Afaan

Wikipedia irraa
Kanaslaali 👉 qooqa

Afaan meeshaa ilmi namaa ittiin walii galuudha. Afaan qaama afaanii ykn harka fayyadamuun dubbachuun ykn mallattoon karaa itti wal-qunnamaniidha. Namni tokko jaalalaa fi jibba, gaddaa fi gammachuu, beekkumsaa fi wallaala, gaaffi fi deeboi, ilaalchaa fi yaada isaa namoota biroof ibsuuf afaan ni tajaajiila.


Ulaagaalee sabni tokko ittiin beekkamu inni guddaan afaan isaati. Afaan aadaa fi duudhaa sabaa ni calaqqisa. Itoophiyaa keessa afaanota 86 kan galmaawantu jira. Addunyaarra immoo tilmaamaan afaanota 5,000 - 7,000tu jira.


Guddinni afaan saba tokkoo guddina hawaasa isaa waliin deema. Kana jechuun, bal'inniifi dagaaginni afaan tokkoo guddina qabeenyaafi aadaa jechuun, bal'inniifi dagaaginni afaan tokkoo guddina qabeenyaafi aadaa saba sanaa waliin walqabata jechuudha. Qabeenyiifi aadaan saba tokkoo yoo guddachaa deeme, isaan dabalaman kana moggaasuun barbaachisaa ta’a. Kun ammoo, guddina afaan saba sanaatiif karaa bana. Kanaafi guddinni hawaasaafi afaanii walqunnamtii qaba kan jedhamuufis.

Amaloota afaanii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Amaloota afaan hunduu waliin qaban kan armaan gadiiti.

  • Afaan hunduu barumsaan argama.
  • Afaan hunduu seera mataa isaa qaba.
  • Afaan hunduu guutuudha.
  • Afaan ni dhalata, du'uus ni danda'a.
  • Afaan guutuma guututti kan mataa ofii danda'ee mit, ni liqeeffata.
  • Afaan ni jijjiirama.
  • Afaan hundu walqixa waa ibsuu danda'u.
  • Afaan qabatamaa miti.
  • Afaan mallattoodha.

Faayidaa afaanii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

-Yaada wal jijjiiruuf

-Waliigalle ilmoof

- Waa'ee sababa himachuuf

-Gaaffii gaafachuuf

-Deebii argachuuf

-Walii galuuf

-Waliin falmuuf

-Yaada waliigaluuf

Kanas ilaali[gulaali | lakkaddaa gulaali]