Sheek Bakrii Saphaalloo

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Sheek Bakrii Saphaalloo
Ogummaa: hayyuu, walaleessa, barsiisaa
Biyya: Itoophiyaa
Guyyaa dhalootaa: h 1895
Bakka dhalootaa: Harar, Itoophiyaa
Guyyaa du'aa: Ebla 5, 1980
Bakka du'aa: Hiraan, Somaaliyaa

Sheek Bakrii Saphaalloo (maqaa dhalootaa: Abubakar Garad Usmaan; Sadaasa 1895 - 5 Ebla 1980) hayyuu Oromoo fi walaleessa (poet) fi barsiisaa amantiiti. Hunda caala kan inni ittiin beekamu qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini.

Jireenya Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Hayiwaardi fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati isaa Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.

Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Haywar fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati Sheek Bakrii Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne maqaa ishiirraa ka'uun tilmaamu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.

Erga waggaa 20 barnootarratti dabarsee booda, Sheek Bakriin gara Saphaallootti debii'e; achittis barsiisuu jalqabe. Amantiidhan bukkeetti, barnoota akka hawaasaa, seenaa, herreega, qorannaa urjii(astronomy), Afaan Arabaa fi barreeffama Afaan Oromootin barreessuu barsiisa ture. Ofii isaas Afaan Oromootin walaloo barreessu jalqabe; Kunimmoo isaaf beekkamtii akka argatuu fi maqaa inni baayyinaan ittiin beekkamu akka argatu godhe. Sheek Bakriin Saphaalloo gadi-lakkisee iddowwan adda addaatti barsiisaa ture. Kana keessaa beekkamaan sadi'i Hortuu, naannoo Dirre Dhawaa, magaalaa Dirre Dhawaa mataasaa, fi Addelle, Dirre Dhawaarraa km 25 kan fagaattu fi karaa Hararirratti kana argamtu. Adelleetti mana barumsaa ijaaree ture, manni barumsaa kuni masgiida isaa jedhamee beekkama. Sheek Bakriin bakka deeme hundatti dubartii naannoo sanaa haadha manaa godhee fuudhaa akka ture dubbatama. Kana keessaa haati manaan isaa 11 ni beekkamu. Hadha manaa isaa sadi'irraa ijoollee 18 qaba ture: dhiira 13 fi durba 5. Haadha manaa baayyee haa qabaatu malee, Sheek Bakriin seera fuudhaa Musliimaa eegaa ture, si'a tokkottis haadha manaa lamaa ol hin qabu ture; bara dullumasaa keessa ammoo haadha manaa tokko qofa qaba ture. Yeroo kana barreeffama Afaan Oromoo fi Afaan Arabaa baayyee barreessaa ture.

Sheek Bakriin qubee Afaan Oromoo ittiin barreessan haaraa bara 1956tti iddoo Hagi Qome jedhamutti uume. Sheek Bakriin qubee kana uumuuf gara naannoo dhaloota isaatti deebi'e. Kunis qondaaltonni mootumma Afaan Oromoon qubee kan biraan dhiisii qubee Saabatiinu akka barreeffamuuf gonkuma kan hin barbaadne waan turaniif hojiisaa icitiin hojjachuuf ta'u hin oolu jedhama. Jalqabarratti yoo qubeen Afaan Oromoo kun fudhatama guddaa nannoo Harargeetti argateyyuu, qondaaltonnii mootummaa Itoophiyaa ija sodaatin ilaalun "Oromoo akka of baru godhee tokkummaa biyyattii balaa keessa buusa" jedhan. Kanarraa ka'uun fayyadama qubee kana ukkamsuu jalqaban. Bara 1965tti Sheek Bakrii Saphaallos Dirre Dhawaatti hidhaa manaa jala akka turuu godhan; barsiisuu akka itti fufu garuu eeyyamaniif. Bara 1968tti, torbanitii si'a lama ykn sadi'i Adelle akka dhaqu eeyyamaniif. Yeroo kana Sheek Bakrii Shalda, kan fuula 20 qabu, kan inni barreesse. Shaldaan barreffama qajeelfama amantii qabate kan fakkeeffame yoo ta'u garuu jalqabaa qabee amma dhumaatti waa'ee bitta garbumma Amaaraa fi hacuuccaa Oromoorra ga'e fi rakkina sirna Hayilasillaase jalatti uummata Oromoorra ga'aa jiru kan qabate ture. Wanti biraa Shaldaa adda godhu, barreeffama guddaa jedhamuu keessaa qubee Sheek Bakrii Saphaallotti fayyadamuun kan jalqabaa fi kan dhumaas ture. 

Bara 1978tti, erga Hayila Sillaasen aangorraa bu'ee Dargiin angoo qabatee booda, Sheek Bakrii Saphaalloo fi haati manaan isaa Goola Diimaa (Red Terror) baqachuun gara Somaaliyaa deeman. Achittis buufata baqattoota Hiraan keessa galan. Sheek Bakriin gara Moqaadishoo akka deemuf eeyyama nan argadha jedhee abdatee ture. Moqaadishoos deemee hojjatee barreffama isaa maxxansuuf hawwii qaba ture. Garuu buufata baqattootaa gadi-lakkisee gara Moqaadishoo deemuf eeyyama hin arganne. Haalii buufaticha keessa jirus isaaf nama umuriin saddeettama keessa jiruuf ulfataa ta'e. Achittis yeroo dheeraa erga dhukkubsatee booda bara 1980tti umurii wagga 85tti du'e. 

Hojii Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Sheek Bakriin barreeffama baayyee amantiirratti fi amantiin-ala kan barreesse yoo ta'u, kana keessaa muraasa qofatu meeshaalee maxxansaan qophaa'ee; barreffamni baayyeen harkaan kan barreeffame ture. Barreeffamoonni kun barattoota isaa adda addaa biratti faffaca'anii turan. Hayiwaardi fi Hasan barreeffama inni barreessee kessaa saddeet kan inni Afaan Arabaan barreesse tarreessu, barreeffamoonni kun Moqaadishootti argamuu akka danda'anis heeraniiru: Dirdsa fi al-mantiqa 1-Harariyya jughrafiyyan wa bashariyyan, barreeffama qorannaa hawaasaa (geography) fi dimoograafii naannoo Harari fi kan fuula 200 qabu; barreeffama seenaa lama Janaza shamarikh min hadayiz al-tawarikh kan fuula 95 qabu, and Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh, kitaaba seenaa Oromoo kan fuula 56 qabu; barreeffama amantii sadi'i Al-mawahib al-madadiyyah fi l-'awf al-'adadiyya, Muqaddamat taysir al-zari'a (fuula 48 qaba), fi Taysir al-zari'a ila fuquhiyy fi ahkam al-shari'a; fi seenaa barsiiftota isaa (biography) lama kan armaan olitti ibsame.

Mahaammad Hasan yeroo kitaaba The Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860 barreessu barreeffama Sheek Bakrii Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh itti baayyee fayyadame. Barreeffama Sheek Bakrii kanas akkas jedhee ibse "seenaa Oromoo jalqabaa hanga ammaa irratti ibsa guddaa qaba. Seenaa Oromoo kan jalqabaarratti hanqina haa qabaatu malee sirna gadaarratti odeeffannoo gaarii qaba". Mahaammad wa'ee sirna Gadaa yeroo barreessu barreeffama Sheek Bakrii kanarratti hunda'e.

Yaaddannoo Isaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Akkuma olitti ibsametti Sheek Bakriin walaleessaa Oromoo beekkamaa dha. Akka Hayiwaardi fi Hasan jedhanitti, "Sheek Bakriin sammuu Oromootaa kana dadammaqsee fi karaa walaloo isaa kan inni Afan isaanitiin barreessen akkasumas ummanni akka qalbiitti qabatee yaadatuuf gaggabaabaa kan tureen jaalaala Oromoo argate.

Hojiin Sheek Bakri Saphaallloo inni guddaan qubee Afaan Oromoo ta'u uumuu isaati. Afaan Oromoo sirna barreeffamaa adda addaa lamaan barreeffama kana ture yoo ta'u, Sheek Bakriin lamaan isaani ni beeka ture; innis Afaan Arabaa fi Afaan Gi'izii. Sirni barreeffamaa afaan lamaanu kana Afaan Oromoo barreessuf mijatu hin turre. Kana keessaa tokko Afaan Oromoo dubbachiiftuu 10 kan qabu yoo ta'u Amaariffi garuu dubbachiiftu torba qofa qabaachuu isaati. Sheek Bakriin qorannaa afaanii (linguistics) kan baranne ykn beekkumsa sagaleewwan afaanii (phoneme) kan hin qabne yoo ta'u sirnni barreeffamaa inni uume garuu irraa caalansaa sagalee afaanii(phoneme) irratti hundaa'a. Kana jechuun sagaleewwan Afaan Oromoo tokko tokkon isaanitiif qubee tokko uume. Hayiwaardi fi Hasan itti aansun sirni barreeffamaa inni uume kun silabasii fi alfaabeetii kan walitti qabate ture jechuun dubbatu.  Sirni barreeffamaa Sheek Bakrii kun akka Afaan Arabaa walitti hdihamaa kan hin turre yoo ta'u, kunimmoo Afaan Arabaarraa caalaa Gi'iizitti kan hidhate kan fakkeessu yoo ta'u, karaa biraa ammoo qubee sagalee hin qabne kan barreeffama keessatti itti hin fayyadamane qaba; kun immoo Gi'iizii keessa kan hin jirre. Walumaagalatti sirni barreeffamaa Sheek Bakrii afaan lamaanittu hidhata kan hin qabnee fi kalaqa mataa isaati. 

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]

  • Hayward and Hassan, "The Oromo Orthography of Shaykh Bakri Saṗalō", Bulletin of the School of Oriental and African Studies, 44 (1981), p. 551
  • The Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860 (Trenton: Red Sea Press, 1994), p. 234

Liinkii Alaa[edit | Lakkaddaa gulaali]