Fincila Baalee

Wikipedia irraa
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i

Fincilli Baalee qabsoo Oromoon Baalee gabrummarratti godhee fi milkaa'ina guddaa itti argatedha.

  SEENAA

Mata duree kiyya hardhaa seenaa qabsoo oromoodhaa keessatti Seenaan oromoota baalee akkam turtee? Hardha hoo maaltu mudatee? Jedhu keessatti seenaa gaarreen baaleefi qabsaawota baalee guutuu kaasuudhaaf halkaniifii guyyaanuu barruudhaaf yeroo gabaabaa akka ta'u eennumtuu tilmaamuun waan itti ulfaatuu miti.! Haala akkasii keessatti anis guutuu seenaa qabsaayota baalee akkam akka tureefi amma hoo ilmoolee leencota saniifii dachiiniifi gaarreen baalee dhiigaafi lafee diinaatiif naasuu qabaachuu hin turin sun maaltu isa qunnamnaan qabsoo oromoo bara kanaa haala dinqisiisaadhaan diina raasee addunyaa raajjessuutti jiru kanarraa duubatti akka hanbise dubbachuu dadhabullee gaarreeniifi dachee baalee keessaa seenaa maqaa wojjiin yeroo kaayutti seenaan gootota tokko tokkoos akka dirqiitti keessatti dhuftu beekkamaadha. Akkuma seenaan biyyattiif seenaan qabsoo oromoodhaallee ibsutti dachiiniifi gaarreen baalee akkuma ardii afrikaa keessattuu iddoo guddaa kan qabu ta'uunsaa beekkamaadha. Keessumattuu qabsoo baroota dheeraadhaa kan sabaafi diinnillee ragaa jiru kan akka # fincila qonnaan bultoota baalee ' Lola xaaliyaanii, weerara sirna minilikiifi akkasumas qabsoo sirna hayla sillaasee keessatti seenaa gootummaa maaluu itti hin qixxoofne oromiyaa kutaalee biroo keessattis muldhatu kan baalee iddoo guddaa qabaachuu akka ture beekkamaadha. Egaa nuti seenaa baroota dheeraa kana yeroo biroo baldhinnaan kan irraa dubbannu yommuu ta'u, Seenaadhuma sirna dhihoo kanaa keessatti gootonni baaleefi gaarreen baalee akkasumas dachiin baalee biroo maal gumaachuu turan kan jedhu haa ilaalluu:- Kana keessatti ammoo kan hardha irraa dubbannu dachee fi gaarreen baalee kan akka # GAARA RIRAA, # Saannatee, # Tulluu Diimtuu, # Shaawwee , # Dalloo mannaa dayyuu fi # Odaa Guddaa faa keessatti seenaa qabsoo adda bilisummaa oromootiin wolqabsiisnee maaltu akka hojjatameefi seenaa ta'ee ture haa ilaalluu :- 1FFAAN }SAANNATE Seenaa qabsoo dachee diriiraafi gaarreen baalee keessatti Saannate iddoo guddaa seenaadhaaf kan qabduudha. Dacheen diriirtuun saannatee baale keessatti wol qixxee magaalaa goobbaafi magaalaa dalloo mannatti kan argamtu yommuu ta'u bara sirni woyyaaneedhaa biyyattii teenya oromiyaa roorroodhaan dhuunfate yeroo addi bilisummaa oromoodhaa chaartara jiruufi bahes keessatti Dachiin saannatee teessuma maandhee adda bilisummaa oromoodhaatiif qubsuma gootota oromoodhaa seenaa boonsaa hedduun diina raasaa turaniiti turte. Seenaa qabsoo bara sana saannatetti dalagamuu turee yeroo kaasnu Gootota gaara baalee kan akka :- Jamaal Abdaa,, Huseen Gabayaa,, Xaahaa Amaan Amboo,, Huseen Galataa,, Amaan Aliyyii,, Haaji Goobee Riraa,, Haaji Amaan Godii,, Kadiir Aliyyii,, Marshaalloo Xeemoo,, Umar Salaalee,, Xaahir H/Dheekkoo fi Haaji Dheekko faati Gaara tulluqqee kan gad bu'iinsa Riraa irra ta'ee hedduu qabsoodhaaf mijjaawaa ta'e kan handhuura baalee irratti argamu keessatti Guyyaa mootummaan woyyaaneedhaa ummata baalee cabsuudhaaf gara dalloo mannaatti loltoota Ooraalii lamaa hidhannoo addaa wojjiin erge gootonni maqaa dhoofne kunniin barbadeessan waan yoomuu irraanfatamuu qabu hin turre. Namoonni hedduunis akkuma beektan loltoota woyyaaneedhaa ooraalii lamaanii keessaa diinni lubbuudhaan hafe namoota Afur (4)qofa akka turan waan namuu beekuudha. Haaluma wolfakkaatuun bosona baalee ganda awwo'oo gaara laadamoo gubbaatti bara 1997-8keessa Qubsumni leenjii woraana adda bilisummaa oromoodhaa kan Jaal sardaa baatiitiin hoogganamu achi akka ta'e beekkamaadha. Raajiin gootummaafi diinarratti ejjannoo fudhachuudhaa gaara laadamootis barreeffamee kan xumuramuu danda'u hin turre. Gaarri laadamoo dhiiga diina meeqaa dhugee akka garaa qabuufi lafee diina dhiiga oromoodhaa hedduu dhuguu turee akka garaa qabu gaarrummaan laadamoo mataan isaa haa dubbatu jedheen isumaaf dhiisa. Inni hedduu nama raaju ammoo humna gaara laadamoo kan diinni yoomuu balleessuu hin malin sanas kan barbadeessee balleesse gantootaafi maxxantoota diinaa kan ta'an ilmaanuma oromoodhaa ta'uu isaa ti.! Akkuma beekkamu baroota san keessatti qabsoon oromoodhaatis sadarkaa hardhaa kana hin turre. Dammaqiinsi ilmaan sabaa guutuu oromiyaadhaa keessa jiraniis hedduu gadi bu'aa akka tures ni yaadatama. Haa ta'u malee garuu naannnoon yeroo ummanniifi dachiin oromiyaadhaa qabsoof uf kennuu keessatti sadarkaa laafaa irra turtetti hedduu diina yaaddessaa ture Godinni baalee kan irraa dubbachaa jirru kun akkaan kan nama gammachiisu ture. Hardha garuu guutuun oromiyaadhaa sadarkaa namuufuu ibsuu hin barbaachisne boonsaa kanarra yeroo gayutti iddooleen duruu ka'anii dhiiga diinaa garaa qaban kunniin seenaa yeroo kanaa keessaa duubatti hafuun gaaffii saba guutuutti ta'ee jira. Haa xiqqaatuu namoonni seenaa kana gaafas hojjatanii onnee sabaa keessatti iddoo hin banne keessa uf kaayanis hardhallee hammi ta'e achuma jiru. Gaarreeniif dacheen sabaaf malee diinaaf karaa banuu hin turre sunis achuma jiru. Hanqatee hanqatu ilmaaniifi firaaf gosti gootota sanneeniilleen achumatti kan argamaniidha. Roorroo diinaas yoo taate hardha kan gaafa saniirra harka hedduun caalee argame malee woyyaa nama caldhisiiftu kan argannee miti. Seenaa faaya dhiiga goota hedduutii barreeffamee ture kan tiksuun akkamiin ilmaaniifi gosa gootota sanaallee yaaddessuu akka dhabde baruun gaaffii hunda keenna maraa ta'ee jira. Baale yeroo ammaatti namoota seenaa hin beekneefi kan osoo seenaa beekuu jarjaruun (xinnishu'aa maqalee) jedhamtee jirti. Garuuyyuu ammaas kaanee qabsoo sabaatti makamuudhaan seenaa faaya dhiiga goototaatiin barreeffame kanatti faaya biroo daballee uffisuufi aduu bilisummaadhaa arguuf yeroon kan dabre akka hin taanellee ni hubadha. Garuuyyuu seenaa keessaa uf dhabuudhaaf sa'aatiifi guyyoonninuu ga'aa waan ta'eef seenaa wol yaadachiisnee faaya dhiigaan dhufe kanaarraa xurii eeguun waan hedduuf faaydaa akka qabu beekuun barbaachisaadha jedheen amana.