa keessattis, reebichaa fi dararaa guddaan walirraa hincitin irra ga'e. Dararaa guddaa boodas Maammon anatu godhe jedhee akka mallateessu dirqame. Akkaataa kanaan, shira mootummaan fiwudaalaa hojjateen himatamee gaafa Gurraandhala 28, 1969 murtoon du’aa irratti murtaa’e. Diraama kun Maammoo qofa odoo hintaane, miseensota Maccaa fi Tuulamaa hunda qabuuf sababa gaarii ta'eef.[2]

Koloneel Maammoo Mazammir gaafa diraamaa mootummaan dalageen murtoon sobaarratti muraataa’ee fannifamuuf jedhu dhaamsa dhumaa akkas jechuudhaan dhaammate:

dhiigni koo dhiiga mirga uummata oromoo kabachiif dhangalaatedha malee dhiiga lafatti bade miti. Dhiignii koo qabsoon Oromoo akka latu bishaan ta'eefi guddisa. Har’a maalummaa uummata Oromoo balleessuudhaaf nama uummata Oromoof qaroo ta’e damee tokko murtanis dameen uummata Oromoo sagal ta’ee lata. Dhiiga uummata oromoo har’a dhangalaa’aa jirunis ta’e bor dhangala’u dabalatee uummati Oromoo mirga isaa akka kabachiifatu hinshakkinaa. Garuu mooti badii ani hinhojjatiniin murtoon kun akka narratti raawwatu godhee fi fakkaattonni isaa ummata Itoophiyaarraa murtoon wal fakkaataa akka isaan qaqqabu itti naaf himaa! [2]

Koloneel Maammoo Mazammir himata sobaa ragaa hin qabneen himatamuudhaan bara 1969 mana adabaa "alem beqqanyi" jedhamu keessatti fannifame. Koloneel Maammoo Mazammir osoo mirga uummata Oromootiif hin fannifamin dura abbaa ijoollee lamaa ture.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

  1. 1.0 1.1 SEENAA MAAMMOO MAZAAMIR, dhihootti kan baname: Adoolessa 26, 2016
  2. 2.0 2.1 2.2 2.3 2.4 Mohammed Hassen. REVIEW ESSAY: GEZETENA GEZOT, MATCHA AND TULAMA SELF-HELP ASSOCIATION, by Olana Zoga, Journal of Oromo Studies, 1997, 4(2), 203-238