Qubee Laatinii
Qubee Laatinii kan durii, Qubee Roomaaniis jedhamee kan beekkamu, sirna barreeffamaa kan qubee Giriikirraa dhufedha. Qubeen Giriikii, Giriik duriiyyuu dabalatee, abijaadii Foneeshiyaa irraa dhufe. Itirooskanonni Room jalqabaa bulchanh, qubee Giriik fudhachuudhan fooyyessanii hojiirra oolchan. Qubeen Itirooskan ammoo dabree isaatin, Roomanota duriitin fooyya'ee Afaan Laatinii ittiin barreesuf hojiirra oole.
Bara giddu-galeessaa keessa, barreessitoonni afaanota Roomaansii, kan qajeelton Laatiniirra dhufan, barreessuufii akkasumas afaanota akka Seltiikii, Jarmaniikii, Booltikii fi Islaavikii barreessuf qubee Laatinii fudhatan. Bara koloniyaalizimii fi wangeela Kiristaanaa baballisuu keessa, qubeen Laatinii Yuurooppin alatti tatamsa'ee afaan dhalatoota Ameerikaa, Austireeliyaa, Oostirooneeshiyaa, Oostiroo'eehiyaatiik fi afaanota Afrikaa barreessuf ooluu jalqabe. Yeroo as dhiyootti, qorattoonni afaanii yeroo barreessan ykn afaan Yuurooppi kan hin taanef yeroo seera barreeffamaa waaltessan, kan akka qubee wabii Afrikaa, qubee Laatinii ykn IPA (kan ofumaafuu irraa guddaa qubee Laatiniirraa dhufe) filatu.
Jechi alfabeetii Laatinii jedhu yookan alfabeetii afaan Laatinii barreesuf oole (akka barruu kana keessatti ibsametti), yookan ammoo alfaabeetii kan biraa kan qubee Laatinii irraa dhufan ibsuu danda'a. Alfabeetota Laatiniirraa dhufan keessatti, kan akka alfabeetii Ingiliffaa dabalatee, qubeewwan Laatinii tuuta qubee hunda isaanii keessa jirudha. Alfabeetonni Laatinii kan akkasii kun qubee gatuu, akka alfabeetii Rotokasitti, ykn qubee haaraa dabaluu, akka alfabeetii Daanishii fi Noorweyitti, danda'u. Bocni qubeewwanii jaarraa baayyee keessaa jijjiiramaa dhufe, kunis qubee xixiqqaa kan Laatinii durii keessa hin jirre Laatinii Giddu-galeessatif uumuu dabalatee jijjiirama Laatiniin keessa darbedha.